Qorontos Lammaffaa
13 Gara keessan dhufuuf yommuun qophaaʼu kun yeroo sadaffaa koo ti. “Dhimmi hundinuu ragaa* namoonni lama yookiin sadii dhiheessaniin mirkaneeffamuu qaba.”+ 2 Ani amma yoon isin bira jiraachuu baadhe illee, akkuman yeroo lammaffaadhaaf isin bira jirutti ilaalaa; ammas yoon dhufe akkuman kanaan dura godhe utuun isaan hin adabin akkan hin dhiisne, namoota kanaan dura cubbuu hojjetanis taʼe warra kaan hunda dursee akeekkachiisuun barbaada; 3 kanas kanan godhu, Kiristoos inni dhuguma karaa koo dubbatu, isin gidduutti dadhabaa utuu hin taʼin, jabaa taʼuu isaatiif ragaa argachuu waan barbaaddaniifi. 4 Sababiin isaas, inni dadhabaa yeroo turetti muka irratti fannifameera; amma garuu humna Waaqayyootiin jiraataa taʼeera.+ Dhugaa dha, nutis isaa wajjin dadhaboo taaneerra; haa taʼu malee, humna Waaqayyo isiniif kenneen+ isaa wajjin ni jiraanna.+
5 Amantii keessa jiraachuu keessan beekuuf yeroo hunda of qoraa; eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa.+ Fudhatama dhabdaniittu yoo taʼe malee, Yesuus Kiristoos isinii wajjin tokkummaa akka qabu hin beektanii? 6 Nuti fudhatama akka qabnu ni hubattu jedheen abdadha.
7 Isin dogoggora tokko illee akka hin hojjenne Waaqayyoon ni kadhanna; kana kan goonus nuti fudhatama kan qabnu fakkaannee mulʼachuuf utuu hin taʼin, fudhatama kan dhabne yoo fakkaanne illee isin wanta gaarii taʼe akka gootaniifi. 8 Sababiin isaas, wanta dhugaa mormu tokko illee gochuu hin dandeenyu; nuti dhugaadhaaf qofa hojjenna. 9 Yeroo nuti dadhaboo taanu hundatti isin jaboo waan taataniif ni gammanna. Sirreeffama gochaa akka deemtanis isiniif ni kadhanna. 10 Yeroon dhufu aangoo Gooftaan akkan diiguuf utuu hin taʼin, akkan ijaaruuf naaf kenneen tarkaanfii cimaa akkan hin fudhanneef,+ yeroon isin bira hin jirretti wantoota kana isiniif barreesseera.
11 Dhuma irrattis yaa obbolootaa, gammaduu keessan, sirreeffama gochuu keessan, jajjabaachuu keessan,+ yaada tokko qabaachuu+ fi nagaadhaan jiraachuu+ keessan itti fufaa; Waaqni jaalalaa fi nagaa+ isinii wajjin taʼa. 12 Dhungannaa qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. 13 Qulqulloonni hundi nagaa isiniif dhaamaniiru.
14 Gaarummaa guddaan Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi jaalalli Waaqayyoo, akkasumas hafuurri qulqulluun inni waliin hirmaannu hunda keessanii wajjin haa taʼu.