Keessa Deebii
29 Kakuu inni Horeeb keessatti isaanii wajjin galeen alatti, dubbiin kakuu Yihowaan biyya Moʼaab keessatti saba Israaʼelii wajjin akka galu Musee ajaje kana dha.+
2 Achiis Museen Israaʼelota hundumaa walitti qabee akkana isaaniin jedhe: “Wanta Yihowaan biyya Gibxii keessatti Faraʼoon irratti, tajaajiltoota isaa hundumaa irrattii fi guutummaa biyya isaa irratti ijuma keessan duratti godhe hundumaa argitaniittu;+ 3 kana malees, murtiiwwan guguddaa, mallattoowwanii fi dinqiiwwan guguddaa sana ija keessaniin argitaniittu.+ 4 Haa taʼu malee, Yihowaan hamma harʼaatti garaa hubatu, ija arguu fi gurra dhagaʼu isiniif hin kennine.+ 5 ‘Waggaa 40f lafa onaa keessatti+ yommuun isin geggeessaa turetti, uffanni keessan isin irratti hin dhumne, kopheen keessanis miila keessan irratti hin dhumne.+ 6 Ani Waaqa keessan Yihowaa taʼuu koo akka beektaniif, isin daabboo hin nyaanne, daadhii wayinii yookiin dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu hin dhugne.’ 7 Dhuma irrattis isin gara iddoo kanaa ni dhuftan; Sihoon mootiin Heshboonii+ fi Oog mootiin Baashaanis+ nu waraanuuf ni baʼan, nuti garuu isaan ni moone.+ 8 Sana booda, lafa isaanii fudhannee Ruubenotaaf, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasotaatiif dhaalaan kennine.+ 9 Kanaafuu, wanti gootan hundi gaarii akka isiniif taʼuuf, dubbii kakuu kanaa eegaa; isaafis ajajamaa.+
10 “Harʼa hundi keessan Waaqa keessan Yihowaa dura dhaabbattaniittu; dura buutonni gosoota keessanii, jaarsoliin keessan, geggeessitoonni keessan, dhiironni Israaʼel hundi, 11 ijoolleen keessan, haadhotiin manaa keessan,+ akkasumas namni biyya ormaa+ buufata keessan gidduu jiru, inni qoraan isiniif funaanus taʼe bishaan isiniif waraabu isa dura dhaabbataniiru. 12 Kunoo ati gara kakuu Waaqa kee Yihowaattii fi gara kakaa isaa isa Waaqni kee Yihowaan harʼa sii wajjin galutti seenuuf jetta;+ 13 kanas kan godhe, akkuma waadaa siif galetti, akkasumas akkuma abbootii kee Abrahaam,+ Yisihaaqii+ fi Yaaqoobiif+ kakatetti harʼa saba isaa godhee si hundeessuu+ fi Waaqa kee taʼuuf+ jedhee ti.
14 “Ani kakuu kanaa fi kakaa kana kanan galu sii wajjin qofa miti; 15 kanaa mannaa warra harʼa nuu wajjin Waaqa keenya Yihowaa dura dhaabbatanii fi warra harʼa nuu wajjin as hin jirree wajjinis nan gala. 16 (Sababiin isaas, isin biyya Gibxii keessa akkamitti akka jiraannee fi imala keenya irratti akkamitti saboota adda addaa gidduu akka darbine akka gaariitti beektu.+ 17 Kana malees, isin wantoota jibbisiisoo isaanii fi waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo* taʼan+ kanneen muka, dhagaa, meetii fi warqii irraa tolfaman warra isaan gidduu turan ni argitu turtan.) 18 Harʼa isin gidduutti dhiirri yookiin dubartiin, maatiin yookiin gosti dhaqee waaqolii saboota sanaa tajaajiluuf garaan isaa Waaqa keenya Yihowaa irraa jalʼatu,+ hiddi firii summaaʼaa fi hadhaaʼaa godhatu isin gidduutti akka hin argamne of eeggadhaa.+
19 “Haa taʼu malee, namni tokko dubbii kakaa kanaa dhagaʼee of jajuudhaan garaa isaatti, ‘Ani akka fedhii garaa kootti yoon deeme iyyuu nagaa nan qabaadha’ jechuudhaan, wanta daandii isaa irra jiru hundumaa* yoo mancaase, 20 Yihowaan dhiifama isaaf gochuuf tole hin jedhu.+ Kanaa mannaa, dheekkamsi Yihowaa inni guddaan nama kana irratti ni bobaʼa; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame hundis dhugumaan isa irra ni gaʼa;+ Yihowaanis dhugumaan maqaa isaa samii jalaa haxaaʼee ni balleessa. 21 Achiis Yihowaan abaarsa kakuu kanaa isa kitaaba Seeraa kana irratti barreeffame hundumaa wajjin haala wal simuun, namicha kana gosoota Israaʼel hundumaa keessaa badiisaaf kophaatti ni baasa.
22 “Dhaloonni ilmaan keetii warri gara fuulduraa fi namni biyya ormaa inni biyya fagoodhaa dhufe, dhaʼichawwanii fi dhukkuboota Yihowaan biyyattii irratti fide, 23 jechuunis akkuma Sodoomii fi Gomoraa,+ akkasumas Admaa fi Zeboʼiim+ warra Yihowaan dheekkamsaa fi aarii isaatiin garagalche sanaatti, guutummaa biyyattii keessatti sanyiin akka hin facaafamneef yookiin akka hin margineef, biqiltuun akkamii iyyuus akka hin latneef, dinyii, soogiddaa fi ibidda gubu akka ishii irratti fide yommuu argan, 24 isaanis taʼan saboonni hundi, ‘Yihowaan biyya kana irratti akkana kan godhe maaliifi?+ Dheekkamsa guddaa bobaʼu kana kan fide maali dha?’ jedhu. 25 Namoonnis akkana jedhu: ‘Kun kan taʼe, kakuu Waaqni abbootii isaanii Yihowaan yommuu biyya Gibxii keessaa isaan baasetti+ isaanii wajjin gale sana waan dhiisaniifi.+ 26 Kanaa mannaa, isaan dhaqanii waaqolii kan biroo warra hin beeknee fi akka waaqeffatan inni isaaniif hin heyyamne* tajaajilan, akkasumas isaaniif ni sagadan.+ 27 Achiis aariin Yihowaa inni bobaʼaan biyya sana irratti ni dhufe; abaarsa kitaaba kana irratti barreeffame hundumaas ishii irratti ni fide.+ 28 Kanaafuu, Yihowaan aarii isaa fi dheekkamsa isaa isa guddaadhaan biyyoo isaanii irraa isaan buqqisee+ gara biyya kan biraa yeroo harʼaa keessa jiranitti isaan geesse.’+
29 “Wantoonni dhokfaman kan Waaqa keenya Yihowaa ti;+ haa taʼu malee, dubbii Seera kanaa hundumaa akka raawwannuuf, wantoonni ifa baafaman bara baraaf kan keenyaa fi kan sanyii keenyaa ti.+