Ermiyaas
19 Yihowaan akkana jedha: “Dhaqiitii suphe dhooftuu tokko irraa hubboo* biti.+ Jaarsolii sabichaa fi jaarsolii lubootaa keessaa muraasa fuudhiitii 2 gara Sulula Ilma Hinoom+ isa Karra Qiraacii biratti argamu sanaatti gad baʼi. Achittis dubbii ani sitti dubbadhu labsi. 3 Akkana jedhi: ‘Isin mootonni Yihudaa fi jiraattonni Yerusaalem, dubbii Yihowaa dhagaʼaa. Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“‘“Ani iddoo kana irratti badiisa nan fida; kunis dhaqna nama waaʼee isaa dhagaʼu kam iyyuu surur godha. 4 Kun kan taʼes, isaan waan na dhiisanii+ fi iddoon kun kan hin hubatamne akka taʼu waan godhaniifi.+ Isaan achi keessatti waaqolii kan biroo warra isaanis taʼan abbootiin isaanii, akkasumas mootonni Yihudaa hin beekneef aarsaa dhiheessaa jiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru.+ 5 Isaan ilmaan isaanii ibiddaan gubanii aarsaawwan guutummaatti gubaman godhanii Baʼaaliif dhiheessuuf, iddoowwan ol kaʼoo Baʼaal ijaaraniiru;+ kunis wanta ani hin ajajne yookiin waaʼee isaa hin dubbannee fi matumaa garaa kootti illee hin yaanne* dha.”’+
6 “‘Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, kunoo, yeroon iddoon kun Tofeet yookiin Sulula Ilma Hinoom utuu hin taʼin, Sulula Qalmaa itti jedhamu ni dhufa.+ 7 Ani iddoo kanatti karoora Yihudaa fi Yerusaalem nan fashaleessa; isaan diinota isaanii duratti goraadeedhaan akka kufan, akkasumas harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanii* irratti akka kufan nan godha. Reeffa isaaniis allaattiiwwan samii fi bineensota lafaatiif nyaata godhee nan kenna.+ 8 Magaalaan kunis bakka sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taatu nan godha. Namni achiin darbu kam iyyuu naasuudhaan ni fajaja, dhaʼicha ishii hundumaatiin kan kaʼes ni siiqsa.+ 9 Dhiibbaa, akkasumas dhiphina diinonni isaanii fi warri lubbuu isaanii balleessuu barbaadan* isaan irra geessisaniin kan kaʼe, foon ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii akka nyaatan nan godha; tokkoon tokkoon isaaniis foon namaa ni nyaatu.”’+
10 “Hubboo sanas namoota sii wajjin deeman duratti cabsi; 11 achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Akkuma namni tokko suphamuu hamma hin dandeenyetti miʼa suphe dhooftuu tokkoo caccabsuutti, anis saba kanaa fi magaalaa kana nan caccabsa; isaanis warra duʼan awwaaluuf iddoon hamma dhabamutti Tofeet keessatti isaan ni awwaalu.”’+
12 “Yihowaan akkana jedha: ‘Magaalaa kana akkuma Tofeet gochuuf, iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti akkanuma nan godha. 13 Manneen Yerusaalemii fi manneen mootota Yihudaas akkuma iddoo kanaa, akkuma Tofeet xuraaʼoo ni taʼu;+ eeyyee, manneen warri isaan baaxiiwwan isaanii irratti raayyaa samii hundumaatiif aarsaawwan itti dhiheessanii+ fi waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii itti dhangalaasan sun akkanuma ni taʼu.’”+
14 Ermiyaasis Tofeet bakka Yihowaan raajii akka dubbatu itti isa erge irraa yommuu deebiʼu, mooraa mana Yihowaa keessa dhaabbatee guutummaa sabichaatiin akkana jedhe: 15 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isaan mata jabeeyyii taʼuudhaan* dubbii kootiif ajajamuu waan didaniif, kunoo, magaalaa kanaa fi gandeen ishii hundumaa irratti badiisa akkan itti fidu dubbadhe sana hundumaa nan fida.’”+