-
Uumama 2:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Waaqayyos guyyaa torbaffaatti hojii hojjechaa ture ni xumure; hojii isaa isa hojjechaa ture hundumaa irraas guyyaa torbaffaatti boqochuu jalqabe.+ 3 Achiis Waaqayyo guyyaa torbaffaa ni eebbise, ni qulqulleesses; sababiin isaas, Waaqayyo hojii uumamaa raawwachaa ture hundumaa irraa, wanta hojjechuuf kaayyeffate hundumaa irraas boqochuu kan jalqabe guyyaa kanatti ture.
-