-
Leewwota 16:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Achiis dhiiga sana irraa muraasa isaa fuudhee quba isaatiin iddoo aarsaa sana irratti siʼa torba facaasuudhaan, gocha xuraaʼummaa Israaʼelotaa irraa isa ni qulqulleessa.
20 “Inni iddoo qulqulluu, dunkaana walgaʼii fi iddoo aarsaa sanaaf+ araara argamsiisuu isaa erga xumuree booda,+ reʼee isa lubbuudhaan jiru sanas ni dhiheessa.+
-
-
Ibroota 8:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Namoonni kun isa fakkeenyaa fi gaaddidduu+ wantoota samii keessa jiranii+ taʼe keessatti tajaajila qulqulluu dhiheessu; kunis akkuma yeroo Museen dunkaanicha hojjechuuf jedhetti Waaqayyo, “Wanta hunda pilaanii gaaricha irratti sitti argisiifame hordofiitii of eeggannoodhaan hojjedhu”+ jedhee isa ajajetti dha.
-