Weedduu Weedduu caalu
1 Weedduu weedduu caalu, kan Solomoon:+
3 Urgaan zayitii keetii nama gammachiisa.+
Maqaan kee akkuma zayitii urgaaʼaa dhangalaafamee ti.+
Shamarran kan si jaallatan kanaafi.
4 Na fudhadhuu* badi; haa fiignu.
Mootichi gara kutaa isaa isa keessaatti na galcheera!
Yeroo gaarii waliin haa dabarsinu, haa gammannus.
Daadhii wayinii caalaa ibsa jaalalaa kee haa jajannu.*
Isaan* dhugumaan si jaallatu.
5 Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem, ani gurraattii taʼus bareedduu dha;
Ani akkuma dunkaanota Qeedaar,+ akkuma huccuuwwan dunkaanaa+ Solomooni.
6 Gurraattii waanan taʼeef xiyyeeffannaadhaan na hin ilaalinaa,
Kanan gurraachaʼe aduun waan na gubeefi.
Obboloonni koo natti aaranii turan;
Isaan maasii wayinii akkan eegu na ramadan,
Taʼus ani maasii wayinii koo hin eegne.
Guyyaa saafaa hoo eessa isaan boqochiista?
Ani maaliifan bushaayee michoota keetii gidduutti
Akka dubartii shaashii* haguuggattee taʼa?”
8 “Yaa ishii dubartoota hunda caalaa bareedduu taate nana, kana hin beektu taanaan,
Dhaqi, kottee bushaayee hordofiitii
Xobbaallaa reʼoota keetii dunkaanota tiksitootaa cinaa dheechisi.”
9 “Yaa jaalallee too, farda dhaltuu* gaariiwwan fardaa Faraʼoon+ gidduu jirtuu wajjinan wal si fakkeessa.
11 Nuti faayawwan warqii
Meetiidhaan miidhagfaman siif tolchina.”
13 Jaalalleen koo anaaf akkuma korojoo qumbii+ urgaaʼuu fi
Harma koo gidduu buluu ti.
14 Jaalalleen koo anaaf akkuma biqiltuu hiinnaa walitti tuutaʼee+
Maasiiwwan wayinii Een Gedii+ gidduu jiruu ti.”
15 “Yaa jaalallee too, ati bareedduu dha.
Ati bareedduu dha. Ijji kee akkuma ija gugee* ti.”+
16 “Yaa jaalallee koo, ati bareedaa* dha, gammachiisaa dhas.+
Sireen keenya baala gidduu dha.
17 Baattuuwwan baaxii mana keenyaa* mukeetii gaattiraa ti,
Utubaawwan keenyas mukeetii birbirsaa ti.