Seenaa Baraa Isa Lammaffaa
6 Yeroo kanatti Solomoon akkana jedhe: “Yihowaan duumessa gurraacha keessa akka jiraatu dubbateera.+ 2 Ani mana ulfina qabeessa iddoo dhaabbataa ati bara baraaf keessa jiraattu+ siif ijaareera.”
3 Achiis mootichi guutummaan gumii Israaʼel utuma dhaabbatee jiruu garagalee guutummaa gumii Israaʼel eebbisuu jalqabe.+ 4 Akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel haa jajamu; inni akkana jechuudhaan waadaa afaanuma isaatiin abbaa koo Daawitiif gale harkuma isaatiin raawwateera: 5 ‘Guyyaa ani saba koo Israaʼeliin Gibxiidhaa itti baasee jalqabee mana maqaan koo ittiin waamamu achitti ijaaruuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa magaalaa tokko illee hin filanne;+ saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuufis nama tokko illee hin filanne. 6 Haa taʼu malee, maqaan koo achitti ulfina akka argatuuf Yerusaalemiin filadheera;+ saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuufis Daawitiin filadheera.’+ 7 Abbaan koo Daawitis mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaaruun hawwii garaa isaa ture.+ 8 Yihowaan garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe: ‘Mana maqaa kootiif taʼu ijaaruun hawwii garaa keetii ture; garaa keetti kana hawwuun kee gaarii dha. 9 Haa taʼu malee, ati manicha hin ijaartu; kanaa mannaa mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru ilma kee isa si irraa dhalatu* dha.’+ 10 Yihowaan waadaa gale raawwateera; akkuma Yihowaan waadaa galettis+ ani bakka abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeera.+ Kana malees, ani mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaareera; 11 akkasumas, Taabota isa kakuu Yihowaan saba Israaʼelii wajjin gale qabate+ achi kaaʼeera.”
12 Achiis inni iddoo aarsaa Yihowaa dura, guutummaa gumii Israaʼel fuuldura dhaabbatee harka isaa ol ni kaase.+ 13 (Solomoon sibiila diimaa irraa waltajjii hojjetee mooraa sana walakkaa kaaʼee ture.+ Waltajjichi dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaa dhundhuma shan, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii ture; innis achi irra ni dhaabbate.) Achiis guutummaa gumii Israaʼel duratti jilbeenfatee harka isaa gara samiitti ol kaasuudhaan,+ 14 akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, tajaajiltoota isaa warra garaa isaanii guutuudhaan isa dura deemaniif kakuu isaa kan eeguu fi jaalala amanamaa kan argisiisu samii irrattis taʼe lafa irratti Waaqni akka keetii hin jiru.+ 15 Ati waadaa tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte eegdeetta.+ Waadaa afaanuma keetiin galtes harʼa harkuma keetiin raawwatteetta.+ 16 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaa, ‘Akkuma ati na dura deemte, ilmaan kee akka seera kootti deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa na duraa hin dhabamu’+ jettee tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegi.+ 17 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaan ati tajaajilaa kee Daawitiif galte haa raawwatamu.
18 “Garuu Waaqni dhuguma ilmaan namootaa wajjin lafa irra ni jiraataa?+ Kunoo, samiin, eeyyee samiin samiiwwanii si baachuu hin dandaʼan;+ manni ani ijaare kun immoo hammam haa xinnaatu ree!+ 19 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi wawwaannaa inni fudhatama argachuuf dhiheessu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi; iyya tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhiheessuu fi kadhannaa si duratti dhiheessu dhaggeeffadhu. 20 Kadhannaa tajaajilaan kee gara bakka kanaatti dhiheessu dhagaʼuuf, guyyaa fi halkan ijji kee gara mana bakka maqaan kee ittiin waamamu+ akka taʼu dubbatte kanaatti kan baname haa taʼu. 21 Wawwaannaa tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhiheessuu fi sabni kee Israaʼel gara bakka kanaatti kadhannaa gochuudhaan wawwaannaa dhiheessan dhagaʼi;+ bakka jireenyaa kee samii keessaa dhagaʼi;+ eeyyee, dhagaʼi; dhiifamas godhi.+
22 “Namni tokko nama kan biraa irratti cubbuu yoo hojjetee fi akka kakatu yoo godhame,* kakaa* isaa sanattis kan itti gaafatamu yoo taʼe, utuu kakaa* sana jala jiruus iddoo aarsaa keetii isa mana kana keessa jiru duratti yoo dhihaate,+ 23 ati samii keessaa dhagaʼi; isa hamaadhaaf akka hojii isaatti isaaf deebisuudhaan, akkasumas wanta inni raawwate mataa isaa irratti deebisuudhaan,+ isa qajeelaa taʼe immoo qulqulluu* taʼuu isaa ibsitee akka qajeelummaa isaatti isa kiisuudhaan+ tarkaanfii fudhadhu; tajaajiltoota keetiifis murtii kenni.
24 “Akkasumas, sabni kee Israaʼel irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe diinota isaaniitiin yommuu moʼamanitti,+ deebiʼanii maqaa keetiif ulfina yoo kennan,+ mana kana keessatti si duratti yoo kadhannaa dhiheessanii+ fi fudhatama argachuuf yoo kadhatan,+ 25 ati samii keessaa dhagaʼiitii+ cubbuu sabni kee Israaʼel hojjeteef dhiifama godhi; gara biyya isaanii fi abbootii isaaniitiif kennitettis isaan deebisi.+
26 “Isaan irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe+ samiin cufamee bokkaan roobuu yommuu didutti,+ ati gad waan isaan qabdeef* isaan gara iddoo kanaatti kadhannaa yoo dhiheessan, maqaa keetiif ulfina yoo kennanii fi cubbuu isaanii irraa yoo deebiʼan,+ 27 samii keessaa isaan dhagaʼiitii cubbuu tajaajiltoota kee saba Israaʼeliif dhiifama godhi; daandii isa gaarii irra deemuu qaban isaan barsiisi;+ biyya kee isa saba keetiif dhaalaan kennite irrattis bokkaa roobsi.+
28 “Biyyattii irratti beelli+ yookiin golfaan+ yookiin bubbeen waxalu yookiin waagiin+ yookiin hoomaan awwaannisaa yookiin awwaannisni* hin quufne+ yoo dhufe yookiin diinonni isaanii magaalota biyyattii* kamitti iyyuu yoo isaanitti marsan+ yookiin dhaʼichi yookiin dhukkubni kan biraan akkamii iyyuu yoo uumame,+ 29 namni kam iyyuu yookiin sabni kee Israaʼel hundi (namni hundi madaa ofii isaa fi dhiphina ofii isaa waan beekuuf)+ kadhannaa akkamii iyyuu dhiheessuuf,+ akkasumas fudhatama argachuuf wawwaannaa akkamii iyyuu dhiheessuuf+ harka isaanii gara mana kanaatti yommuu ol kaasan,+ 30 bakka jireenyaa kee+ samii keessaa dhagaʼiitii dhiifama godhi;+ garaa isaa kan beeku si waan taʼeef (dhugumaan garaa namaa kan beeku si qofa dha)+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandiiwwan isaa hundumaatti isaaf deebisi; 31 kunis, biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa yeroo jiraatan hundumaatti daandiiwwan kee irra deemuudhaan akka si sodaataniifi.
32 “Kana malees, namni biyya ormaa saba kee Israaʼel keessaa hin taanee fi maqaa kee isa guddaa,+ harka kee isa jabaa fi irree kee isa diriirfameen kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufee gara mana kanaatti kadhannaa yoo dhiheesse,+ 33 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa dhagaʼi; sabni lafa irraa hundi akkuma saba kee Israaʼel maqaa kee akka beekanii+ fi akka si sodaataniif, akkasumas maqaan kee mana ani ijaare kana irratti akka waamamu akka beekaniif, wanta namni biyya ormaa sun si kadhate hunda isaaf godhi.
34 “Sabni kee diinota isaanii waraanuuf karaa ati isaan ergite irra yoo deeman,+ isaanis gara kallattii magaalaa ati filatte kanaattii fi gara mana ani maqaa keetiif ijaare kanaatti+ kadhannaa yoo dhiheessan,+ 35 ati samii keessaa kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni.+
36 “Isaan si irratti cubbuu yoo hojjetan (silaa namni cubbuu hin hojjenne hin jiru),+ atis isaanitti baayʼee aartee diina tokkotti dabarsitee yoo isaan kennite, warri isaan boojiʼan sunis boojuudhaan gara biyya fagoos taʼe dhihootti yoo isaan geessan,+ 37 isaaniis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii gara qalbii isaaniitti yoo deebiʼanii fi gara keetti yoo garagalan, biyya boojuudhaan itti fudhataman sana keessa utuu jiraniis, ‘Cubbuu fi dogoggora raawwanneerra; hammina raawwanneerra’ jedhanii fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 38 isaanis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii+ garaa isaanii guutuu fi lubbuu* isaanii guutuudhaan gara keetti yoo deebiʼan,+ gara kallattii biyya isaanii isa ati abbootii isaaniitiif kennitettii fi magaalaa ati filatteetti,+ akkasumas gara mana ani maqaa keetiif ijaaretti kadhannaa yoo dhiheessan, 39 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni;+ saba kee warra si irratti cubbuu hojjetaniif dhiifama godhi.
40 Ammas yaa Waaqa koo, maaloo, kadhannaa bakka kanatti* dhihaatu ilaalchisee ijji kee kan baname, gurri kees xiyyeeffannaadhaan kan dhagaʼu haa taʼu.+ 41 Ammas yaa Yihowaa, Taabota jabina keetii wajjin gara bakka boqonnaa keetiitti+ ol baʼi. Yaa Yihowaa, luboonni kee fayyina haa gonfatan; warri siif amanamoo taʼanis gaarummaa keetiin haa gammadan.+ 42 Yaa Yihowaa, isa dibde sana hin gatin.*+ Jaalala amanamaa tajaajilaa kee Daawititti argisiistes yaadadhu.”+