Weedduu Weedduu caalu
7 “Yaa intala kabajamtuu taate nana,
Miilli kee kophee kee keessatti akkam bareeda!
Bocni tafa keetii akkuma faayawwan
Harka ogeessaatiin tolfamanii ti.
2 Handhuurri kee saanii golboo dha.
Inni matumaa daadhii wayinii walitti makame hin dhabin.
Garaan kee tuullaa qamadii
Abaaboodhaan marfame dha.
3 Harmi kee lamaan akkuma ilmoolee borofaa lamaa,
Akkuma borofa lakkuu ti.+
4 Mormi kee+ akkuma masaraa ilka arbaatiin tolfamee ti.+
Funyaan kee akkuma masaraa Libaanon
Isa gara Damaasqootti garagale sanaa ti.
Mootichi rifeensa kee isa jigeen boojiʼameera.*
6 Yaa durba jaallatamtuu nana, ati akkam bareedda, akkam nama gammachiista!
Wanta nama gammachiisu hundumaa caalaa baayʼee nama gammachiista!
7 Dhaabbiin kee akkuma muka meexxii ti.
Harmi kees akkuma teemirii walitti tuutaʼee ti.+
8 Anis, ‘Dameewwan firii isaa qabachuuf
Muka meexxiitti ol nan baʼa’ nan jedhe.
Harmi kee akkuma firii wayinii walitti tuutaʼee,
Hafuurri kee akkuma urgaa poomii,
9 Afaan* kees akkuma daadhii wayinii hunda irra caaluu haa taʼu.”
“Daadhiin wayinii kun suuta jedhee jaalallee kootiif gad haa buʼu,
Hidhii warra rafan sanaa irra suuta jedhee haa dhangalaʼu.
10 Ani kan jaalallee koo ti,+
Innis na hawwa.
12 Mukti wayinii akka late,
Daraaraan akka daraare,+
Mukti romaaniis akka daraare ilaaluuf,+
Ganamaan kaanee gara maasii wayinii haa dhaqnu.
Anis achitti jaalalan siif qabu nan ibsa.+
Yaa jaalallee koo, ani firii isa haaraas taʼe isa duraanii
Siif kaaʼeera.