Qorontos Lammaffaa
7 Kanaafuu, yaa obboloota jaallatamo, nuti abdii kana waan qabnuuf,+ Waaqayyoon sodaachuudhaan qulqullummaa keenya guutuu gochuuf, wanta foonii fi hafuura xureessu+ hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.
2 Garaa keessan keessatti iddoo nuuf kennaa.+ Nuti eenyu irratti iyyuu balleessaa hin hojjenne, eenyuun iyyuu hin miine, eenyu irraa iyyuu faayidaa sirrii hin taane hin fudhanne.+ 3 Ani kana kanan dubbadhu isin yakkuuf jedhee miti. Sababiin isaas, isin nuu wajjin duʼuufis taʼe nuu wajjin jiraachuuf garaa keenya keessa akka jirtan dursee dubbadheera. 4 Ani isinitti dubbachuuf bilisummaa guddaan qaba. Baayʼeen isinitti boona. Ani jajjabinaan guutameera; rakkina keenya hunda keessattis gammachuu hangana hin jedhamne argadheera.+
5 Dhugaa dubbachuuf, yommuu Maqedooniyaa geenye+ qaamni* keenya boqonnaa tokko illee hin arganne; kanaa mannaa, kallattii hundumaan dhiphachaa turre, ala lola, keessa immoo sodaatu ture. 6 Haa taʼu malee, Waaqayyo inni warra gaddan jajjabeessu,+ Tiitoon nu bira jiraachuu isaatiin nu jajjabeesseera; 7 nu bira jiraachuu isaa qofaan utuu hin taʼin, jajjabina inni isin irraa argateenis jajjabaanneerra; na arguuf akka hawwitan, baayʼee akka gadditanii fi garaadhaa akka naaf yaaddan* dhufee waaʼee keessan nutti himeera; kanaan kan kaʼes ani caalaatti gammadeera.
8 Xalayaa kootiin yoon isin gaddisiiseera taʼe illee+ kanatti hin gaabbu. Jalqaba irratti kanan itti gaabbe taʼus (yeroo gabaabaadhaaf taʼu illee, xalayichi akka isin gaddisiise hubadheera), 9 amma nan gammada; kanan gammadu garuu waan gadditaniif utuu hin taʼin, gaddi keessan yaada akka geddarattan waan isin kakaaseefi. Isin karaa Waaqayyoon gammachiisuun waan gadditaniif, sababii keenyaan kan kaʼe miidhaan tokko illee isin irra hin geenye. 10 Sababiin isaas, karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduun yaada geddarachuu fi fayyinatti waan geessuuf nama hin gaabbisiisu;+ akka addunyaatti gadduun garuu duʼa fida. 11 Karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduudhaan carraaqqiin gootan buʼaa akkamii akka buuse ilaalaa; himata irraa walaba of gochuu akkamii, aarii akkamii, sodaa akkamii, hawwii guddaa akkamii, hinaaffaa akkamii, dogoggora sirreessuu akkamii akka isin keessatti uume ni argitu!+ Isin dhimma kana ilaalchisee karaa hundumaa qulqulluu taʼuu keessan argisiistaniittu. 12 Kanaafuu, ani kanan isiniif barreesse taʼus kana kanan godhe isa balleessaa raawwate+ yookiin isa balleessaan irratti raawwatameef jedhee utuu hin taʼin, gidduu keessanittis taʼe Waaqayyo duratti jaalala guddaa nuuf qabdan akka argisiistaniifi. 13 Nuti jajjabina kan arganne kanaafi.
Jajjabina arganneen qofa utuu hin taʼin, hundi keessan hafuura Tiitoo haaressuu keessaniin, nutis gammachuu isaatti caalaatti gammanneerra. 14 Waaʼee keessan boonee isatti dubbadheera yoo taʼes wanta na qaanessu hin qabu; kanaa mannaa, akkuma wantoonni isinitti dubbanne hundi dhugaa taʼan, wanti nuti boonuudhaan Tiitootti dubbannes dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera. 15 Kana malees, hundi keessan ajajamuu keessan, akkasumas sodaa fi romʼuudhaan akkamitti akka isa simattan yommuu yaadatu, jaalalli cimaan inni isiniif qabu caalaatti guddachaa deemeera.+ 16 Ani karaa hundumaan isin irratti amanannaa* waanan qabuuf baayʼee nan gammada.