Hisqiʼel
8 Waggaa jaʼaffaatti, jiʼa jaʼaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa shanaffaatti, utuman mana koo keessa taaʼee jiruu, utuma jaarsoliin Yihudaa na dura taaʼanii jiranii, harki Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa achitti na qabe. 2 Utuman ilaalaa jiruus, nama bifti isaa bifa ibiddaa fakkaatu tokko nan arge; wanta mudhii isaa fakkaatuu gaditti ibiddi jira ture;+ mudhii isaatii olittis bifti isaa akka sibiila calaqqisuutti* ifa ture.+ 3 Achiis wanti harka fakkaatu tokko hiixatee rifeensa mataa koo qabe; hafuurri tokkos lafaa fi samii gidduutti ol na kaasee mulʼata Waaqayyo biraa dhufeen gara Yerusaalemitti, gara karra isa keessaa+ isa gara kaabaatti garagalee jirutti, jechuunis gara bakka mallattoon* waaqa tolfamaa hinaaffaa inni hinaaffaa kakaasu sun dhaabbatee+ jirutti na geesse. 4 Kunoo, ulfinni Waaqa Israaʼel inni bifa ani dirree sulula keessa jirutti argee ture+ sana fakkaatu achi jira ture.+
5 Achiis, “Yaa ilma namaa, maaloo, ol jedhiitii gara kaabaa ilaali” naan jedhe. Anis ol jedhee gara kaabaa nan ilaale; achittis, karra iddoo aarsaa irraa gara kaabaatiin, balbalicha dura mallattoon* hinaaffaa kun jira ture. 6 Achiis, “Yaa ilma namaa, wanta hamaa fi jibbisiisaa manni Israaʼel asitti raawwachaa jiru,+ isa iddoo qulqulluu koo irraa akkan fagaadhu godhu+ kana ni argitaa? Haa taʼu malee, wanta jibbisiisaa kana irra iyyuu hammaatu ni argita” naan jedhe.
7 Achiis gara karra mooraa sanaatti na geesse; anis yommuun ilaalu, girgiddaa irratti qaawwa tokko nan arge. 8 Innis, “Yaa ilma namaa, maaloo, qaawwa girgiddaa sana irra jiru balʼisi” naan jedhe. Kanaafuu, qaawwa girgiddaa sana irra jiru nan balʼise; balbala tokkos nan arge. 9 Innis, “Seeniitii wanta hamaa fi jibbisiisaa isaan asitti raawwachaa jiran ilaali” naan jedhe. 10 Anis seenee nan ilaale, achiis akaakuu fakkii wantoota munyuuqanii fi bineensota jibbisiisoo taʼanii+ hundumaa, akkasumas waaqolii tolfamoo mana Israaʼel warra balfamoo* taʼan+ hundumaa nan arge; isaan guutummaa girgiddaa sanaa irratti bocamanii turan. 11 Jaarsoliin mana Israaʼel 70ni isaan dura dhaabbatanii turan; Yaaʼaazaaniyaan ilmi Shaafaan+ immoo isaan gidduu dhaabbatee ture. Tokkoon tokkoon isaanii qodaa ixaana itti aarsan harka isaaniitti qabatanii turan; aarri ixaanichaa inni urgaaʼus ni aara ture.+ 12 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, wanta jaarsoliin mana Israaʼel tokkoon tokkoon isaanii dukkana keessatti, kutaawwan warra gara keessaa, bakka waaqoliin tolfamoo isaanii kaaʼamanitti raawwachaa jiran ni argitaa? Isaan, ‘Yihowaan nu hin argu. Yihowaan biyyattii dhiiseera’ jedhu.”+
13 Itti fufuudhaanis, “Wanta jibbisiisaa isaan raawwachaa jiran kana caalaa iyyuu hamaa taʼe ni argita” naan jedhe. 14 Kanaafuu, gara balbala karra mana Yihowaa isa kaabaatti na geesse; anis achitti dubartoota taaʼanii waaqa Taamuuz jedhamuuf booʼan nan arge.
15 Kana malees, “Yaa ilma namaa, kana ni argitaa? Wanta jibbisiisaa kana caalaa iyyuu hamaa taʼe+ ni argita” naan jedhe. 16 Kanaafuu, gara mooraa mana Yihowaa isa keessaatti+ na geesse. Achittis balbala mana qulqullummaa Yihowaa duratti, barandichaa fi iddoo aarsaa gidduutti dhiironni 25 taʼan dugda isaanii gara mana qulqullummaa Yihowaatti, fuula isaanii immoo gara bahaatti naannessanii jiru turan; isaan karaa bahaatiin aduudhaaf sagadaa turan.+
17 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kana ni argitaa? Manni Yihudaa wantoota jibbisiisoo kana raawwachuun isaa, biyyattii jeequmsaan guutuun+ isaa fi na dheekkamsiisuu itti fufuun isaa wanta akka laayyootti ilaalamu dhaa? Kunoo, isaan damee* sana gara funyaan kootti qabaniiru. 18 Kanaafuu, ani dheekkamsaan tarkaanfii nan fudhadha. Ijji koo isaaniif hin gaddu; anis gara laafina isaanitti hin argisiisu.+ Sagalee isaanii ol kaasanii gurra kootti yoo iyyan illee ani isaan hin dhagaʼu.”+