Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
17 Daawit mana* isaa keessa jiraachuu akkuma jalqabeen Naataan+ raajichaan, “Taabonni kakuu Yihowaa dunkaana keessa taaʼee utuu jiruu,+ kunoo ani mana muka gaattiraatiin+ ijaarame keessa jiraachaan jira” jedhe. 2 Naataanis, “Waaqni dhugaan sii wajjin waan jiruuf, wanta garaa kee keessa jiru hundumaa raawwadhu” jedhee Daawitiif deebise.
3 Halkanuma sana dubbiin Waaqayyoo akkana jedhu gara Naataan ni dhufe: 4 “Dhaqi, tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Mana ani keessa jiraadhu kan naaf ijaaru si miti.+ 5 Ani guyyaan Israaʼeliin biyya Gibxiitii baasee jalqabee hanga guyyaa harʼaatti, dunkaana isa tokkoo gara isa kan biraatti, akkasumas godoo qulqulluu isa tokkoo gara isa kan biraatti* deemaan ture malee mana keessa hin jiraanne.+ 6 Yeroon Israaʼelota hundumaa wajjin deemaa ture hundatti, abbootii murtii Israaʼel warra ani saba koo akka tiksaniif muude keessaa isa tokkoon illee, ‘Muka gaattiraatiin maaliif mana naaf hin ijaarre?’ jedhee beekaa?”’
7 “Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf, ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan si fudhadhe.+ 8 Bakka ati dhaqxu hundumaatti sii wajjin nan taʼa;+ diinota kee hundumaa fuula kee duraa nan balleessa;+ maqaa guddaa maqaa namoonni guguddaan lafa irra jiran qabanii wajjin wal fakkaatu akka qabaattu nan godha.+ 9 Ani saba koo Israaʼeliif iddoo nan kenna; tasgabbaaʼanii akka taaʼanis nan godha; isaan achi ni jiraatu; kana booda wanti isaan jeequ hin jiraatu; namoonni hamoonis akka kanaan dura gochaa turanitti isaan hin cunqursan;+ 10 guyyaa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii itti muudee+ jalqabee akka gochaa turanitti isaan hin cunqursan.* Diinonni kee hundi akka siif bitaman nan godha.+ Kana malees ani, ‘Yihowaan mana siif ni ijaara’* siin nan jedha.
11 “‘“Barri jireenyaa kee dhumee abbootii kee wajjin taʼuuf yommuu deemtu, sanyii kee isa si booda dhufu, jechuunis ilmaan kee keessaa isa tokko nan kaasa;+ mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba.+ 12 Mana kan naaf ijaaru isa dha;+ anis teessoo isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.+ 13 Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa.+ Ani akkuman jaalala koo isa amanamaa isa si dura ture sana irraa fuudhetti,+ jaalala koo isa amanamaa isa irraa hin fuudhu.+ 14 Inni mana koo fi mootummaa koo keessatti bara baraaf akka jiraatu nan godha;+ teessoon isaas bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”’”+
15 Naataan jechoota kana hundaa fi guutummaa mulʼata kanaa Daawititti ni hime.
16 Yeroo kanatti Daawit Mootichi ol seenee Yihowaa dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, ani eenyu? Wanta kana hundumaa kan naaf goote, manni koo maali dha?+ 17 Yaa Waaqayyo, akka waan wanti kun natti hanqatetti, ati waaʼee mana tajaajilaa keetii isa wanta gara fuulduraatti taʼus dubbatteetta;+ yaa Yihowaa, akka nama ulfina dabalataa argachuu qabuutti* na ilaalteetta. 18 Ati tajaajilaa kee akka gaariitti beekta; waaʼee ulfina ati naaf kennite kanaa ani tajaajilaan kee Daawit kana caalaa maal siin jechuun dandaʼa?+ 19 Yaa Yihowaa, ati tajaajilaa keetiif jettee, haala garaa* keetii wajjin wal simuun, guddaa taʼuu kee mulʼisuudhaan wantoota guguddaa kana hunda hojjetteetta.+ 20 Yaa Yihowaa, kan akka keetii tokko illee hin jiru;+ si malee Waaqni hin jiru;+ wanti gurra keenyaan dhageenye hundi kana mirkaneessa. 21 Lafa irratti sabni kan akka saba kee Israaʼel taʼe kan biraan isa kami?+ Waaqni dhugaan dhaqee saba isaa akka taʼaniif isaan fureera.+ Ati saboota kaan saba kee warra Gibxii jalaa furte duraa ariʼuudhaan,+ gochawwan guguddaa fi sodaachisaa taʼan raawwachuudhaan maqaa beekamaa taʼe qabaatteetta.+ 22 Ati saba kee Israaʼeliin bara baraaf saba ofii keetii godhatte;+ yaa Yihowaa, Waaqa isaaniis ni taate.+ 23 Ammas, yaa Yihowaa, waadaan tajaajilaa kee fi mana isaa ilaalchisee galte bara baraaf haa raawwatamu; akkuma waadaa galtettis raawwadhu.+ 24 Namoonni, ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa, Waaqni Israaʼel, Israaʼel irratti Waaqa dha’ akka jedhaniif, maqaan kee bara baraaf jabaatee haa dhaabbatu; olis haa qabamu;+ manni tajaajilaa kee Daawitis si duratti jabaatee haa dhaabbatu.+ 25 Yaa Waaqa koo, mana isaaf ijaaruuf* kaayyoo akka qabdu tajaajilaa keetiif ibsiteetta. Tajaajilaan kee kadhannaa kana sitti dhiheessuuf kan onnates kanaafi. 26 Ammas yaa Yihowaa, ati Waaqa dhugaa dha; wantoota gaggaarii kana tajaajilaa keetiif gochuudhaaf waadaa galteetta. 27 Kanaafuu, mana tajaajilaa keetii eebbisi; bara baraafis si dura haa jiraatu; yaa Yihowaa, ati mana tajaajilaa keetii waan eebbisteef, manni isaa bara baraaf kan eebbifame dha.”