Weedduu Weedduu caalu
2 “Jaalalleen too ijoollee durbaa gidduutti
Akkuma abaaboo qoree gidduu jirtuu ti.”
3 “Jaalalleen koo ijoollee dhiiraa gidduutti
Akkuma muka poomii mukeetii bosonaa gidduu jiruu ti.
Ani gaaddisa isaa jala taaʼuuf baayʼeen hawwa,
Firiin isaas natti miʼaawa.
4 Gara mana affeerraatti* na geesse,
Faajjiin inni na gubbaatti fannises jaalala dha.
5 Jaalalaan waanan dhukkubsadheef,
Bixxillee zabiibiitiin na haaromsaa,+
Poomiidhaanis na jajjabeessaa.
6 Harki isaa inni bitaan mataa koo jala jira,
Harki isaa inni mirgaas na hammata.+
Hamma ofii isaatiin kakaʼutti, na keessatti jaalala dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa.+
8 Sagaleen jaalallee kootii ni dhagaʼama!
Kunoo, inni dhufaa jira,
Gaarota irra baʼaa jira, tabbawwan irras utaalaa jira.
9 Jaalalleen koo akkuma borofaa, akkuma ilmoo gadamsaa ti.+
Inni kuunnoo, girgiddaa keenya duuba dhaabbatee
Karaa foddaa
Karaa golgaa foddaas ilaalaa jira.
10 Jaalalleen koo akkana jedhee natti dubbate:
‘Yaa jaalallee too, kaʼi,
Yaa bareedduu too, naa wajjin kottu.
11 Kunoo, ganni* darbeera.
Bokkaan caameera, sokkeeras.
12 Daraaraawwan biyyattii keessatti mulʼataniiru,+
Yeroon muka wayinii itti gondolan* gaʼeera,+
Sagaleen gugee bosonaas biyya keenya keessatti dhagaʼameera.+
13 Firiin muka harbuu inni jalqabaa bilchaateera;+
Mukti wayinii daraareera, urgaaʼaa jiras.
Yaa jaalallee too, kaʼiitii kottu.
Yaa bareedduu too, naa wajjin kottu.
14 Sagaleen kee kan nama gammachiisu, bifti kees bareedaa waan taʼeef,+
Yaa gugee too, dahoo kattaa keessatti,+
Gola hallayyaa keessattis,
Si arguu fi sagalee kee dhagaʼuu nan barbaada.’”+
15 “Maasiin wayinii keenyaa waan daraareef,
Jeedaloota sana,
Eeyyee, ilmoolee jeedalootaa warra maasii wayinii balleessan nuuf qabaa.”
16 “Jaalalleen koo kan koo ti, anis kan isaa ti.+
Inni abaaboowwan gidduutti tiksaa jira.+