Hisqiʼel
45 “‘Yommuu biyyattii dhaala gootanii hihirtanitti+ biyyattii keessaa gaʼee qulqulluu taʼe tokko Yihowaadhaaf buusii godhaa kennaa.+ Innis dheerinni isaa dhundhuma* 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼuu qaba.+ Guutummaan iddoo sanaa* qooda qulqulluu ni taʼa. 2 Iddoo kana keessas qoodni iddoo qulqulluu rogarfee taʼee fi dheerinni isaa dhundhuma 500, dalgi isaas dhundhuma 500* taʼe tokko ni jiraata;+ innis kallattii hundumaatiin iddoo dheedichaa dhundhuma 50 balʼatu qabaata.+ 3 Kana keessaa iddoo dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe ni safarta; isa keessas iddoon qulqulluun, jechuunis iddoon hundumaa caalaa qulqulluu taʼe ni jiraata. 4 Kunis biyyattii keessaa luboota tajaajiltoota iddoo qulqulluu taʼanii fi Yihowaa tajaajiluuf dhihaatan+ sanaaf qooda qulqulluu ni taʼa.+ Iddoon kun mana isaaniitiif, akkasumas iddoo qulqulluu mana qulqullummaa sanaaf ni taʼa.
5 “‘Leewwonni warri tajaajiltoota mana qulqullummaa taʼan iddoon dheerinni isaa dhundhuma 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe gaʼee isaanii ni taʼa;+ kutaawwan nyaataa*+ 20s dhaalaan ni argatu.
6 “‘Iddoo dheerinni isaa dhundhuma 25,000 (dheerinni isaa kan buusii qulqulluu wajjin wal qixa taʼe), dalgi isaa immoo dhundhuma 5,000 taʼe magaalattiidhaaf dhaala godhaa kennaa.+ Innis kan guutummaa mana Israaʼel ni taʼa.
7 “‘Geggeessaan sunis buusii qulqulluu irraa, akkasumas bakka magaalattiidhaaf ramadame irraa garanaa fi garasiin lafa ni qabaata. Innis bakka buusii qulqulluutti aansee jiruu fi qabeenya magaalattii ni taʼa. Inni kallattii dhihaattii fi kallattii bahaatti kan argamu ni taʼa. Dheerinni isaa daangaa isa dhihaa irraa hamma daangaa isa bahaatti gaʼee gosa tokkoof kennamee wajjin qixxee ni taʼa.+ 8 Lafti kun Israaʼel keessatti dhaala isaa ni taʼa. Geggeessitoonni koo kana booda saba koo hin cunqursan;+ kanaa mannaa, akka gosa gosa isaaniitti mana Israaʼeliif lafattii ni kennu.’+
9 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Yaa geggeessitoota Israaʼel, isin keessa baataniittu!’
“‘Hammina keessanii fi hacuuccaa keessan dhiisaa; wanta haqaa fi qajeelaa taʼes raawwadhaa.+ Qabeenya saba kootii saamuu dhiisaa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 10 ‘Madaallii sirrii taʼetti, safartuu eefaa* sirrii taʼettii fi safartuu baatii* sirrii taʼetti fayyadamaa.+ 11 Safartuu eefaatiifis taʼe safartuu baatiitiif safartuun dhaabbataa taʼe jiraachuu qaba. Safartuun baatii tokko safartuu homeerii* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko kan qabatu, safartuun eefaa tokkos safartuu homeerii tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko kan qabatu taʼuu qaba. Safartuun tokko hammi isaa homeeriidhaan murteeffama. 12 Sheeqiliin*+ tokko geeraa* 20 taʼuu qaba. Sheeqilii 20 idaʼuu sheeqilii 25 idaʼuu sheeqilii 15 maanee* tokko isiniif ni taʼa.’
13 “‘Buusin isin kennitan kana dha: tokkoon tokkoon qamadii homeerii keessaa eefaa tokko keessaa harka jaʼa keessaa harka tokko, tokkoon tokkoon garbuu homeerii keessaa eefaa tokko keessaa harka jaʼa keessaa harka tokko. 14 Gaʼeen zayitii safartuu baatii irratti kan hundaaʼe haa taʼu. Safartuun baatii tokko safartuu qorosii* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko dha; baatiin kudhan homeerii tokkoo wajjin wal qixa waan taʼeef, baatiin kudhan homeerii tokko dha. 15 Bushaayee Israaʼel keessaa hoolota 200 keessaa hoolaan tokko kennamuu qaba. Kunis sabichaaf araara akka argamsiisuuf+ aarsaa midhaanii,+ aarsaa guutummaatti gubamuu+ fi aarsaa gamtaa+ taʼee dhihaata’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
16 “‘Namoonni biyyattii hundi Israaʼel keessatti geggeessaa sanaaf buusii kana ni kennu.+ 17 Haa taʼu malee, geggeessaan sun, aarsaawwan guutummaatti gubaman,+ aarsaa midhaanii+ fi aarsaa dhugaatii warra guyyoota ayyaanaatti,+ guyyoota baatii haaraatti, guyyoota Sanbataattii+ fi guyyoota ayyaanaa mana Israaʼeliif ramadaman hundumaatti dhihaatan irratti itti gaafatamummaa qabaata.+ Mana Israaʼeliif araara argamsiisuuf, aarsaa cubbuu, aarsaa midhaanii, aarsaa guutummaatti gubamuu fi aarsaawwan gamtaa kan qopheessu isa dha.’
18 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Jiʼa jalqabaatti, jiʼicha keessaas guyyaa isa jalqabaatti horii kee keessaa jibicha mudaa hin qabne tokko fuudhiitii iddoo qulqulluu sana cubbuu irraa qulqulleessi.+ 19 Lubichis dhiiga horii aarsaa cubbuutiif dhihaate sanaa irraa muraasa isaa fuudhee maqaanii mana qulqullummaa,+ goleewwan baattuuwwan iddoo aarsaatti marsanii jiran sana arfanii fi maqaanii karra mooraa isa keessaa irratti ni diba. 20 Jiʼicha keessaa guyyaa torbaffaatti nama dogoggoraan yookiin wallaalummaadhaan cubbuu hojjete kamiif iyyuu kana ni goota;+ mana qulqullummaa sanaafis araara ni argamsiistu.+
21 “‘Jiʼa tokkoffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 14ffaatti, ayyaana Faasikaa ni kabajju.+ Guyyaa torbaaf maxinoon ni nyaatama.+ 22 Guyyaa sanatti geggeessaan sun ofii isaa fi namoota biyyattii hundumaatiif aarsaa cubbuutiif jibicha tokko ni qopheessa.+ 23 Guyyoota ayyaanaa torban sanaaf guyyaa guyyaadhaan jiboota mudaa hin qabne torbaa fi korbeeyyii hoolaa mudaa hin qabne torba aarsaa guutummaatti gubamu godhee Yihowaadhaaf ni dhiheessa;+ akkasumas guyyaa guyyaadhaan korbeessa reʼee tokko tokko aarsaa cubbuu godhee ni dhiheessa. 24 Kana malees, inni aarsaa midhaanii tokkoon tokkoon jibicha sanaatiif safartuu eefaa tokko tokko, tokkoon tokkoon korbeessa hoolaa sanaatiifis safartuu eefaa tokko tokko, akkasumas tokkoon tokkoon safartuu eefaa sanaatiif zayitii hiinii* tokko tokko ni dhiheessa.
25 “‘Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 15ffaa irraa jalqabee yeroo ayyaanaa sanatti,+ guyyoota torban sanaaf, aarsaa cubbuu, aarsaa guutummaatti gubamu, aarsaa midhaanii fi zayitii isa duraa wajjin wal fakkaatu haa dhiheessu.’”