Hisqiʼel
3 Achiis inni, “Yaa ilma namaa, wanta si dura jiru* nyaadhu. Maraa kitaabaa kana nyaadhuutii dhaqii mana Israaʼelitti dubbadhu”+ naan jedhe.
2 Kanaafuu, afaan koo nan bane; innis maraa kitaabaa kana afaan na kaaʼe. 3 Itti fufuudhaanis, “Yaa ilma namaa, maraa kitaabaa ani siif kenne kana nyaadhuutii garaa kee ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; innis afaan koo keessatti akka dammaa kan miʼaawu ture.+
4 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, mana Israaʼel gidduu deemiitii dubbii koo isaanitti himi. 5 Sababiin isaas, ati kan ergamte gara saba afaan hubachuuf rakkisaa taʼe yookiin gara saba afaan hin beekamne dubbatutti utuu hin taʼin, gara mana Israaʼelitti dha. 6 Ati kan ergamte gara saboota hedduu afaan hubachuuf rakkisaa taʼe yookiin afaan hin beekamne dubbatan warra ati jechoota isaanii hubachuu hin dandeenyetti miti. Utuun gara isaanitti si ergeera taʼee, isaan si dhagaʼu turan.+ 7 Manni Israaʼel garuu na dhagaʼuu waan hin barbaanneef, si hin dhagaʼan.+ Warri mana Israaʼel keessa jiran hundi boqu jabeeyyii fi mata jabeeyyii dha.+ 8 Kunoo, ani fuulli kee akkuma fuula isaanii jabaa akka taʼu, addi kees akkuma adda isaanii jabaa akka taʼu godheera.+ 9 Adda kee akkuma almaazii godheera; dhagaa jabaa caalaas cimaa godheera.+ Isaan finciltoota waan taʼaniif, isaan hin sodaatin yookiin fuulli isaanii si hin naasisin.”+
10 Itti fufuudhaanis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, dubbii koo isan sitti dubbadhu hundumaa dhagaʼi, garaattis qabadhu. 11 Namoota* saba keetii warra boojiʼaman+ gidduu deemiitii isaanitti dubbadhu. Isaan yoo dhagaʼanis dhagaʼuu yoo didanis,+ ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha’ isaaniin jedhi.”
12 Hafuurri tokkos ol na kaase;+ anis duuba kootii sagalee guddaan gungumu tokko, “Ulfinni Yihowaa iddoo isaa irraa haa jajamu” utuu jedhuu nan dhagaʼe. 13 Sagaleen qoochoon uumamawwan jiraatoo sanaa yommuu walitti buʼu uumamuu+ fi sagaleen geengoowwan isaan bira jiran sanaa,+ akkasumas sagaleen gungummii guddaa tokko ni dhagaʼama ture. 14 Hafuurichis ol kaasee na fudhate; anis gaddaa fi aariidhaan gubachaa nan deeme;* harki Yihowaa inni cimaanis na irra buufatee ture. 15 Kanaafuu, ani gara namoota boojiʼamanii fi Teel Abiib keessa laga Kebaar+ bira jiraatan sanaa dhaqeen bakka isaan jiraatan sana taaʼe; guyyaa torbaafis hadoodeen+ isaan gidduu taaʼe.
16 Guyyaan torba yeroo xumuramuttis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:
17 “Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼel irratti waardiyyaa godhee si muudeera;+ dubbii afaan koo keessaa baʼu yommuu dhageessu, isaaniin naaf akeekkachiisi.+ 18 Yommuu ani nama hamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, ati immoo yoo isa akeekkachiisuu baatte, akkasumas inni lubbuudhaan jiraachuu akka dandaʼuuf+ daandii isaa isa hamaa irraa akka deebiʼu nama hamaa sana akeekkachiisuuf yoo dubbachuu dhiiste, inni hamaa waan taʼeef balleessaa isaatiin ni duʼa;+ dhiiga isaa garuu si irraa nan barbaada.*+ 19 Haa taʼu malee, nama hamaa tokko yoo akeekkachiiste, inni garuu hammina isaa fi daandii isaa isa hamaa irraa deebiʼuu yoo dide, inni balleessaa isaatiin ni duʼa, ati garuu dhugumaan lubbuu kee ni oolfatta.+ 20 Garuu, namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa dhiisee balleessaa yoo raawwate,* ani wanta isa gufachiisu isa dura nan kaaʼa, innis ni duʼa.+ Ati yoo isa akeekkachiisuu baatte, inni cubbuu isaatiin ni duʼa, gochi qajeelummaa isaas hin yaadatamu; dhiiga isaa garuu si irraa nan barbaada.*+ 21 Haa taʼu malee, nama qajeelaa sana yoo akeekkachiiste, innis yoo cubbuu hojjechuu baate, akeekkachiisni waan isaaf kennameef inni dhugumaan jiraachuu isaa itti fufa;+ atis lubbuu kee ni oolfatta.”
22 Achittis harki Yihowaa na irratti ni dhufe; innis, “Kaʼiitii gara dirree sulula keessa jiru sanaa dhaqi; anis achitti sii wajjin nan dubbadha” naan jedhe. 23 Kanaafuu, kaʼee gara dirree sulula keessa jiru sanaa nan dhaqe; kunoo, ulfinni Yihowaa inni akka ulfina ani laga Kebaar biratti arge+ sanaa fakkaatu achi jira ture;+ anis adda kootiin nan gombifame. 24 Achiis, hafuurri na keessa seenee miila kootiin na dhaabe;+ innis akkana jedhee natti dubbate:
“Mana keetti seeniitii balbala cufadhu. 25 Yaa ilma namaa, isaan akka ati isaan gidduutti gad baʼuu hin dandeenyeef wadaroo sitti maranii ittiin si hidhu. 26 Anis arrabni kee laagaa keetti akka maxxanu nan godha; atis duudaa taata; isaan finciltoota waan taʼaniif, ati isaan akeekkachiisuu hin dandeessu. 27 Yommuun sii wajjin dubbadhu garuu afaan kee nan bana; atis, ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha’ isaaniin jedhi.+ Isaan finciltoota waan taʼaniif,+ namni dhagaʼu haa dhagaʼu,+ namni dhagaʼuu didus haa didu.