Saamuʼel Tokkoffaa
26 Yeroo booda namoonni Ziif+ gara Saaʼol isa Gibeʼaatti+ argamutti dhufanii, “Daawit tabba Hakiilaa isa Yeshiimon*+ fuullee jiru irra dhokateera mitii?” isaan jedhan. 2 Kanaafuu, Saaʼol kaʼee namoota Israaʼel filatamoo taʼan 3,000 wajjin lafa onaa Ziif keessa Daawitiin barbaaduuf achitti gad buʼe.+ 3 Saaʼol tabba Hakiilaa isa Yeshiimon fuullee jiru irra karaa qarqara ni buufate. Yeroo sanatti Daawit lafa onaa keessa jiraata ture; innis Saaʼol isa barbaacha gara lafa onaa sanaatti dhufuu isaa dhagaʼe. 4 Kanaafuu, Daawit Saaʼol gara bakka sanaatti dhufuu isaa mirkaneeffachuuf basaastota erge. 5 Achiis Daawit gara bakka Saaʼol itti buufate dhaqee, bakka Saaʼolii fi Abneer+ ilmi Neer inni ajajaa raayyaa waraanaa isaa taʼe itti rafan arge; Saaʼolis loltoota isaatiin marfamee buufata sana gidduu rafaa ture. 6 Achiis Daawit Ahimelek Heetichaan,+ akkasumas Abishaay+ isa ilma Zeruuyaa+ fi obboleessa Yoʼaab taʼe sanaan, “Eenyutu anaa wajjin gara buufata Saaʼolitti gad buʼa?” jedhe. Abishaayis, “Ani sii wajjin gad nan buʼa” jedhee isaaf deebise. 7 Kanaafuu, Daawitii fi Abishaay halkaniin gara loltoota sanaa dhaqanii Saaʼol eeboon isaa mataa isaa biratti lafatti dhaabamee buufata sana gidduu utuu rafuu isa argan; Abneerii fi loltoonni sun hundis isatti marsanii rafaa turan.
8 Yeroo kanatti Abishaay Daawitiin, “Harʼa Waaqayyo diina kee harka keetti dabarsee kenneera.+ Maaloo, ani amma siʼuma tokkon eeboodhaan lafatti isa maxxansa; lammata irra deebiʼuunis na hin barbaachisu” jedhe. 9 Daawit garuu Abishaayiin, “Ati isa hin miidhin; ofii, namni isa Yihowaan dibe+ irratti harka isaa kaasee, yakka irraa walaba taʼuu dandaʼu jiraa?”+ jedhe. 10 Daawitis itti fufuudhaan akkana jedhe: “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, Yihowaan isa ajjeesa+ yookiin guyyaan isaa gaʼee duʼa+ yookiin gara dirree waraanaatti gad buʼee duʼa.+ 11 Isa Yihowaan dibe irratti harka koo kaasuun anaaf Yihowaa duratti wanta hin yaadamne dha!+ Kanaafuu, amma eeboo fi miʼa bishaanii mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.” 12 Akka kanaan Daawit eeboo fi miʼa bishaanii mataa Saaʼol bira jiru ni fudhate; achiis karaa isaanii qajeelan. Yihowaan hirriba guddaa isaanitti buusuu isaatiin hundi isaanii rafanii waan turaniif, namni isaan arge+ yookiin namni isaan beeke yookiin namni dammaqe tokko illee hin jiru ture. 13 Achiis Daawit gamatti ceʼee hamma taʼe fagaatee fiixee gaara sanaa irra dhaabbate; gidduu isaaniis fageenya guddaatu ture.
14 Daawitis loltoota sanaa fi Abneer+ ilma Neeriin waamee, “Abneer, hin owwaattuu?” isaan jedhe. Abneeris, “Ati inni mootichatti iyyitu eenyu?” jedhee isaaf deebise. 15 Daawitis Abneeriin akkana jedhe: “Ati dhiira mitii? Israaʼel keessa kan akka keetii eenyu? Maarree ati gooftaa kee mooticha kan hin eegne maaliifi? Loltoota keessaa tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee ture.+ 16 Wanti ati goote kun gaarii miti. Isin gooftaa keessan isa Yihowaan dibe+ waan hin eegneef, Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha duʼatu isiniif mala. Mee naannoo kee ilaali! Eeboon mootichaa fi miini bishaanii+ warri mataa isaa bira turan eessa jiru?”
17 Achiis Saaʼol sagalee Daawit beekee, “Daawit yaa ilma koo, kun sagalee kee tii?” jedhe.+ Daawitis, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, eeyyee sagalee koo ti” jedhee deebise. 18 Itti fufuudhaanis akkana jedhe: “Gooftaan koo ana tajaajilaa isaa kan ariʼu,+ ani maalan godhe? Yakka maaliin raawwadhe?+ 19 Yaa gooftaa koo yaa mootii, maaloo, wanta ani tajaajilaan kee dubbadhu kana dhagaʼi: Ana irratti kan si kakaase Yihowaa yoo taʼe, inni kennaa midhaanii koo ana harkaa haa fudhatu.* Namootatu si kakaase yoo taʼe+ garuu, isaan harʼa, ‘Dhaqi, waaqolii kan biroo tajaajili!’ jedhanii dhaala+ Yihowaa keessaa qooda akkan hin qabaanne waan na ariʼaniif, Yihowaa duratti kan abaaraman haa taʼan. 20 Ammas dhiigni koo Yihowaa duraa fagaatee lafa irratti akka dhangalaʼu hin godhin; kunoo, mootiin Israaʼel akka nama gaarota irra gogorrii ariʼuutti, tafkii+ tokko barbaaduuf baʼeera.”
21 Saaʼolis deebisee, “Ani cubbuu hojjedheera.+ Daawit yaa ilma koo, kottu deebiʼi; ati guyyaa harʼaatti lubbuu koo akka waan gatii guddaa qabuutti waan ilaalteef,+ ani kana booda si irratti miidhaa hin geessisu. Eeyyee, ani gocha gowwummaa fi dogoggora guddaa raawwadheera” jedhe. 22 Daawitis akkana jedhee deebise: “Eeboon mootichaa kunoo ti. Dargaggoota sana keessaa tokko as dhufee haa fudhatu. 23 Tokkoon tokkoon namaatiif akka qajeelummaa+ isaattii fi akka amanamummaa isaatti kan isaaf deebisu Yihowaa dha; kunoo, harʼa Yihowaan harka kootti dabarsee si kennee ture; ani garuu isa Yihowaan dibe irratti harka koo kaasuu hin barbaanne.+ 24 Ammas, guyyaa harʼaa akkuma lubbuun kee ana duratti gatii guddaa qabaatetti, lubbuun koos Yihowaa duratti gatii guddaa haa qabaatu; inni dhiphina hundumaa irraa ana haa oolchu.”+ 25 Saaʼolis, “Daawit yaa ilma koo, Waaqayyo si haa eebbisu. Ati dhuguma iyyuu wantoota guguddaa ni raawwatta, akkasumas ni moota” jedhee Daawitiif deebise.+ Sana booda Daawit karaa isaa irra buʼee qajeele; Saaʼolis iddoo isaatti deebiʼe.+