Qorontos Tokkoffaa
4 Namni kam iyyuu akka tajaajiltoota Kiristoosii fi akka bulchitoota* iccitiin Waaqayyoo inni qulqulluun imaanaadhaan itti kennametti nu ilaaluu qaba.+ 2 Gama kanaan bulchitoonni amanamoo taʼuutu isaan irraa eegama. 3 Ani isiniin yookiin dhaddacha* ilmaan namootaatiin qoramuu koo homaatti hin lakkaaʼu. Anumti illee of hin qoru. 4 Sababiin isaas, qalbiin koo waan tokkoon illee na hin ceephaʼu. Taʼus, kun qajeelaa taʼuu koo hin mirkaneessu; kanaa mannaa inni na qoru Yihowaa* dha.+ 5 Kanaafuu, utuu yeroon isaa hin gaʼin wanta kam irratti iyyuu hin murteessinaa;+ hamma Gooftaan dhufutti eegaa. Inni wantoota dukkana keessa dhokatan ifatti baasa; yaadni garaa namaa keessa jirus akka beekamu godha; yeroo sanatti namni hundi Waaqayyo irraa galata isaaf malu fudhata.+
6 Egaa, yaa obbolootaa, faayidaa keessaniif jedhee ofii koo fi Apholosiin+ fakkeenya godhee kanan dubbadhe, boonuudhaan of bokoksitanii nama tokko isa kan biraa irra akka hin caalchisne seera buʼuuraa, “Wantoota barreeffaman irra hin darbin”+ jedhu akka nu irraa barattaniifi. 7 Eenyutu siin isa kaan irraa adda godhe? Wanta hin fudhanne maal qabda?+ Fudhatteetta taanaan immoo, akka waan hin fudhanneetti maaliif of jajja?
8 Wanta isin barbaachisu argattaniittuu? Sooromtaniittu jechuu dhaa? Nu malee mootota taatanii bulchuu jalqabdaniittuu?+ Nutis isinii wajjin mootota taanee akka bulchinuuf, mootota taatanii bulchuu utuu jalqabdaniittu taʼee ani iyyuu nan gammadan ture.+ 9 Nuti addunyaadhaaf, maleekotaa fi namootaaf akka taatota waltajjii irra jiranii waan taaneef,+ Waaqayyo nu ergamoota akka namoota duuti itti murteeffametti dhuma irratti kan gad nu baase natti fakkaata.+ 10 Nuti sababii Kiristoosiin gowwoota taaneerra,+ isin garuu sababii Kiristoosiin ogeeyyii taataniittu; nuti dadhaboo dha, isin garuu jaboo dha; isin kabajamoo dha, nuti garuu tuffatamoo dha. 11 Nuti hanga saʼaatii kanaatti ni beelofna,+ ni dheebonna,+ ni daarra,* ni reebamna,*+ manas hin qabnu; 12 akkasumas harka keenyaan dhamaanee hojjenna.+ Yommuu nu arrabsan ni eebbisna,+ yommuu nu ariʼatan obsaan jabaannee dhaabbanna;+ 13 yommuu maqaa keenya balleessan garraamummaadhaan deebii kennina;*+ hanga ammaatti kosii addunyaa fi xurii wantoota hundaa taaneerra.
14 Ani kana kanan isiniif barreessu, akka ijoollee koo jaallatamoo taʼaniitti isin gorsuuf malee, isin qaanessuuf miti. 15 Isin Kiristoosiin guddiftoota* 10,000 yoo qabaattan iyyuu, abbootii hedduu hin qabdan; ani misiraachicha isin barsiisuudhaan karaa Kiristoos Yesuus abbaa isiniif taʼeera.+ 16 Kanaafuu, fakkeenya koo akka hordoftan isinan gorsa.+ 17 Ximotewos isa karaa Gooftaa ilma koo jaallatamaa fi amanamaa taʼe gara keessanitti kanan ergu kanaafi. Inni malawwan* ani Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen bakka hundumaatti gumiiwwan hunda keessatti yommuun barsiisu itti fayyadamu isin yaadachiisa.+
18 Namoonni tokko tokko waanan gara keessan hin dhufne seʼanii, boonuudhaan of bokoksaniiru. 19 Haa taʼu malee, fedhii Yihowaa* yoo taʼe dhiheenyatti gara keessan nan dhufa; dubbii namoota boonuudhaan of bokoksan kanaa qofa utuu hin taʼin, humna isaaniis beekuun barbaada. 20 Sababiin isaas, Mootummaan Waaqayyoo dubbiidhaan utuu hin taʼin, humna Waaqayyootiin mulʼata. 21 Isa kam filattu? Uleedhaan+ moo jaalalaa fi hafuura garraamummaatiin isinitti dhufu?