Asteer
1 Bara Ahaashweros,* isa Hindii irraa jalqabee hamma Itoophiyaatti* koonyaawwan+ 127 irratti bulchaa turetti, 2 jechuunis bara Ahaashweros Mootichi dahoo* Shushaan*+ keessa teessoo mootummaa isaa irra taaʼaa turetti, 3 bara bulchiinsa isaa waggaa sadaffaatti, bulchitoota isaa fi tajaajiltoota isaa hundumaatiif affeerraa ni qopheesse. Yeroo kanatti raayyaan waraanaa Faarsii+ fi Meedon,+ guguddoonni, akkasumas bulchitoonni koonyaawwanii isa dura jiru turan; 4 innis badhaadhina mootummaa isaa isa ulfina qabeessa taʼe sanaa, akkasumas ulfina isaa fi guddina isaa guyyoota hedduudhaaf, jechuunis guyyaa 180f isaanitti argisiise. 5 Guyyoonni kun yommuu xumuramanitti, mootichi isa xinnaa irraa hamma isa guddaatti namoota dahoo* Shushaan* keessatti argaman hundumaatiif mooraa iddoo biqiltuu mana mootichaa keessatti guyyaa torbaaf affeerraa ni qopheesse. 6 Iddoon biqiltuu sun golgaawwan adii fi cuquliisaan kan miidhagfame yeroo taʼu, golgaawwan kun wadaroowwan uffata adii fi suufii bifa dhiilgee irraa tolfamaniin hidhamanii turan. Golgaawwan kun meetii qubeellaa fakkaatuun rarraafamanii utubaawwan dhagaa adii irratti hidhamanii turan. Sireewwan xixinnoon warqii fi meetii irraa tolfaman lafa dhagaa diimaa, dhagaa adii, callee* fi dhagaa gurraachaan afame irra kaaʼamanii turan.
7 Daadhiin wayinii xoofoo* warqiitiin dhihaata ture; xoofoon sun tokkoon tokkoon isaa isa kan biraa irraa adda ture; akkasumas akkuma qabeenya mootichaatti daadhiin wayinii mootichaa baayʼinaan dhihaatee ture. 8 Mootichi namni hundi wanta barbaade akka godhu abbootii taayitaa mana mootummaa isaatiif qajeelfama kennee waan tureef, akka seerichaatti namni kam iyyuu dhugaatii sana ilaalchisee dirqamni isa irra hin jiru* ture.
9 Waashtii+ Mootittiinis mana mootummaa Ahaashweros Mootichaatti dubartootaaf affeerraa qopheessitee turte.
10 Guyyaa torbaffaatti mootichi yommuu daadhii wayinii dhugee gammadee turetti, abbootii taayitaa mana mootummaa torban warri Ahaashweros Mooticha tajaajilan, jechuunis Mehumaan, Biztaan, Harboonaan,+ Bigtaan, Abaagtaan, Zetaarii fi Kaarkaas, 11 gonfoo* mootummaa akkuma kaaʼattetti Waashtii Mootittii mooticha duratti akka dhiheessan isaanitti hime; kanas kan godhe, ishiin baayʼee bareedduu waan turteef, bareedina ishii namoota sanaa fi bulchitoota sanatti argisiisuuf ture. 12 Haa taʼu malee, Waashtii Mootittiin ajaja mootichaa isa karaa abbootii taayitaa mana mootummaa kennameef ajajamtee dhufuu matumaa ni didde. Yeroo kanatti mootichi baayʼee aare, ni dheekkames.
13 Sana booda mootichi namoota ogeeyyii yeroo bara durii* ilaalchisee hubannaa guddaa qaban ni mariisise (sababiin isaas, dhimmi mootichaa namoota seerichaa fi dhimmoota seeraa akka gaariitti beekan hundumaa duratti haala kanaan dhihaata ture; 14 bulchitoonni Faarsii fi Meedon warri hundumaa caalaa isatti dhihaatan torban+ Kaarsheenaa, Shetaar, Admaataa, Tarshiish, Meeres, Maarseenaa fi Memukaan yeroo taʼan, isaan mooticha duratti dhihaachuu kan dandaʼanii fi mootummaa sana keessatti aangoo hundumaa irra caalu kan qaban turan). 15 Mootichis, “Waashtii Mootittiin ajaja Ahaashweros Mootichi karaa abbootii taayitaa mana mootummaa dabarseef ajajamuu waan diddeef, akka seeraatti maaltu ishii irratti raawwatamuu qaba?” jedhee gaafate.
16 Yeroo kanatti Memukaan mootichaa fi bulchitoota achitti argaman duratti akkana jedhe: “Waashtii Mootittiin balleessaa kan raawwatte+ mooticha irratti qofa utuu hin taʼin, bulchitoota hundumaa fi namoota hundumaa warra koonyaawwan Ahaashweros Mootichaa hundumaa keessa jiran irratti dha. 17 Sababiin isaas, wanti mootittiin raawwatte haadhotii manaa hundumaa biratti ni beekama; isaanis, ‘Ahaashweros Mootichi, Waashtii Mootittii isa duratti akka dhiheessan ajajee ture; ishiin garuu dhufuu didde’ jedhanii abbootii manaa isaanii tuffatu. 18 Guyyaa harʼaatti giiftonni Faarsii fi Meedon warri wanta mootittiin goote kana beekan bulchitoota mootichaa hundumaatti haaluma kanaan ni dubbatu; kunis tuffii fi dheekkamsa guddaa fida. 19 Mootichi gaarii taʼee yoo isatti mulʼate, labsiin mootummaa Waashtiin matumaa lammata Ahaashweros Mooticha duratti akka hin seenne ibsu isa biraa haa baʼu; labsiin kunis seerawwan Faarsii fi Meedon warra jijjiiramuu hin dandeenye+ keessatti haa barreeffamu; mootichis aangoo ishiin mootuu taʼuudhaan qabdu dubartii kan biraa ishii irra wayyituuf haa kennu. 20 Labsiin mootichaa guutummaa bulchiinsa isaa isa balʼaa taʼe keessatti yommuu dhagaʼamu, xinnaa guddaa utuu hin jedhin haadhotiin manaa hundi abbootii manaa isaaniitiif ulfina ni kennu.”
21 Yaanni dhihaate kunis mootichaa fi bulchitoota sana ni gammachiise; mootichis wanta Memukaan dubbate ni raawwate. 22 Kanaafuu, abbaan manaa hundi mana isaa keessatti gooftaa* akka taʼuu fi qooqa saba isaatiin akka dubbatuuf, mootichi koonyaawwan mootichaa hundumaatiif, tokkoon tokkoon koonyaawwan sanaatiif barreeffama* isaaniitiin, akkasumas namoota hundumaatiif qooqa isaaniitiin xalayaa erge.+