Keessa Deebii
19 “Waaqni kee Yihowaan saboota biyya isaanii Waaqni kee Yihowaan siif kennu sana yommuu balleessuu fi atis biyya isaaniitii isaan ariitee magaalota isaanii fi manneen isaanii keessa yommuu jiraattu,+ 2 biyya kee isa Waaqni kee Yihowaan akka dhaaltu siif kennu gidduutti magaalota sadii adda baasi.+ 3 Atis naannoo biyya Waaqni kee Yihowaan akka dhaaltu siif kenne sanaa bakka sadiitti hiri; namni nama ajjeese kam iyyuu magaalota sana keessaa ishii tokkotti baqachuu akka dandaʼuuf daandii tolchi.
4 “Nama nama ajjeesee lubbuu isaa oolfachuuf achitti baqatu ilaalchisee wanti godhamuu qabu kana dha: Namni sun utuu itti hin yaadin nama rukutee yoo ajjeese, innis duraan nama sanaaf jibba hin qabu yoo taʼe,+ 5 fakkeenyaaf, namichi nama sanaa wajjin qoraan funaanuuf gara bosonaa seenee qottoodhaan muka muruuf harka isaa yommuu kaasutti, sibiilli qottoo sun muka isaa irraa buqqaʼee nama sana rukutee yoo ajjeese, namni nama ajjeese sun lubbuu isaa oolfachuuf magaalota kana keessaa gara isa tokkootti haa baqatu.+ 6 Taʼuu baannaan, magaalattiin baayʼee fagoo taʼuu ishiitiin kan kaʼe, namni haaloo baʼu+ sun baayʼee aaree* namicha nama ajjeese sana ariʼee bira gaʼuudhaan isa ajjeesuu dandaʼa. Haa taʼu malee, namichi duraan nama sanaaf jibba waan hin qabneef ajjeefamuu hin qabu.+ 7 ‘Magaalota sadii adda baasi’ jedhee kanan si ajaje kanaafi.
8 “Waaqni kee Yihowaan akkuma abbootii keetiif kakatetti daangaa kee yommuu balʼisuu+ fi biyya abbootii keetiif kennuuf waadaa gale hundumaa yommuu siif kennu,+ 9 ajajawwan Waaqa kee Yihowaa akka jaallattuu fi yeroo hundumaa daandiiwwan isaa irra akka deemtu harʼa ani siif kenne kana hundumaa amanamummaadhaan eegi;+ magaalota sadan kana irrattis magaalota kan biraa sadii dabali.+ 10 Kana yoo goote, biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti dhiigni qulqulluun hin dhangalaʼu;+ atis dhiiga namaatiif itti hin gaafatamtu.+
11 “Haa taʼu malee, namni tokko nama kan biraa jibbee+ riphee eeggachuudhaan akka malee rukutee yoo isa* madeesse, namni sunis yoo duʼe, innis magaalota kana keessaa gara isa tokkootti yoo baqate, 12 jaarsoliin magaalaa isaa achii isa fichisiisanii nama haaloo baʼutti dabarsanii isa haa kennan; innis haa ajjeefamu.+ 13 Ati* isaaf hin gaddin; gaarii akka siif taʼuufis yakka dhiiga qulqulluu dhangalaasuudhaan dhufu Israaʼel keessaa balleessi.+
14 “Biyya Waaqni kee Yihowaan akka dhaaltu siif kennu keessatti dhaala kee yommuu fudhattu, mallattoo daangaa nama kan biraa isa abbootiin kee kaaʼan iddoo isaatii hin siqsin.+
15 “Balleessaa yookiin cubbuu namni tokko raawwate kamiif iyyuu ragaa namni tokko dhiheessuun itti murteeffamuu* hin qabu.+ Dhimmi tokko ragaa* namoonni lama yookiin sadii dhiheessaniin haa mirkaneeffamu.+ 16 Namni tokko hamminaan nama kan biraa irratti ragaa yoo dhiheesse, yakka akka raawwate godhees yoo isa himate,+ 17 namoonni falmii qaban lamaan Yihowaa dura, akkasumas lubootaa fi abbootii murtii yeroo sanatti tajaajilaa jiran dura ni dhaabbatu.+ 18 Abbootiin murtiis dhimma sana gad fageenyaan ni qoratu;+ namni sun sobaan ragaa kan dhiheessee fi sobaan obboleessa isaa kan himate yoo taʼe, 19 wantuma inni obboleessa isaa irratti hamminaan raawwachuuf yaade isa irratti raawwadhu;+ wanta hamaas of gidduudhaa balleessi.+ 20 Warri hafanis kana dhagaʼanii ni sodaatu; isaan sana booda wanta hamaa akkanaa matumaa si gidduutti hin raawwatan.+ 21 Ati* isaaf hin gaddin;+ bakka lubbuu lubbuun, bakka ijaa ijji, bakka ilkaanii ilkaan, bakka harkaa harki, bakka miilaa miilli haa kaffalamu.+