Keessa Deebii
34 Achiis Museen gammoojjii Moʼaab irraa kaʼee gara Gaara Neboo+ isa fiixee Phisgaa+ irratti, Yerikoo+ fuulleetti argamutti ol ni baʼe. Yihowaanis guutummaa biyyattii, jechuunis Giiliyaadii hamma Daanitti,+ 2 guutummaa Niftaalem, biyya Efreemii fi Minaasee, guutummaa biyya Yihudaa hamma galaana dhihaatti,*+ 3 akkasumas Negeebii+ fi koonyaa Yordaanos,+ dirree sulula Yerikoo dabalatee magaalaa muka meexxii hamma Zoʼaaritti+ isatti ni argisiise.
4 Achiis Yihowaan akkana isaan jedhe: “Biyyi ani, ‘Sanyii keetiif nan kenna’+ jedhee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakadhe kana dha. Ija keetiin akka ilaaltu nan godha; garuu achitti hin ceetu.”+
5 Sana booda Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe akkuma Yihowaan jedhetti achuma biyya Moʼaab keessatti ni duʼe.+ 6 Innis sulula isa biyya Moʼaab keessa, Beet Peʼoor gamatti argamu keessatti isa ni awwaale; hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka taʼe namni beeku hin jiru.+ 7 Museen yeroo duʼetti umuriin isaa waggaa 120 ture.+ Yeroo kanatti ijji isaa hin dadhabne, humni isaas hin laafne. 8 Namoonni Israaʼelis gammoojjii Moʼaab keessatti guyyaa 30f Museedhaaf ni booʼan.+ Achiis guyyaan Museedhaaf itti booʼamuu fi itti gaddamu ni xumurame.
9 Museen harka isaa isa irra kaaʼee waan tureef,+ Iyyaasuun ilmi Nuun nama hafuura ogummaatiin guutame ture; Israaʼelonnis isa dhagaʼuu jalqaban; akkuma Yihowaan Musee ajajes ni godhan.+ 10 Haa taʼu malee, raajiin kan akka Musee Yihowaan fuulaa fuulatti beeke+ sana booda matumaa Israaʼel keessatti hin kaane.+ 11 Inni mallattoowwanii fi dinqiiwwan Yihowaan biyya Gibxii keessatti Faraʼoon irratti, tajaajiltoota isaa hundumaa fi guutummaa biyya isaa irratti akka raawwatu isa erge hundumaa raawwateera;+ 12 kana malees, Museen guutummaa Israaʼel duratti harka jabaa fi humna dinqisiisaa argisiiseera.+