Keessa Deebii
20 “Diinota kee loluuf gara waraanaa dhaqxee fardeen isaanii, gaariiwwan fardaa isaanii fi loltoota isaanii warra kan kee irra lakkoofsaan baayʼee caalan yommuu argitu isaaniin kan kaʼe hin sodaatin; sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan inni biyya Gibxii keessaa si baase sii wajjin jira.+ 2 Yommuu gara waraanaatti baʼuuf jettan, lubichi dhihaatee sabichatti haa dubbatu.+ 3 Akkana isaaniin haa jedhu: ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi, amma isin diinota keessan waraanuuf jettu. Hin naʼinaa. Isaaniin kan kaʼe hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa yookiin hin hollatinaa; 4 sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan diinota keessan isiniif loluu fi isin oolchuuf isinii wajjin ni baʼa.’+
5 “Geggeessitoonnis sabichaan akkana haa jedhan: ‘Namni mana haaraa ijaaree hin eebbisiisne jiraa? Gara mana isaatti haa deebiʼu. Taʼuu baannaan, inni waraana irratti duʼee namni kan biraan mana isaa eebbisiisuu dandaʼa. 6 Namni muka wayinii dhaabee firii isaa galfachuu hin jalqabne jiraa? Gara mana isaatti haa deebiʼu. Taʼuu baannaan, inni waraana irratti duʼee namni kan biraan firii wayinii isaa galfachuu dandaʼa. 7 Namni durba kaadhimatee ishii hin fuune jiraa? Gara mana isaatti haa deebiʼu.+ Taʼuu baannaan, inni waraana irratti duʼee namni kan biraan ishii fuudhuu dandaʼa.’ 8 Akkasumas geggeessitoonni akkana jedhanii sabicha haa gaafatan: ‘Namni sodaatee fi naʼe jiraa?+ Garaan obboloota isaas akkuma kan isaa akka sodaatu* akka hin gooneef,+ gara mana isaatti haa deebiʼu.’ 9 Geggeessitoonni wanta kana sabichatti dubbatanii yommuu xumuran, ajajjoota raayyaa waraanaa sabicha geggeessan haa muudan.
10 “Magaalaa tokko waraanuuf yommuu gara ishiitti dhihaattu, dhaamsa nagaa ishiidhaaf labsi.+ 11 Magaalattiin deebii nagaa yoo siif kennitee fi karra ishii yoo siif bante, namoonni achitti argaman hundi warra hojii dirqamaa siif hojjetan ni taʼu; si tajaajilus.+ 12 Haa taʼu malee, ishiin sii wajjin nagaa uumuu diddee si waraanuuf yoo kaate ishiitti marsi; 13 Waaqni kee Yihowaanis dhugumaan harka keetti dabarsee ishii ni kenna; atis dhiira ishii keessatti argamu hundumaa goraadeedhaan rukuti. 14 Taʼus, wanta magaalattii keessaa boojite hundumaa, jechuunis dubartoota, daaʼimman, horii qeʼee fi wanta ishii keessatti argamu hundumaa saamtee fudhachuu ni dandeessa;+ wanta diinota kee irraa boojitee fi Waaqni kee Yihowaan siif kennes ni nyaatta.+
15 “Magaalota si irraa baayʼee fagaatanii jiran hundumaa irratti akkana goota; magaalota saboota sitti dhihoo jiranii irratti garuu akkana hin gootu. 16 Magaalota saboota kanaa warra Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti garuu, wanti hafuura baafatu tokko illee akka oolu hin godhin.+ 17 Kanaa mannaa, akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti isaaniin, jechuunis Heetota, Amoorota, Kanaʼaanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota guutummaatti balleessi;+ 18 kunis, isaan wantoota jibbisiisoo waaqolii isaaniitiif godhan hundumaa akka isin hin barsiisnee fi Waaqa keessan Yihowaa irratti cubbuu akka hojjettan akka isin hin gooneefi.+
19 “Magaalaa tokko qabachuuf yoo ishiitti marsitee fi guyyoota hedduudhaaf yoo ishii lolte, mukeetii ishii qottoodhaan murtee hin balleessin. Firii isaanii nyaachuu kan dandeessu taʼus, isaan muruu hin qabdu.+ Sababiin isaas, akka nama balleessitutti muka balleessuu hin qabdu. 20 Muka nyaataaf akka hin taane beektu qofa balleessuu dandeessa. Muka kana murtee magaalaan si lolaa jirtu hamma kuftutti ishiitti marsitee dallaa ijaaruu ni dandeessa.