Daaniʼel
5 Belshaazaar Mootichi+ guguddoota isaa kuma tokkoof affeerraa guddaa ni qopheesse; innis isaan duratti daadhii wayinii dhugaa ture.+ 2 Belshaazaar daadhii wayinii dhugee yeroo itti hoʼu, mootichi, guguddoonni isaa, saajjatoonni* isaa fi haadhotiin manaa isaa warri kaan akka ittiin dhuganiif, miʼawwan warqii fi meetii warra abbaan isaa Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu keessaa fudhate akka fidan ajaje.+ 3 Isaanis miʼawwan warqii mana qulqullummaa Waaqayyoo Yerusaalemitti argamu keessaa fudhataman sana ni fidan; mootichi, guguddoonni isaa, saajjatoonni isaa fi haadhotiin manaa isaa warri kaan daadhii wayinii ittiin dhugan. 4 Isaan daadhii wayinii dhuganii waaqolii warqii, meetii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi dhagaa irraa tolfaman ni jajatan.
5 Yeruma sana qubni harka namaa mulʼatee girgiddaa mana mootummaa mootichaa isa fuullee baattuu ibsaa jiru irratti barreessuu jalqabe; yommuu inni barreessus mootichi duuba harka sanaa ni arga ture. 6 Yeroo kanatti mootichi fuulli isaa ni daalachaaʼe,* yaanni isaa isa jeeqe, tafni isaa ni hollate,+ jilbi isaas walitti rukutamuu jalqabe.
7 Mootichi warra hooda dubbatan, Kaladootaa* fi warra urjii lakkaaʼan akka waaman sagalee guddaadhaan ajaja kenne.+ Mootichi namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiraniin, “Namni barreeffama kana dubbisee hiika isaa natti himu kam iyyuu uffanni bifa dhiilgee isatti ni uwwifama, amartiin mormaa warqii irraa tolfame morma isaatti ni kaaʼama,+ mootummaa koo keessattis bulchaa sadaffaa ni taʼa”+ jedhe.
8 Yeroo kanatti namoonni ogeeyyiin mootichaa hundi ol ni seenan; haa taʼu malee, barreeffama sana dubbisuus taʼe hiika isaa mootichatti himuu hin dandeenye.+ 9 Kanaafuu, Belshaazaar Mootichi baayʼee sodaate, fuulli isaas ni daalachaaʼe; guguddoonni isaas waan godhan wallaalan.+
10 Dubbii mootichaa fi dubbii guguddoota isaatiin kan kaʼe mootittiin gara galma affeerraa sanaatti seente. Achiis akkana jette: “Yaa mootii, bara baraaf jiraadhu. Yaadni kee si hin jeeqin, fuulli kees hin daalachaaʼin. 11 Mootummaa kee keessa namichi hafuura waaqolii qulqulluu qabu tokko jira. Bara abbaa keetti, beekumsi guddaan, hubannaanii fi ogummaan kan akka ogummaa waaqolii taʼe isa keessatti argamee ture.+ Abbaan kee Nebukadnezaar Mootichi luboota falfala raawwatan, warra hooda dubbatan, Kaladootaa fi warra urjii lakkaaʼan irratti ajajaa godhee isa muudee ture;+ yaa mootii, abbaan kee akkana godhee ture. 12 Sababiin isaas, Daaniʼel inni mootichi Belteshaazaar+ jedhee moggaase sun abjuu hiikuu, dubbii dhokataa ibsuu fi rakkoowwan wal xaxoo taʼan furuu* irratti dandeettii addaa, beekumsaa fi hubannaa qaba ture.+ Egaa amma Daaniʼel haa waamamu; inni hiika isaa sitti hima.”
13 Kanaafuu, Daaniʼel mooticha duratti ni dhiheeffame. Mootichis akkana jedhee Daaniʼeliin gaafate: “Ati Daaniʼel isa namoota Yihudaa+ warra abbaan koo mootichi boojiʼee fide keessaa taate sana dhaa?+ 14 Ani hafuurri waaqolii si keessa akka jiru,+ akkasumas beekumsi guddaan, hubannaanii fi ogummaan adda taʼe si keessatti akka argame dhagaʼeera.+ 15 Namoonni ogeeyyiinii fi warri hooda dubbatan barreeffama kana akka dubbisanii fi hiika isaa akka natti himaniif na duratti dhiheeffamanii turan; taʼus isaan hiika ergaa kanaa dubbachuu hin dandeenye.+ 16 Ati garuu abjuuwwan hiikuu fi rakkoowwan wal xaxoo taʼan furuu* akka dandeessu dhagaʼeera.+ Egaa barreeffama kana dubbisuu fi hiika isaa natti himuu yoo dandeesse, uffanni bifa dhiilgee sitti uwwifama, amartiin mormaa warqii irraa tolfame morma keetti ni kaaʼama, mootummicha keessattis bulchaa sadaffaa ni taata.”+
17 Daaniʼelis akkana jedhee mootichaaf deebise: “Kennaa kee of biratti hambifadhu, wanta naaf dhiheessitus namoota kan birootiif kenni. Haa taʼu malee, barreeffamicha si mootichaaf dubbisee hiika isaa sitti nan hima. 18 Yaa mootii, Waaqni Inni Hundaa Olii Nebukadnezaar abbaa keetiif mootummaa, guddina, kabajaa fi ulfina kennee ture.+ 19 Guddina inni isaaf kenneen kan kaʼe uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi sodaadhaan isa duratti ni romʼu turan.+ Inni nama barbaade ni ajjeesa yookiin lubbuudhaan ni dhiisa, nama barbaadeef ulfina ni kenna yookiin ni salphisa ture.+ 20 Yommuu garaan isaa of tuulettii fi yommuu inni mata jabeessa taʼetti garuu, gocha of tuulummaa waan raawwateef,+ teessoo mootummaa isaa irraa ni buufame, ulfinni isaas isa irraa ni fudhatame. 21 Inni namoota gidduudhaa ni ariʼame, sammuun* isaa akkuma kan bineensaa ni taʼe, bakki jireenyaa isaas harroota bosonaa wajjin ni taʼe. Waaqni Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa akka taʼee fi isa irrattis nama barbaade akka muudu hamma beekutti akkuma qotiyyoo akka nyaatuuf margi isaaf ni kenname, qaamni isaas fixeensa samiitiin ni jiidhe.+
22 “Haa taʼu malee, ati ilmi isaa Belshaazaar kana hundumaa kan beektu taʼus, gad of hin qabne. 23 Kanaa mannaa, Gooftaa samii irratti ol of qabde;+ miʼawwan mana isaa akka siif fidanis ni goote.+ Achiis ati, guguddoonni kee, saajjatoonni kee fi haadhotiin manaa kee warri kaan daadhii wayinii ittiin dhugdanii waaqolii meetii, warqii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi dhagaa irraa tolfaman warra homaa hin argine, hin dhageenyee fi hin beekne jajattan.+ Waaqa isa hafuurri kee fi daandiiwwan kee hundi harka isaa keessa jiruuf garuu ulfina hin kennine.+ 24 Kanaafuu, inni harka sana ni erge; barreeffamni kunis ni barreeffame.+ 25 Barreeffamni sunis, MIINII, MIINII, TIQEEL, akkasumas FAARSIIN kan jedhu dha.
26 “Hiikni jechoota kanaas kana dha: MIINII jechuun, Waaqayyo guyyoota mootummaa keetii ni lakkaaʼe; akka xumuramanis ni godhe jechuu dha.+
27 “TIQEEL jechuun, ati madaalliidhaan ni madaalamte; hirʼuu taatees ni argamte jechuu dha.
28 “FEERES jechuun, mootummaan kee ni hirame; Meedonii fi Faarsiif ni kenname jechuu dha.”+
29 Sana booda Belshaazaar ajaja kenne; isaanis Daaniʼelitti uffata bifa dhiilgee uwwisan, morma isaatti amartii mormaa warqii irraa tolfame ni kaaʼan; mootummicha keessatti bulchaa sadaffaa akka taʼes ni labsan.+
30 Halkanuma sana Belshaazaar inni mootii Kaladootaa taʼe ni ajjeefame.+ 31 Achiis Daariyos+ inni nama biyya Meedon taʼe mootummaa isaa ni fudhate; umuriin isaa gara waggaa 62 ture.