Nahimiyaa
1 Dubbii Nahimiyaa*+ ilma Hakaaliyaa: Ani waggaa 20ffaatti, jiʼa Kiisluutti* dahoo* Shushaan*+ keessan ture. 2 Yeroo sanatti obboloota koo keessaa tokko kan taʼe Hanaaniin,+ namoota kaanii wajjin Yihudaadhaa dhufe; anis waaʼee Yihudoota hafanii warra boojuu irraa oolanii+ fi waaʼee Yerusaalem isaan nan gaafadhe. 3 Isaanis, “Warri boojuu irraa oolanii koonyaa sana keessa jiraatan haala gaddisiisaa taʼee fi salphina keessa jiru.+ Dallaawwan Yerusaalem diigamaniiru;+ karrawwan ishiis ibiddaan gubamaniiru”+ jedhanii naaf deebisan.
4 Anis dubbii kana akkuman dhagaʼeen taaʼee booʼuun jalqabe; guyyoota hedduudhaafis Waaqa samiiwwanii duratti gaddaa, soomaa+ fi kadhachaan ture. 5 Akkana nan jedhe: “Warra si jaallatanii fi ajajawwan kee eeganiif kakuu kee kan eegduu fi jaalala amanamaa kan argisiistu, Waaqa guddaa fi sodaachisaa, Waaqa samiiwwanii kan taate yaa Yihowaa,+ 6 maaloo, kadhannaa ani harʼa sitti dhiheessaa jiru dhagaʼuudhaaf gurri kee kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessu xiyyeeffannaadhaan haa dhagaʼu; ijji kees kadhannaa kanaaf kan baname haa taʼu; ani Israaʼelota warra tajaajiltoota kee taʼan ilaalchisee halkanii fi guyyaa+ kadhannaa dhiheessaa, cubbuu sabni Israaʼel si irratti raawwatanis himachaan jira. Anis taʼe manni abbaa kootii cubbuu hojjenneerra.+ 7 Nuti ajajawwan, dambiiwwanii fi heerawwan ati tajaajilaa kee Museedhaaf kennite+ utuu hin eegin hafuudhaan, si irratti wanta hamaa akka raawwanne+ beekamaa dha.
8 “Maaloo, wanta tajaajilaa kee Musee akkana jechuudhaan ajajje* yaadadhu: ‘Amanamoo utuu hin taʼin yoo haftan, ani saboota gidduutti isin nan bittinneessa.+ 9 Gara kootti yoo deebitan, ajajawwan koo yoo eegdanii fi isaaniif yoo ajajamtan garuu, sabni keessan warri bittinnaaʼan hamma andaara samiiwwaniitti yoo fagaatan illee, ani achii walitti isaan qabee+ gara bakka maqaan koo achi akka jiraatuuf filadhetti+ isaan nan fida.’ 10 Isaan tajaajiltoota kee fi saba kee warra ati humna kee isa guddaa fi irree kee isa jabaadhaan furte dha.+ 11 Yaa Yihowaa, maaloo, gurri kee kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi kadhannaa tajaajiltoonni kee warri maqaa kee sodaachuutti gammadan dhiheessan xiyyeeffannaadhaan haa dhagaʼu; maaloo, harʼa tajaajilaa keetiif milkaaʼina kenni; namichi kunis gara laafina natti haa argisiisu.”+
Yeroo kanatti ani nama mootichaaf dhugaatii dhiheessun ture.+