Qorontos Tokkoffaa
16 Qulqullootaaf buusii walitti qabuu ilaalchisee,+ qajeelfama ani gumiiwwan Galaatiyaatti argamaniif kenne hordofuu dandeessu. 2 Buusiin kun kan walitti qabamu yeroo ani isin bira dhufutti akka hin taaneef, tokkoon tokkoon keessan guyyaa jalqabaa torbaniitti akkuma humna keessaniitti hamma tokko adda baasaatii kaaʼaa. 3 Yommuun achi gaʼus, kennaa isin gaarummaadhaan kennitan Yerusaalemitti akka geessaniif namoota isin amanamoo taʼuu isaanii xalayaa keessaniin mirkaneessitan nan erga.+ 4 Anis achi dhaquun koo barbaachisaa yoo taʼe, isaan anaa wajjin dhaqu.
5 Haa taʼu malee, Maqedooniyaa+ keessa darbee waanan deemuuf, yeroon Maqedooniyaa keessa darbu gara keessan nan dhufa; 6 iddoo ani deemutti hamma tokko akka na geggeessitaniif, tarii isin bira nan tura yookiin ganna iyyuu isin biratti nan dabarsa taʼa. 7 Yihowaan* yoo jedhe, yeroo muraasa isinii wajjin akkan dabarsu waanan abdadhuuf, amma utuun darbaa jiruu isin ilaaluu hin barbaadu.+ 8 Haa taʼu malee, hamma Ayyaana Phenxeqosxeetti Efesoon+ keessan tura; 9 sababiin isaas, balballi hojii balʼaan naaf banameera;+ taʼus mormitoonni hedduun jiru.
10 Ximotewos+ yommuu gara keessan dhufu isin gidduutti homaa akka hin sodaanne godhaa; inni akkuma koo hojii Yihowaa* hojjeta.+ 11 Kanaafuu, eenyu iyyuu isa hin tuffatin. Ani obbolootaa wajjin isa eegaa waanan jiruuf, gara koo akka dhufu nagaadhaan isa geggeessaa.
12 Obboleessa keenya Apholos+ ilaalchisee, akka inni obbolootaa wajjin gara keessan dhufu cimsee isa jajjabeesseera. Inni amma dhufuu hin yaadne; yommuu carraa argatu garuu ni dhufa.
13 Dammaqaa jiraadhaa,+ amantiitti cimaa dhaabbadhaa,+ dhiira taʼaa,*+ jaboo taʼaa.+ 14 Wanta hojjettan hunda jaalalaan hojjedhaa.+
15 Ammas yaa obbolootaa, ani isinan gorsa: Maatiin Isxifaanaas Akaayaa keessatti barattoota warra jalqabaa* akka taʼanii fi qulqulloota tajaajiluuf guutummaatti akka of kennan beektu. 16 Isinis namoota akkasiitiif, akkasumas warra nu deggeranii fi jabaatanii hojjetan hundumaaf bitamuu keessan itti fufaa.+ 17 Isxifaanaas,+ Farxunaaxosii fi Akaayiqos as jiraachuu isaaniitti baayʼeen gammade; sababiin isaas, isaan yeroo isin as hin jirretti baayʼee na gargaaraniiru. 18 Isaan hafuura koo fi hafuura keessan haaressaniiru. Kanaafuu, namoota akkasiitiif beekamtii kennaa.
19 Gumiiwwan Eeshiyaa keessa jiran nagaa isiniif dhaamaniiru. Aqiilaa fi Phirisqaan gumii mana isaanii jiruu wajjin,+ isin warra barattoota Gooftaa taataniif garaadhaa nagaa isiniif dhaamaniiru. 20 Obboloonni hundi nagaa isiniif dhaamaniiru. Dhungannaa qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
21 Kun nagaa koo isa ani Phaawulos harkuma kootiin barreesse dha.
22 Namni Gooftaa hin jaallanne kam iyyuu abaaramaa haa taʼu. Yaa Gooftaa keenya, kottu! 23 Gaarummaan Gooftaa Yesuus inni guddaan isinii wajjin haa taʼu. 24 Jaalalli koo isin warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabdan hundumaa wajjin haa taʼu.