-
Uumama 50:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yeroo dheeraa boodas Yoseef obboloota isaatiin, “Ani duʼuufan jedha; Waaqayyo garuu dhugumaan xiyyeeffannaa isaa gara keessanitti ni deebisa;+ inni dhugumaan biyya kana keessaa baasee, gara biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakatetti isin ni galcha” jedhe.+ 25 Kanaafuu Yoseef, “Waaqayyo dhugumaan xiyyeeffannaa isaa gara keessanitti ni deebisa. Isinis lafee koo asii fuudhaatii baʼaa” jedhee ilmaan Israaʼeliin kakachiise.+
-
-
Baʼuu 13:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Yoseef, “Waaqayyo dhugumaan xiyyeeffannaa isaa gara keessanitti ni deebisa; isinis lafee koo asii fuudhaatii baʼaa” jedhee ilmaan Israaʼel cimsee kaksiisee waan tureef, Museen lafee Yoseefis fuudhee baʼe.+
-