Hisqiʼel
7 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan biyya Israaʼeliin akkana jedha: ‘Dhumni dhufeera! Goleewwan biyyattii arfan irratti dhumni dhufeera. 3 Dhumni si irratti dhufeera; anis dheekkamsa koo si irratti nan dhangalaasa; akka daandiiwwan keetti sitti nan murteessa; wantoota jibbisiisoo raawwatte hundumaatiifis sin adaba. 4 Ijji koo siif hin gaddu; anis gara laafina sitti hin argisiisu;+ sababiin isaas, ani akka daandiiwwan keetti siif nan deebisa; atis wanta gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼaniin kan kaʼe si irra gaʼuun ni dhiphatta.+ Isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’+
5 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, badiisni, badiisni adda taʼe tokko dhufaa jira.+ 6 Dhumni dhufaa jira; dhumni ni dhufa; inni si irratti ni kaʼa.* Kunoo, inni dhufaa jira. 7 Yaa isa biyyattii keessa jiraattu nana, dabareen* kee gaʼeera. Saʼaatichi gaʼeera, guyyichi dhihaateera.+ Gaarota irratti sagalee gammachuu utuu hin taʼin jeequmsatu dhagaʼama.
8 “‘Yeroo dhihootti aarii koo si irratti nan dhangalaasa,+ dheekkamsa koos guutummaatti si irratti nan gadhiisa;+ akka daandiiwwan keetti sitti nan murteessa, wantoota jibbisiisoo raawwatte hundumaatiifis sin adaba. 9 Ijji koo siif hin gaddu; anis gara laafina sitti hin argisiisu.+ Akka daandiiwwan keetti siif nan deebisa; atis wanta gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼaniin kan kaʼe si irra gaʼuun ni dhiphatta. Isinis kan isin rukutaa jiru ana Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+
10 “‘Guyyichi kunoo ti! Inni dhufeera!+ Dabareen kee* gaʼeera; uleen sun daraareera, of tuulummaanis lateera. 11 Jeequmsi gara ulee hamminaatti guddateera.+ Isaan, qabeenyi isaanii, uummanni isaaniis taʼan beekamummaan isaanii badiisa jalaa hin oolan. 12 Yerichi ni dhufa, guyyichis ni gaʼa. Guutummaa uummata isaanii irratti dheekkamsi waan dhufeef,+ inni bitu hin gammadin, inni gurgurus hin gaddin.* 13 Mulʼatichi guutummaa uummatichaa irratti waan dhufeef, inni lubbuudhaan yoo oole illee, inni gurguru wanta gurgurametti hin deebiʼu. Eenyu iyyuu hin deebiʼu, balleessaa isaatiin kan kaʼes* namni tokko illee lubbuu isaa hin oolfatu.
14 “‘Isaan malakata afuufaniiru,+ namni hundis qophaaʼeera; haa taʼu malee, dheekkamsi koo guutummaa uummatichaa irratti waan dhufeef,+ namni tokko illee gara dirree waraanaa hin deemu. 15 Alaa goraadeetu jira,+ keessaa immoo golfaa fi beelatu jira. Namni dirree keessa jiru kam iyyuu goraadeedhaan duʼa; beellii fi dhaʼichis warra magaalattii keessa jiran ni nyaata.+ 16 Isaan keessaa warri miliqanii oolan gaarotatti ol baʼu; tokkoon tokkoon isaaniis balleessaa isaaniitiin kan kaʼe akkuma gugee* sulula keessa jirtuutti ni aadu.+ 17 Harki isaanii hundi lamshaaʼee ni rarraʼa; jilbi isaanii hundi bishaaniin ni jiidha.*+ 18 Isaan uffata gaddaa uffataniiru;+ naasuunis isaan qabateera.* Tokkoon tokkoon namaa ni qaanaʼa, tokkoon tokkoon mataas ni molata.*+
19 “‘Isaan meetii isaanii daandii irratti gatu, warqiin isaaniis isaan biratti jibbamaa taʼa. Guyyaa dheekkamsa Yihowaatti meetiin isaaniis taʼe warqiin isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.+ Inni* gufuu yakkamtoota isaan godhu waan taʼeef, isaan hin quufan, garaa isaaniis hin guuttatan. 20 Isaan faayawwan isaanii warra mimmiidhagootti boonaniiru; fakkiiwwan isaanii warra jibbisiisoo taʼanii fi waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼanis isaan* irraa tolchaniiru.+ Anis wanti kun isaan duratti wanta jibbamaa akka taʼu kanan godhu kanaafi. 21 Akka inni saamamuuf harka namoota biyya ormaatti, akka inni boojiʼamuufis harka namoota hamoo lafa irra jiraniitti dabarsee isa* nan kenna; isaanis isa ni xureessu.
22 “‘Ani fuula koo isaan irraa nan deebisa;+ isaanis iddoo koo isa dhokataa* ni xureessu; saamtonnis itti seenanii isa ni xureessu.+
23 “‘Biyyattiin dhiiga namoota jalʼinaan itti murteeffameetiin,+ magaalattiinis jeequmsaan waan guutamteef+ funcaa*+ tolchi. 24 Saboota keessaa namoota hundumaa caalaa hamoo taʼan nan fida;+ isaanis manneen isaanii dhaalaan ni fudhatu;+ anis of tuulummaan warra jajjaboo taʼan sanaa akka dhaabbatu nan godha; iddoowwan isaanii warri qulqulluunis ni xuraaʼu.+ 25 Isaan yommuu dhiphatanitti nagaa ni barbaadu, garuu hin argatan.+ 26 Balaa irratti balaan, oduu irrattis oduun ni dhufa; namoonnis nama raajii dubbatu irraa mulʼata barbaadu;+ haa taʼu malee, seerri* luba biraa, gorsis jaarsolii biraa ni bada.+ 27 Mootichi ni gadda,+ geggeessaan sun abdii ni kutata,* harki namoota biyyattiis sodaadhaan ni hollata. Ani akkuma daandii isaaniitti isaaniif nan deebisa; akkuma murteessanittis isaan irratti nan murteessa. Isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”+