Lallaba
1 Dubbii sassaabdichi*+ ilmi Daawit, mootichi Yerusaalem+ keessa jiru dubbate.
2 Sassaabdichi akkana jedha: “Homaa gatii hin qabu!
Homaa gatii hin qabu! Wanti hundi gatii hin qabu!”+
3 Namni hojii isaa isa itti dadhabe,
Isa aduudhaa gaditti itti dhamaʼe hundumaa irraa buʼaa maalii argata?+
6 Bubbeen gara kibbaatti bubbisa, naannaʼees gara kaabaatti qajeela;
Utuu wal irraa hin citin bifa geengootiin ni naannaʼa; bubbeen naannaʼuu isaa ittuma fufa.
7 Lageen* hundi gara galaanaatti yaaʼu, taʼus galaanichi hin guutu.+
Lageen gara iddoo keessaa yaaʼanitti deebiʼu, isaan yaaʼuu isaanii itti fufuuf achumatti deebiʼu.+
8 Wanti hundi nuffisiisaa dha;
Namni waaʼee isaa dubbachuu dandaʼu illee hin jiru.
Ijji ilaaluu hin quufu;
Gurris dhagaʼuudhaan hin guutu.
9 Wanti kanaan dura ture gara fuuldurattis ni taʼa,
Wanti kanaan dura raawwatame ammas ni raawwatama;
Aduudhaa gaditti wanti haaraan hin jiru.+
10 Wanti namni tokko waaʼee isaa, “Ilaa, wanta haaraa kana” jechuu dandaʼu jiraa?
Wanti sun wanta bara dheeraa dura ture dha;
Bara keenya dura iyyuu jira ture.
11 Namni namoota bara durii yaadatu hin jiru;
Warra yeroo booda dhufanis kan yaadatu tokko illee hin jiru;
Isaanis warra yeroo booda dhufan biratti hin yaadataman.+
12 Ani sassaabdichi Yerusaalem keessatti Israaʼel irratti mootii nan taʼe.+ 13 Wanta samii jalatti raawwatame hundumaa, jechuunis hojii gaddisiisaa ilmaan namootaa ittiin qabaman isa Waaqayyo isaaniif kenne ogummaadhaan+ qoʼachuu fi qorachuuf nan murteesse.+
14 Hojii aduudhaa gaditti hojjetame hundumaa nan arge,
Kunoo, wanti hundi gatii hin qabu, akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.+
15 Wanti jalʼaan sorooroo taʼuu hin dandaʼu,
Wanti hin jirres matumaa lakkaaʼamuu hin dandaʼu.
16 Anis garaa kootti, “Kunoo, namoota na dura Yerusaalem keessa turan hundumaa caalaa ogummaa guddaa nan argadhe;+ garaan koos ogummaa fi beekumsa hedduu ni argate”+ jedheen yaade. 17 Waaʼee ogummaa, waaʼee maraatummaa* fi waaʼee gowwummaa beekuuf nan carraaqe;+ kunis akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.
18 Sababiin isaas, ogummaan baayʼachuun isaa gadda baayʼisa,
Namni beekumsa dabalu kam iyyuu rakkinas ni dabala.+