Ermiyaas
13 Yihowaan, “Dhaqi, qabattoo quncee talbaa irraa tolfame bitadhuutii mudhiitti hidhadhu; garuu bishaan keessa hin cuuphin” naan jedhe. 2 Kanaafuu, ani akkuma dubbii Yihowaatti qabattoo bitee mudhiitti nan hidhadhe. 3 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu yeroo lammaffaadhaaf gara koo ni dhufe: 4 “Qabattoo bittee hidhatte sana fuudhiitii kaʼi; gara Efraaxis dhaqiitii baqaqaa kattaa keessa jiru tokko keessa isa dhoksi.” 5 Kanaafuu, akkuma Yihowaan na ajajetti dhaqeen Efraaxis biratti isa dhokse.
6 Guyyoota hedduu booda garuu Yihowaan, “Kaʼi, gara Efraaxis dhaqiitii qabattoo akka dhoksitu ani si ajaje sana achii fuudhi” naan jedhe. 7 Kanaafuu, ani gara Efraaxis dhaqee qabattoo sana bakkan dhoksee ture keessaa qotee nan baase; qabattoon sun akka mancaʼes nan hubadhe; guutummaatti faayidaadhaa ala taʼee ture.
8 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 9 “Yihowaan akkana jedha: ‘Haaluma wal fakkaatuun, anis of tuulummaa Yihudaa fi of tuulummaa cimaa Yerusaalem nan balleessa.+ 10 Sabni hamaan dubbii kootiif ajajamuu didanii+ mata jabinaan garaa isaanii duukaa buʼan+ warri waaqolii kan biroo hordofan, isaan tajaajilanii fi isaaniif sagadan kunis akkuma qabattoo isa guutummaatti faayidaadhaa ala taʼe sanaa ni taʼu.’ 11 Yihowaan akkana jedha: ‘Akkuma qabattoon mudhii namaatti maxxanu, anis guutummaan mana Israaʼelii fi guutummaan mana Yihudaa akka natti maxxanu nan godhe; kunis, isaan anaaf saba,+ maqaa,+ ulfinaa fi wanta bareedaa akka taʼaniifi. Isaan garuu hin ajajamne.’+
12 “Ergaa kanas isaanitti himi: ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel, “Gaaniin hundi daadhii wayiniitiin ni guutama” jedha.’ Isaanis, ‘Nuti gaaniin hundi daadhii wayiniitiin akka guutamu hin beeknuu?’ jedhanii siif deebisu. 13 Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani jiraattota biyya kanaa hundumaa, mootota teessoo Daawit irra taaʼan, luboota, raajotaa fi jiraattota Yerusaalem hundumaa nan macheessa.+ 14 Isa tokko isa kan biraatti, abbootaa fi ilmaanis walitti rukutee nan caccabsa.+ Gara laafina isaanitti hin argisiisu yookiin isaaniif hin gaddu yookiin araara akkamii iyyuu isaanitti hin argisiisu; isaan balleessuu irraa wanti na dhowwus hin jiraatu” jedha Yihowaan.’+
15 Dhagaʼaa, xiyyeeffannaas kennaa.
Of hin tuulinaa, Yihowaan dubbateera.
16 Dukkana fiduu isaa dura,
Miilli keessanis dimimmisa keessa gaarota irratti gufachuu isaa dura,
Waaqa keessan Yihowaadhaaf ulfina kennaa.
Isin ifa akka argattan abdattu,
Inni garuu gaaddisa cimaa fida;
Gara dukkana cimaattis isa ni jijjiira.+
17 Isin dhagaʼuu yoo diddan,
Ani of tuulummaa keessaniin kan kaʼe dhoksaatti nan booʼa.
Hoolonni Yihowaa+ boojuudhaan waan fudhatamaniif,
Imimmaan hedduu nan dhangalaasa, ijji koos imimmaan ni lolaasa.+
18 ‘Gonfoon keessan inni bareedaan mataa keessan irraa waan kufuuf,
Iddoo gad aanaa taaʼaa’ jedhiitii mootichattii fi haadha mootichaatti*+ himi.
19 Magaalonni kibbaa cufamaniiru,* kan isaan banus hin jiru.
Guutummaan Yihudaa boojuudhaan fudhatameera, eeyyee, guutummaatti boojiʼameera.+
20 Ol jedhiitii warra kaaba irraa dhufaa jiran ilaali.+
Bushaayeen siif kenname, hoolonni kee warri babbareedoon sun eessa jiru?+
21 Michoota kee warra sitti dhihaatan warra jalqabumaa kaastee michoomfatte irraa
Adabni kee yommuu dhufu maal jetta?+
Akkuma dubartii daʼuuf jettuutti ciniinsuun si hin qabuu?+
22 Ati garaa keetti, ‘Wantoonni kun kan na irra gaʼan maaliifi?’ jettee yoo yaadde,+
Qamisiin kee si irraa kan baafame,+
Koomeen kees akka malee kan miidhame balleessaa cimaa raawwatteen kan kaʼe dha.
23 Namni Kuush* bifa isaa, qeerransi hoo buburrina isaa jijjiiruu ni dandaʼaa?+
Taanaan, isin warri wanta hamaa gochuuf leenjitanis
Wanta gaarii gochuu ni dandeessu jechuu dha.
24 Kanaafuu, ani akkuma citaa bubbee gammoojjiitiin fudhatamuutti isaan nan bittinneessa.+
25 Carraan kee, gaʼeen ani siif kaaʼe isa kana” jedha Yihowaan,
“Sababiin isaas, ati na irraanfatteetta,+ sobattis ni amanamta.+
26 Kanaafuu, ani qamisii kee soqolee fuula keetti nan haguuga,
Qaaniin kees ni mulʼata.+
27 Ejji raawwattee+ fi kajeellaadhaan himimsuun kee,
Sagaagalummaan kee inni balfamaanis* ni mulʼata.
Ani tabbawwan irrattii fi dirree keessatti,
Amala kee isa jibbisiisaa argeera.+
Yaa Yerusaalem, siif wayyoo!
Hamma yoomiitti akka xurooftetti jiraatta?”+