Ermiyaas
3 Namoonni, “Namni tokko haadha manaa isaa yoo manaa baase, ishiinis isa dhiistee kan nama biraa yoo taate, namni kun sana booda ishiitti ni deebiʼaa?” jedhanii gaafatu.
Biyyattiin guutummaatti faalamteetti mitii?+
“Ati michoota hedduu wajjin sagaagalummaa raawwatteetta,+
Maarree, gara kootti deebiʼuu qabdaa?” jedha Yihowaan.
2 “Ol jedhiitii tabbawwan duwwaa taʼan ilaali.
Bakki ati itti hin gudeedamne jiraa?
Akkuma tikfattee* lafa onaa keessa jiruutti,
Ati daandiiwwan qarqara teessee isaan eeggatte.
Sagaagalummaa kee fi hammina keetiin
Biyyattii faaluu kee itti fufte.+
3 Kanaan kan kaʼes, bokkaan ni ittifame,+
Waqtii arfaasaa keessas bokkaan hin roobu.
4 Amma garuu akkana naan jetta:
‘Yaa Abbaa koo, ati michuu ijoollummaa kootii ti!+
5 Ati bara baraaf ni mufattaa?
Yookiin yeroo hundumaa haaloo ni qabattaa?’
Ati akkana jetta,
Garuu wanta hamaa gochuu dandeessu hundumaa gochuu kee itti fufteetta.”+
6 Bara Yosiyaas+ Mootichaatti Yihowaan akkana naan jedhe: “‘Wanta Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane raawwatte argiteettaa? Ishiin gaara ol kaʼaa hundumaa gubbaattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti sagaagalummaa raawwachuuf ni deemte.+ 7 Ishiin wantoota kana hundumaa erga raawwattee booda illee, gara kootti akka deebitu itti himuu koo ittan fufe;+ ishiin garuu hin deebine; Yihudaanis obboleettii ishii ishii gantuu taate ilaaluu ishii itti fufte.+ 8 Anis kana yommuun argu, waraqaa ragaa ejja ishiitiin+ kan kaʼe ani ittiin ishii hiike ishiidhaaf kennee Israaʼel ishii amanamtuu hin taane nan ariʼe.+ Taʼus obboleettiin ishii Yihudaan ishiin gantuun sun hin sodaanne; ishiinis gad baatee sagaagalummaa raawwatte.+ 9 Sagaagalummaa raawwachuu ishiis akka laayyootti ilaalte; biyyatti faaluu, akkasumas dhagootaa fi mukeetii wajjin ejja raawwachuu ishii itti fufte.+ 10 Kana hundumaa booda illee, obboleettiin ishii Yihudaan ishiin gantuu taate ni fakkeessite malee garaa ishii guutuudhaan gara kootti hin deebine’ jedha Yihowaan.”
11 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane Yihudaa ishii gantuu taate caalaa qajeelummaa akka qabdu argisiisteetti.+ 12 Dhaqiitii dubbii kana kaabatti+ labsi:
“‘“Yaa Israaʼel ishii gantuu taate nana, deebiʼi” jedha Yihowaan.’+ ‘“Ani amanamaa waanan taʼeef, aariidhaan gad si hin ilaalu”*+ jedha Yihowaan.’ ‘“Ani bara baraaf hin mufadhu. 13 Ati Waaqa kee Yihowaa irratti waan fincilteef, yakkuma kee qofa amanii fudhadhu. Ati muka lalisaa hundumaa jalatti warra ormaa* wajjin saalqunnamtii raawwachuu kee itti fufte malee, sagalee kootiif hin ajajamne” jedha Yihowaan.’”
14 “Yaa ilmaan gantoota taatan nana, deebiʼaa” jedha Yihowaan. “Sababiin isaas, ani gooftaa* keessan isa dhugaa taʼeera; magaalaa tokko keessaa tokko tokko, maatii tokko keessaas lama lama godhee isin nan fudhadha; gara Xiyoonittis isin nan fida.+ 15 Tiksitoota akka fedhii* kootti hojjetan isiniif nan kenna;+ isaanis beekumsaa fi hubannaadhaan isin ni sooru. 16 Isinis bara sanatti biyyattii keessatti ni baayʼattu, firiis ni godhattu” jedha Yihowaan.+ “Isaan kana booda, ‘Taabota kakuu Yihowaa!’ hin jedhan. Inni garaa keessa hin taaʼu; isaanis isa hin yaadatan yookiin isa hin yaadan; inni lammata hin tolfamu. 17 Yeroo sanatti isaan Yerusaalemiin teessoo Yihowaa jedhanii ni waamu;+ saboonni hundis maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu;+ isaan kana booda didaa taʼuudhaan garaa isaanii isa hamaa duukaa hin buʼan.”
18 “Bara sanatti manni Yihudaa, mana Israaʼelii wajjin waliin ni deemu;+ isaan waliin taʼuudhaan biyya kaabaa irraa gara biyya ani dhaala godhee abbootii keessaniif kenne sanaatti ni dhufu.+ 19 Anis, ‘Akkamitti ilmaan koo gidduu akkan si kaaʼe, biyya jaallatamtuu, dhaala saboota gidduutti* hundumaa caalaa bareedduu taate sanas akkamitti akkan siif kenne’+ nan yaade. Kana malees, ‘Abbaa koo!’ jettanii akka na waamtan, na duukaa buʼuus akka hin dhiisne yaadeen ture. 20 ‘Yaa mana Israaʼel, akkuma haati manaa takka gantummaadhaan abbaa manaa* ishii dhiistutti, atis dhugumaan gantummaa na irratti raawwatteetta’+ jedha Yihowaan.”
21 Tabbawwan duwwaa taʼan irraa sagaleen tokko,
Sagaleen booʼichaa fi sagaleen kadhannaa saba Israaʼel ni dhagaʼama,
Sababiin isaas, isaan daandii isaanii jalʼisaniiru;
Waaqa isaanii Yihowaas irraanfataniiru.+
22 Yaa ilmaan gantoota taatan nana, deebiʼaa.
Ani isin nan fayyisa, isinis kana booda gantoota hin taatan.”+
“Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya waan taateef,
Kunoo, nuti gara kee dhufneerra.+
23 Dhugumaan tabbawwan sunii fi jeequmsi gaarota irratti dhagaʼamu abjuu dha.+
Dhugumaan fayyinni Israaʼel Waaqa keenya Yihowaa biraa argama.+