Keessa Deebii
16 “Waaqni kee Yihowaan halkan keessa biyya Gibxii keessaa kan si baase jiʼa Abiibitti* waan taʼeef,+ jiʼa Abiib yaadadhu; Waaqa kee Yihowaadhaafis Faasikaa kabaji.+ 2 Bakka Yihowaan maqaan isaa achi akka jiraatu filatutti+ bushaayee fi loon kee keessaa+ Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa Faasikaa dhiheessi.+ 3 Wanta raacitii qabu akkamii iyyuu isaa wajjin hin nyaatin;+ ati biyya Gibxii keessaa kan baate ariitiidhaan waan taʼeef,+ guyyaa torbaaf maxinoo, jechuunis maxinoo rakkinaa nyaadhu. Guyyaa biyya Gibxii keessaa itti baate akka yaadattuuf bara jireenyaa kee hundumaatti akkana godhi.+ 4 Bukoon raacitii qabu naannoo kee hundumaatti guyyaa torbaaf argamuu hin qabu;+ aarsaa guyyaa jalqabaa galgala dhiheessitu irraas foon akkamii iyyuu buluu hin qabu.+ 5 Magaalota Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessaa bakkuma filattetti aarsaa Faasikaa akka dhiheessitu siif hin heyyamamu. 6 Kanaa mannaa, bakka Waaqni kee Yihowaan maqaan isaa achi akka jiraatu filatutti dhihaachuu qaba. Guyyuma* biyya Gibxii keessaa itti baatetti, galgala akkuma aduun lixxeen aarsaa Faasikaa dhiheessuu qabda.+ 7 Isas bakka Waaqni kee Yihowaan filatutti+ bilcheessii nyaadhu;+ yommuu bariʼus gara dunkaana keetti deebiʼuu dandeessa. 8 Guyyaa jaʼaaf maxinoo nyaadhu; guyyaa torbaffaatti Waaqa kee Yihowaadhaaf walgaʼii qulqulluun ni taʼa. Hojiis hin hojjetin.+
9 “Torban torba lakkaaʼi. Guyyaa yeroo jalqabaatiif haamtuudhaan midhaan haamuu jalqabde irraa kaasiitii torban torba lakkaaʼi.+ 10 Achiis akkuma Waaqni kee Yihowaan si eebbisetti, kennaa fedhiidhaan dhihaatu isa harka kee irraa kennituun+ Waaqa kee Yihowaadhaaf Ayyaana Torbeewwanii ni kabajja.+ 11 Bakka Waaqni kee Yihowaan maqaan isaa akka achi jiraatu filatuttis ati, ilmi kee, intalli tee, garbichi kee, garbittiin tee, Leewwonni magaalota* kee keessa jiran, namni biyya ormaa, daaʼimni abbaa hin qabnee* fi dubartiin abbaan manaa irraa duʼe, warri si gidduutti argaman Waaqa kee Yihowaa duratti ni gammaddu.+ 12 Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turte yaadadhu;+ dambiiwwan kana eegi, hojii irras oolchi.
13 “Oobdii kee, akkasumas bakka zayitii fi wayinii kee itti cuunfitu irraa oomisha kee yommuu galfattu guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii* kabaji.+ 14 Ati, ilmi kee, intalli tee, garbichi kee, garbittiin tee, Leewwonni, namni biyya ormaa, daaʼimni abbaa hin qabnee fi dubartiin abbaan manaa irraa duʼe, warri magaalota kee keessa jiran yeroo ayyaanaa kee kanatti gammadaa.+ 15 Waaqni kee Yihowaan oomisha kee hundumaa fi wanta gootu hundumaa waan eebbisuuf,+ bakka Yihowaan filatutti guyyaa torba Waaqa kee Yihowaadhaaf ayyaana ni kabajja;+ atis baayʼee ni gammadda.+
16 “Dhiironni kee hundi bakka inni filatutti waggaatti siʼa sadii jechuunis, Ayyaana Maxinoo irratti,+ Ayyaana Torbeewwanii irrattii+ fi Ayyaana Daasii*+ irratti Waaqa kee Yihowaa duratti haa dhihaatan; isaan keessaa eenyu iyyuu harka duwwaa Yihowaa duratti hin dhihaatin. 17 Kennaan tokkoon tokkoon namaa fidu eebba Waaqni kee Yihowaan siif kennee wajjin kan wal gitu haa taʼu.+
18 “Magaalota* Waaqni kee Yihowaan siif kennu hundumaa keessatti tokkoon tokkoon gosaatiif abbootii murtii+ fi geggeessitoota muudi; isaanis sabichaaf murtii qajeelaa kennuu qabu. 19 Haqa hin jalʼisin,+ hin loogin+ yookiin mattaʼaa hin fudhatin; sababiin isaas, mattaʼaan ija ogeessaa ni jaamsa,+ dubbii nama qajeelaas ni jalʼisa. 20 Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessa jiraachuu kee akka itti fuftuuf, isa akka dhaaltuufis haqa, eeyyee, haqa hordofi.+
21 “Iddoo aarsaa isa Waaqa kee Yihowaadhaaf ijaartu biratti muka gosa akkamii iyyuu utubaa waaqeffannaa* gootee hin dhaabin.+
22 “Siidaa waaqeffannaa isa Waaqni kee Yihowaan jibbus ofii keetiif hin dhaabin.+