Saamuʼel Tokkoffaa
9 Namni gosa Biiniyaam Qiish+ jedhamuu fi baayʼee sooressa taʼe tokko jira ture; inni ilma Abiiʼel, ilma Zeroor, ilma Bekooraat, ilma Afiyaa Biiniyaamichaa+ ture. 2 Qiish ilma dargaggeessaa fi bareedaa Saaʼol+ jedhamu tokko qaba ture; Israaʼelota gidduudhaa namni isa caalaa bareedu hin jiru ture; inni gateettii isaatii olitti namoota hundumaa irra ni dheerata ture.
3 Harroonni* Qiish abbaa Saaʼol yommuu badanitti, Qiish ilma isaa Saaʼoliin, “Maaloo, tajaajiltoota keessaa isa tokko fudhadhuutii dhaqi harroota sana barbaadi” jedhe. 4 Isaanis naannoo gaarotaa Efreemii fi naannoo Shaalishaa keessa ni darban; garuu harroota sana hin arganne. Naannoo Shaʼaaliim keessa darbanii deeman; garuu harroonni sun achi hin turre. Guutummaa biyya Biiniyaam keessas ni darban; garuu harroota sana hin arganne.
5 Gara naannoo Zuuf yommuu dhufanittis Saaʼol tajaajilaa isaa isa isaa wajjin tureen, “Abbaan koo waaʼee harroota sanaa yaaddaʼuu dhiisee, waaʼee keenya yaaddaʼuu akka hin jalqabneef kottu haa deebinu” jedhe.+ 6 Tajaajilaan sun garuu deebisee, “Kunoo, namni Waaqayyoo ulfina guddaa qabu tokko magaalaa kana keessa jira. Wanti inni dubbatu hundis ni raawwatama.+ Amma achi haa dhaqnu. Tarii karaa kam irra deemuu akka qabnu nutti himuu dandaʼa” isaan jedhe. 7 Yeroo kanatti Saaʼol tajaajilaa isaatiin, “Dhaquu illee haa dhaqnu; garuu namichaaf maal fuunee dhaqna? Korojoo keenya keessa daabboon hin jiru; kennaa nama Waaqa dhugaa sanaaf kenninu tokko illee hin qabnu. Maal nuu wayya ree?” jedhe. 8 Tajaajilaan sunis deebisee Saaʼoliin, “Kunoo, meetiin kurmaana sheeqilii* tokkoo na harka jira. Ani meetii kana nama Waaqa dhugaa sanaaf nan kenna; inni immoo karaa kam irra deemuu akka qabnu nutti hima” jedhe. 9 (Bara duriitti Israaʼel keessatti namni tokko yommuu Waaqayyoon gaafachuuf deemu, “Kottaa, nama mulʼata argu+ sana bira dhaqna” jedha ture. Sababiin isaas, namni yeroo harʼaatti raajii jedhamu, bara duriitti nama mulʼata argu jedhama ture.) 10 Achiis Saaʼol tajaajilaa isaatiin, “Wanti ati jette gaarii dha. Kottu haa dhaqnu” jedhe. Kanaafuu, isaan gara magaalaa namni Waaqa dhugaa sun itti argamutti qajeelan.
11 Isaanis utuma gara magaalattiitti dhaquuf ol baʼaa jiranii, shamarran bishaan waraabuuf baʼan argatan. Achiis, “Namni mulʼata argu sun+ bakka kana jiraa?” isaaniin jedhan. 12 Shamarran sunis akkana jedhanii deebisan: “Eeyyee! Kunoo, inni isin dura jira. Dafaa deemaa; namoonni harʼa iddoo ol kaʼaatti+ aarsaa waan dhiheessaniif,+ inni harʼa gara magaalaa kanaa dhufeera. 13 Akkuma magaalattiitti seentaniin, nyaachuuf gara iddoo ol kaʼaa dhaquu isaa dura isa ni argattu. Aarsaa sana kan eebbisu isa waan taʼeef, hanga inni dhufutti namoonni sun nyaachuu hin jalqaban. Sana booda namoonni affeeraman ni nyaatu. Kanaafuu, ammuma ol baʼaa, isa ni argattu.” 14 Kanaan kan kaʼes, isaan gara magaalattiitti ol baʼan. Magaalaa sana gidduu yommuu gaʼanis, Saamuʼel isaan argatee gara iddoo ol kaʼaatti isaanii wajjin deemuuf gara isaaniitti dhufaa ture.
15 Saaʼol dhufuu isaa guyyaa tokko dura, Yihowaan Saamuʼeliin akkana jedhee* ture: 16 “Boru gara saʼaatii kanaatti, ani nama biyya Biiniyaamii+ dhufe tokko gara keetti nan erga. Atis saba koo Israaʼel irratti geggeessaa godhii isa muudi;+ inni saba koo harka Filisxeemotaa jalaa ni oolcha. Ani gadadoo saba kootii argeera; iyyi isaaniis na bira gaʼeera.”+ 17 Saamuʼel yommuu Saaʼoliin argu, Yihowaan, “Namni ani, ‘Inni saba koo bulchu* isa dha’ jedhee sitti hime sun isa kana” isaan jedhe.+
18 Achiis Saaʼol karra magaalattii irratti gara Saamuʼelitti dhihaatee, “Maaloo natti himi, manni namicha mulʼata argu sanaa eessa?” isaan jedhe. 19 Saamuʼelis akkana jedhee Saaʼoliif deebise: “Namni mulʼata argu sun ana. Na dura buʼiitii gara iddoo ol kaʼaatti ol baʼi; harʼa anaa wajjin ni nyaatta.+ Ganamaan sin geggeessa; wanta beekuu barbaaddu* hundumaas sitti nan hima. 20 Harroonni guyyaa sadii dura badan+ sun waan argamaniif waaʼee isaanii hin yaaddaʼin. Wanti gaggaariin Israaʼel keessa jiru hundi kan eenyuu ti? Kan kee fi kan guutummaa mana abbaa keetii mitii?”+ 21 Yeroo kanatti Saaʼol akkana jedhee deebise: “Ani nama gosa Biiniyaam, isa gosoota Israaʼel hundumaa irra xinnaatu sanaa mitii?+ Maatiin koo hoo maatiiwwan gosa Biiniyaam hundumaa irra kan gad aanu mitii? Maarree maaliif wanta akkanaa natti dubbatta?”
22 Achiis Saamuʼel Saaʼolii fi tajaajilaa isaa gara galma nyaataatti geessee, namoota affeeraman sana dura bakka ulfinaa isaaniif kenne; namoonni sun 30 taʼu turan. 23 Saamuʼel namicha nyaata bilcheessu sanaan, “Foon ani, ‘Kophaatti kaaʼi’ jedhee sitti kenne sana fidi” jedhe. 24 Yeroo kanatti namichi nyaata qopheessu sun luka sanaa fi wanta isa irra jiru fuudhee Saaʼol dura kaaʼe. Achiis Saamuʼel, “Wanti siif kaaʼamee ture si duratti dhihaateera. Isaan yeroo kanaaf waan siif kaaʼaniif nyaadhu. ‘Ani keessummoota affeereera’ jedhee isaanitti himeen ture” jedhe. Kanaafuu, Saaʼol guyyaa sanatti Saamuʼelii wajjin ni nyaate. 25 Achiis iddoo ol kaʼaa+ sana irraa gara magaalattiitti gad buʼan; Saamuʼelis gubbaa* manichaa irratti Saaʼolii wajjin dubbachuu isaa itti fufe. 26 Isaanis ganama obboroo ni kaʼan; yommuu lafti bariʼus Saamuʼel Saaʼoliin gara gubbaa manichaatti waamee, “Ani akkan si geggeessuuf qophaaʼi” isaan jedhe. Saaʼolis ni qophaaʼe; achiis innii fi Saamuʼel gad ni baʼan. 27 Utuu gara qarqara magaalattiitti gad buʼaa jiranii Saamuʼel Saaʼoliin, “Nu dursee akka deemuuf tajaajilaa+ keetti himi” jedhe; kanaafuu, inni isaan dursee deeme. Saamuʼelis itti fufuudhaan, “Dubbii Waaqayyoo akkan sitti himuuf ati garuu asuma dhaabbadhu” isaan jedhe.