Ermiyaas
45 Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii taʼee waggaa arfaffaatti,+ yommuu Baaruk+ ilmi Neriyaa dubbii Ermiyaas afaaniin itti hime kana kitaaba irratti barreessetti+ dubbiin Ermiyaas isatti dubbate isa kana:
2 “Yaa Baaruk, Yihowaan Waaqni Israaʼel waaʼee kee akkana jedha: 3 ‘Ati, “Yihowaan rakkina koo irratti gadda waan dabaleef, anaaf wayyoo! Aaduu koo irraa kan kaʼe dadhabeera; bakka boqonnaas hin arganne” jetteetta.’
4 “Akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani guutummaa biyyattii keessatti wantan ijaare nan diiga, wantan dhaabes nan buqqisa.+ 5 Ati garuu ofii keetiif wantoota guguddaa barbaadaa* jirta. Wantoota akkanaa barbaaduu kee dhiisi.”’
“‘Sababiin isaas, ani foon* hundumaa irratti badiisa nan fida,+ bakka dhaqxu hundumaattis lubbuu kee akka boojuutti siif nan kenna’* jedha Yihowaan.”+