Tiitoodhaaf
1 Phaawulos isa amantii namoonni Waaqayyo filate qabanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii isa Waaqayyoof buluu dabalatuu wajjin haala wal simuun garbicha Waaqayyoo fi ergamaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa; 2 kunis abdii jireenya bara baraa+ isa Waaqni sobuu hin dandeenye+ bara dheeraa dura waadaa gale irratti kan hundaaʼe dha; 3 haa taʼu malee, yeroo ofii isaatii murteessetti karaa hojii lallabaa akka beekamu godhe; hojiin kunis ajaja Waaqayyo isa Fayyisaa keenyaatiin imaanaadhaan natti kennameera;+ 4 Tiitoo ilma koo isa dhugaa, isa amantiidhaan tokko taaneef:
Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan siif haa taʼu.
5 Qarxeesitti kanan si dhiise, wantoota mudaa* qaban akka sirreessituu fi akkuman si ajajetti magaalota hundatti jaarsolii akka muudduufi; 6 namni himata irraa walaba taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, ijoollee amananii fi jireenya gadhiisii jiraachuudhaan yookiin ajajamuu diduudhaan hin himatamne qabu yoo jiraate muudi.+ 7 Ilaaltuu ol aanaan bulchaa Waaqayyoon muudame waan taʼeef, nama himata irraa walaba taʼe, nama yaada mataa isaatiin hin geggeeffamne,+ nama dafee hin aarre,+ nama hin machoofne, abbaa humnaa kan hin taane,* nama sassataan faayidaa sirrii hin taane argachuuf hin yaalle taʼuu qaba; 8 kanaa mannaa, keessummaa kan simatu,+ waan gaarii kan jaallatu, sirriitti kan yaadu,+ qajeelaa, amanamaa,+ kan of toʼatu,+ 9 akkasumas barumsa gaarii*+ taʼeen jajjabeessuu* fi warra barumsicha morman balleessaa isaanii hubachiisuu+ akka dandaʼuuf, ogummaa ittiin barsiisuu wajjin haala wal qabateen dubbicha isa amanamaa sana cimsee kan qabate+ taʼuu qaba.
10 Sababiin isaas, namoonni hin ajajamne, namoonni dubbii faayidaa hin qabne dubbatanii fi namoonni gowwoomsitoota taʼan hedduun, keessumaa immoo namoonni dhaqna qabaa cimsanii hordofan jiru.+ 11 Isaan faayidaa sirrii hin taane argachuuf jedhanii, wanta barsiisuu hin qabne barsiisuudhaan amantii guutummaa maatii tokko tokkoo waan diiganiif, afaan isaan qabsiisuun barbaachisaa dha. 12 Isaanuma keessaa namni raajii isaanii taʼe tokko, “Warri Qarxees yeroo hunda kan soban, bineensota hamoo, albaadhota hojii hin jaallanne dha” jedheera.
13 Wanti dubbatame kun dhugaa dha. Kanaafuu, balleessaa isaanii cimsii isaan hubachiisi. Kunis amantiitti jaboo* taʼuudhaan 14 oduu durii Yihudootaa fi ajaja namoota dhugaa irraa garagalaniitiif xiyyeeffannaa akka hin kennine isaan gargaara. 15 Namoota qulqulluu taʼaniif wanti hundi qulqulluu dha;+ namoonni xuraaʼoo taʼanii fi amantii hin qabne garuu, sammuun isaaniis taʼe qalbiin isaanii xuraaʼaa waan taʼeef,+ isaaniif wanti qulqulluu taʼe hin jiru. 16 Waaqa akka beekan ifatti dubbatu, hojii isaaniitiin garuu isa ganu;+ sababiin isaas, isaan jibbisiisoo, kan hin ajajamnee fi hojii gaarii kamiif iyyuu gaʼumsa kan hin qabne dha.