Keessa Deebii
15 “Yeroo hundumaa dhuma waggaa torbaffaatti liqii nama irraa qabdu isaaf dhiisi.+ 2 Akkaataan liqii nama irraa qaban itti isaaf dhiisan kana fakkaata: Namni liqii nama irraa qabu kam iyyuu liqii nama liqeeffate sana irraa qabu isaaf ni dhiisa. Kun yeroo ulfina Yihowaatiif liqiin akka dhiifamu itti labsamu waan taʼuuf, namni nama tokko irraa yookiin obboleessa isaa irraa liqii qabu akka isaaf deebisu gaafachuu hin qabu.+ 3 Liqii nama biyya ormaa irraa qabdu gaafachuu ni dandeessa;+ haa taʼu malee, wanta obboleessi kee si irraa liqeeffate kam iyyuu isaaf dhiisuu qabda. 4 Yihowaan biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti dhugumaan waan si eebbisuuf,+ si gidduudhaa eenyu iyyuu hiyyeessa taʼuu hin qabu; 5 kun kan taʼu garuu, ati sagalee Waaqa kee Yihowaatiif sirriitti yoo ajajamtee fi ajaja ani harʼa siif kennu kana hundumaa of eeggannoodhaan yoo eegde qofa dha.+ 6 Waaqni kee Yihowaan akkuma waadaa siif galetti waan si eebbisuuf, ati saboota hedduudhaaf liqeessita* malee, hin liqeeffattu;+ saboota hedduu irratti ol aantummaa qabaatta malee, isaan si irratti ol aantummaa hin qabaatan.+
7 “Magaalota kee warra biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti argaman keessaa isa tokko keessatti obboloota kee keessaa inni tokko si gidduutti hiyyeessa yoo taʼe, obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin.+ 8 Kanaa mannaa, arjummaadhaan harka kee isaaf bani;+ hamma dandaʼametti wanta isa barbaachisu yookiin wanta isatti hirʼate isaaf liqeessi.* 9 ‘Waggaan torbaffaan, waggaan liqiin itti dhiifamu dhihaateera’ jettee yaada hamaa kana garaa keetti qabachuudhaan,+ obboleessa kee isa hiyyeessa taʼeef arjummaa argisiisuu fi waa isaaf kennuu irraa duubatti akka hin jenne of eeggadhu. Inni sitti mufatee gara Yihowaatti yoo iyyate cubbuu sitti taʼa.+ 10 Waaqni kee Yihowaan hojii kee fi wanta raawwattu hundumaatti kan si eebbisu sababa kanaan waan taʼeef,+ ati arjummaadhaan isaaf kenni+ malee, garaa duuba isaaf hin kennin. 11 Sababiin isaas, hiyyeeyyiin yeroo hundumaa biyyattii keessa ni jiraatu.+ ‘Obboleessa kee isa rakkataa fi isa hiyyeessa biyya kee keessatti argamuuf arjummaadhaan harka kee bani’ jedhee kanan si ajaju kanaafi.+
12 “Obboloota kee keessaa dhiirri yookiin dubartiin Ibroota taʼan sitti gurguramanii waggaa jaʼaaf yoo si tajaajilan, waggaa torbaffaatti bilisa isaan baasuu qabda.+ 13 Bilisa yoo isa baastes harka isaa duwwaa isa hin ergin. 14 Bushaayee kee keessaa, oobdii kee irraa, akkasumas bakka cuunfaa zayitii fi daadhii wayinii kee irraa arjummaadhaan isaaf kenni. Akkuma Waaqni kee Yihowaan si eebbisetti isaaf kenni. 15 Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turtee fi Waaqni kee Yihowaan akka si fure yaadadhu. Kana akka gootu harʼa kanan si ajaju kanaafi.
16 “Inni siinis taʼe maatii kee waan jaallateef, sii wajjin jiraachuu isaattis waan gammadeef, ‘Ani si irraa adda hin baʼu!’ yoo siin jedhe garuu,+ 17 mutaa fudhadhuutii balbala irratti gurra isaa uri; innis umurii isaa guutuu garbicha kee ni taʼa. Garbittii tee irrattis akkanuma godhi. 18 Buʼaan tajaajilli inni waggaa jaʼaaf siif kenne argamsiisu isa namni mindeeffamee hojjetu argamsiisu irra dachaa lama waan taʼuuf, yommuu bilisa isa baastee si biraa deemu sitti hin ulfaatin; Waaqni kee Yihowaanis wanta raawwatame hundumaatti si eebbiseera.
19 “Loonii fi bushaayee kee keessaa kormaa jalqaba dhalate hundumaa Waaqa kee Yihowaadhaaf qulqulleessi.+ Loon* kee keessaa isa jalqaba dhalateen hojii akkamii iyyuu hin hojjetin; bushaayee kee keessaa isa jalqaba dhalates rifeensa isaa hin murin. 20 Atii fi maatiin kee waggaa waggaadhaan bakka Yihowaan filatutti Waaqa kee Yihowaa duratti isa nyaadhaa.+ 21 Haa taʼu malee, horiin sun mudaa yoo qabaate, jechuunis yoo naafate, yoo jaame yookiin mudaa guddaa kan biraa akkamii iyyuu yoo qabaate Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa gootee dhiheessuu hin qabdu.+ 22 Magaalota* kee keessatti isa nyaadhu; akkuma borofa yookiin gadamsa nyaattanitti namni xuraaʼaanis taʼe namni qulqulluun isa nyaachuu ni dandaʼa.+ 23 Haa taʼu malee, matumaa dhiiga isaa hin nyaatin;+ kanaa mannaa, akkuma bishaanii lafatti dhangalaasi.+