Faarfannaa Daawit.
23 Yihowaan tiksee koo ti.+
Homtuu natti hin hirʼatu.+
2 Kaloo lalisaa keessa akkan ciisu godha;
Gara iddoo boqonnaa bishaan baayʼee qabutti na geessa.+
3 Inni na haaromsa.+
Maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelummaa irra na geggeessa.+
4 Ati anaa wajjin waan jirtuuf,+
Sulula dukkanaaʼaa keessa yoon deeme illee,+
Miidhaan na irra gaʼa jedhee hin sodaadhu;+
Uleen ittiin tiksituu fi uleen ittiin qajeelchitu na jajjabeessu.
5 Diinota koo duratti maaddii naaf qopheessita.+
Mataa koo zayitiidhaan jiista;+
Xoofoon koo guutee irraa dhangalaʼa.+
6 Bara jireenyaa koo hundumaatti gaarummaan kee fi jaalalli kee inni amanamaan dhugumaan na hordofu;+
Anis bara jireenyaa koo hundumaatti mana Yihowaa keessa nan jiraadha.+