Seenaa Baraa Isa Lammaffaa
26 Achiis namoonni Yihudaa hundi Ooziyaa+ isa umuriin isaa waggaa 16 taʼe fuudhanii bakka abbaa isaa Amaaziyaa mootii isa godhan.+ 2 Mootichi* abbootii isaa wajjin erga boqotee booda, inni Eelootiin+ deebisee ijaaree Yihudaadhaaf ishii deebise.+ 3 Ooziyaan+ yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 16 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 52f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yikooliyaa yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte.+ 4 Akkuma abbaan isaa Amaaziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 5 Inni bara Zakkaariyaas isa Waaqa dhugaa akka sodaatu isa barsiise sanaatti Waaqa ni barbaaddata ture. Yeroo inni Yihowaa barbaaddachaa turettis Waaqni dhugaan badhaadhina isaaf ni kenne.+
6 Innis baʼee Filisxeemotaa+ wajjin wal waraanuudhaan, dallaa Gaat,+ dallaa Yaabnee+ fi dallaa Ashdood+ ni diige. Achiis naannoo Ashdoodii fi naannoo Filisxeemotaa keessatti magaalota ni ijaare. 7 Waaqni dhugaanis Filisxeemota, Araboota+ warra Gurbaʼaal keessa jiraatanii fi namoota Meʼuniim akka moʼu isa gargaare. 8 Amoononnis+ Ooziyaadhaaf gibira kaffaluu jalqaban. Inni akka malee humna qabeessa waan taʼeef, dhuma irratti beekamummaan isaa hamma Gibxiitti babalʼate. 9 Kana malees, Ooziyaan Yerusaalem keessatti Karra Golee,+ Karra Sululaa+ fi Deggertuu Dallaa biratti masaraawwan ni ijaare;+ isaaniinis ni cimse. 10 Dabalataanis, inni lafa onaa keessatti masaraawwan ni ijaare;+ boollawwan bishaan itti kuusan hedduus ni qote* (sababiin isaas, inni horii hedduu qaba ture); Shefelaa fi dirree sana keessattis akkanuma ni godhe. Inni hojii qonnaa waan jaallatuuf, gaarotaa fi Qarmeelos keessatti qonnaan bultootaa fi namoota maasii wayinii keessatti hojjetan qaba ture.
11 Kana malees, Ooziyaan raayyaa waraanaa waraanaaf hidhate qaba ture. Isaanis garee gareedhaan gurmaaʼanii waraanaaf ni baʼu turan. Yeyiʼel inni barreessaa+ taʼee fi Maaʼaaseyaan inni geggeessaa taʼe, ajaja Hanaaniyaa isa bulchitoota mootichaa keessaa tokko taʼe jala taʼanii isaan ni lakkaaʼu, akkasumas ni galmeessu turan.+ 12 Guutummaan dura buutota manneen abbootii warri loltoota jajjaboo kana irratti aangoo qaban lakkoofsi isaanii 2,600 ture. 13 Loltoonni hidhatan warri ajaja isaanii jala turanii fi waraanaaf qophaaʼan lakkoofsi isaanii 307,500 ture; kunis humna waraanaa jabaa namoota diina waraanuu irratti mooticha gargaaran qabate dha.+ 14 Ooziyaanis guutummaa raayyaa waraanaa sana gaachanoota, eeboowwan,+ baarmeexaawwan sibiilaa, kootiiwwan sibiilaa,+ iddaawwanii fi dhagoota furrisaa+ ni hidhachiise. 15 Kana malees, inni Yerusaalem keessatti meeshaawwan waraanaa namoota ogummaa qabaniin qophaaʼe ni hojjete; meeshaawwan kunis masaraawwanii+ fi golee dallaawwanii irra kaaʼamanii xiyyawwan futtaasuu fi dhagoota guguddaa darbachuuf oolu turan. Inni gargaarsa guddaa waan argateef, jabaachaas waan deemeef, bakka hundumaatti beekamaa ni taʼe.
16 Haa taʼu malee, inni akkuma jabaachaa deemeen, of tuuluudhaan badiisa ofitti fide; iddoo aarsaa ixaanaa irratti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Yihowaatti seenuudhaan Waaqa isaa Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafe.+ 17 Azaariyaan lubichii fi luboonni Yihowaa onnatoo taʼan 80ni kaan yeruma sana isa duukaa buʼanii gara keessaatti seenan. 18 Achiis, “Yaa Ooziyaa, ati Yihowaadhaaf ixaana aarsuun kee sirrii miti!+ Isaan sanyii Aaron warra qulqulleeffaman waan taʼaniif ixaana aarsuu kan qaban luboota qofa dha.+ Ati amanamaa waan hin taaneef, iddoo qulqulluu keessaa baʼi; kana gochuun kee Yihowaa biraa ulfina siif hin argamsiisu” jedhanii Ooziyaa Mooticha morman.
19 Haa taʼu malee, Ooziyaan inni ixaana aarsuuf qodaa ixaanaa harka isaatti qabatee ture ni dheekkame;+ utuma inni lubootatti dheekkamaa jiruus, mana Yihowaa keessatti iddoo aarsaa ixaanaa biratti luboota duratti dhukkubni nadaayii+ adda isaa irratti baʼe. 20 Azaariyaan inni dura buʼaa lubootaa taʼee fi luboonni hundi gara isaatti yommuu garagalan, addi isaa dhukkuba nadaayiitiin rukutamee argan! Kanaafuu, isaan hatattamaan achi keessaa gad isa baasan; Yihowaan waan isa rukuteef innis ariifatee gad baʼe.
21 Ooziyaan Mootichi hamma guyyaa duʼa isaatti dhukkuba nadaayiitiin qabamee jiraate; inni dhukkuba nadaayiitiin qabamee mana adda baafame tokko keessa kophaa isaa jiraate;+ mana Yihowaa keessa akka hin seennes dhorkamee ture. Ilmi isaa Yootaam mana mootichaa irratti itti gaafatamaa taʼee namoota biyyattiitiif murtii kenna ture.+
22 Isaayyaas+ raajichi ilmi Amooz, jalqabaa kaasee hamma dhumaatti seenaa Ooziyaa isa hafe barreesseera. 23 Achiis Ooziyaan abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis abbootii isaa wajjin isa ni awwaalan; taʼus isaan, “Inni nama dhukkuba nadaayiitiin qabame dha” jechuudhaan dirree iddoo awwaalchaa moototaatii alatti argamu keessatti isa awwaalan. Ilmi isaa Yootaamis+ bakka isaa mootii taʼe.