Keessa Deebii
27 Achiis Museen jaarsolii Israaʼelii wajjin taʼuudhaan akkana jedhee sabicha ajaje: “Ajaja ani harʼa siif kennu kana hundumaa eegi. 2 Guyyaa Yordaanosiin ceetee gara biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti itti seentutti dhagoota guguddaa dhaabiitii maragi.*+ 3 Akkuma Waaqni abbootii keetii Yihowaan waadaa siif galetti, ati gara biyya aannanii fi damma maddisiistu+ ishii Waaqni kee Yihowaan siif kennutti akka seentuuf, yommuu achitti ceetutti dubbii Seera kanaa hundumaa isaan irratti barreessi. 4 Akkuman harʼa isin ajajetti, isin yommuu Yordaanosiin ceetan dhagoota kana Gaara Eebaal+ irra dhaabaatii isaan maragaa.* 5 Dabalataanis, Waaqa kee Yihowaadhaaf achi irratti iddoo aarsaa, jechuunis iddoo aarsaa dhagoota irraa tolfame ijaari. Dhagoota sanas meeshaa sibiilaa hin tuqsiisin.+ 6 Iddoo aarsaa isa kan Waaqa kee Yihowaa taʼe dhagoota hin bocamneen ijaari; achi irrattis Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaawwan gubaman dhiheessi. 7 Aarsaawwan gamtaa dhiheessitee+ achitti ni nyaatta;+ Waaqa kee Yihowaa durattis ni gammadda.+ 8 Dubbii Seera kanaa hundumaas dhagoota sana irratti ifatti barreessi.”+
9 Achiis Musee fi Leewwonni luboota taʼan akkana jedhanii guutummaa Israaʼelitti dubbatan: “Yaa Israaʼel, calluma jedhiitii dhaggeeffadhu. Harʼa ati saba Waaqa kee Yihowaa taateetta.+ 10 Sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼi; ajajawwan isaa+ fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajajus raawwadhu.”
11 Guyyaa sanatti Museen akkana jedhee sabicha ajaje: 12 “Yommuu isin Yordaanosiin ceetanitti gosti Simiʼoon, Leewwii, Yihudaa, Yisaakor, Yoseefii fi Biiniyaam sabicha eebbisuuf Gaara Geriizim+ irra ni dhaabbatu. 13 Gosti Ruuben, Gaad, Asheer, Zaabiloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaarsa labsuuf Gaara Eebaal+ irra ni dhaabbatu. 14 Leewwonnis sagalee guddaadhaan akkana jedhanii namoota Israaʼel hundumaatti ni dubbatu:+
15 “‘Namni fakkii bocame+ yookiin siidaa sibiilaa*+ isa Yihowaa duratti jibbisiisaa taʼe,+ jechuunis wanta ogeessa harkaatiin* tolfamu hojjetuu fi dhoksee kaaʼu abaaramaa haa taʼu.’ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’* jedhanii deebisu.)
16 “‘Namni abbaa isaa yookiin haadha isaa tuffatu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
17 “‘Namni mallattoo daangaa nama kan biraa iddoo isaatii siqsu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
18 “‘Namni nama qaro dhabeessa taʼe karaa irraa jalʼisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
19 “‘Namni nama biyya ormaa, mucaa abbaa hin qabne* yookiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe+ jalaa murtii jalʼisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
20 “‘Namni haadha manaa abbaa isaa wajjin ciisu, abaaramaa haa taʼu; inni abbaa isaa salphiseera.’*+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
21 “‘Namni horii akkamii iyyuu wajjin ciisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
22 “‘Intala abbaa isaas taate intala haadha isaa, namni obboleettii isaa wajjin ciisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
23 “‘Namni amaatii isaa wajjin ciisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
24 “‘Namni riphee eeggatee nama ajjeesu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
25 “‘Namni nama qulqulluu* ajjeesuuf* mattaʼaa fudhatu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
26 “‘Namni dubbii Seera kanaa hojii irra oolchuudhaan hin eegne abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)