-
1 Qorontos 15:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Sababiin isaas, inni hanga Waaqayyo diinota isaa hunda miila isaa jala godhutti mootii taʼee bulchuu qaba.+
-
-
Filiphisiyus 2:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol isa godhe;+ akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne;+ 10 kana kan godhes jilbi hundi, jechuunis samii keessa kan jiranii fi lafa irra kan jiran, akkasumas lafa jala kan jiran hundi maqaa Yesuusiin akka jilbeenfataniif,+
-
-
Ibroota 1:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yeroo Ilma isaa isa Angafa+ lammata gara lafaatti fidu ilaalchisees, “Maleekonni Waaqayyoo hundi isaaf haa sagadan” jedheera.
-