Nahimiyaa
10 Warri waliigaltee sana irratti chaappaa isaanii kaaʼuudhaan+ raggaasisan kanneen kana turan:
Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa isa bulchaa* taʼe,
Akkasumas Zedeeqiyaa, 2 Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas, 3 Paashuur, Amaariyaa, Maalkiyaa, 4 Haxuush, Shebaaniyaa, Maaluuk, 5 Hariim,+ Meremoot, Obaadiyaa, 6 Daani’el,+ Ginetoon, Baaruk, 7 Meshulaam, Abiyaa, Miyaamiin, 8 Maaʼaaziyaa, Bilgaayii fi Shemaayaa; kanneen kun luboota dha.
9 Leewwota: Yeshuwaa ilma Azaaniyaa, Ilmaan Henaadaad keessaa tokko kan taʼe Binuuy, Qaadmiʼel,+ 10 akkasumas obboloota isaanii Shebaaniyaa, Hodiyaa, Qeliixaa, Pelaayaa, Haanaan, 11 Miikaa, Rehoob, Hashaabiyaa, 12 Zaakur, Sherebiyaa,+ Shebaaniyaa, 13 Hodiyaa, Baanii fi Beeninuu.
14 Dura buutota sabichaa: Paarosh, Paahaat Moʼaab,+ Eelaam, Zaatuu, Baanii, 15 Bunii, Azgaad, Bebaay, 16 Adoniyaa, Bigwaay, Adiin, 17 Ateer, Hisqiyaas, Azuur, 18 Hodiyaa, Hashuum, Bezaay, 19 Hariif, Anaatot, Nebaay, 20 Maagpiyaash, Meshulaam, Heziir, 21 Meshezaabel, Saadoq, Yaaduwaa, 22 Pelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa, 23 Hosheʼaa, Hanaaniyaa, Hashuub, 24 Haloheesh, Pilhaa, Shobeeq, 25 Rehuum, Hashaabnaa, Maaʼaaseyaa, 26 Ahiyaa, Haanaan, Anaan, 27 Maaluuk, Hariimii fi Baʼaanaa.
28 Namoonni kaan, jechuunis luboonni, Leewwonni, karra eegdonni, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaa* fi warri Seera Waaqa dhugaa+ hordofuuf saboota biyyattii irraa adda of baasan, haadhotii manaa isaanii, ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii dabalate warri beekumsaa fi hubannaa qaban hundi,* 29 obboloota isaanii, jechuunis namoota isaanii warra beekamoo wajjin taʼuudhaan, akka Seera Waaqa dhugaa isa karaa Musee isa tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe kenname sanaatti deddeebiʼuuf, ajajawwan Gooftaa keenya Yihowaa, murtiiwwan isaa fi dambiiwwan isaa hundumaa of eeggannoodhaan eeguuf abaarsaa fi kakaadhaan dirqama keessa of galchan. 30 Isaanis akkana jedhanii kakatan: “Nuti ijoollee durbaa keenya saboota biyyattiitiif hin kenninu; ijoollee durbaa isaaniis ijoollee dhiiraa keenyaaf hin fudhannu.+
31 “Saboonni biyyattii shaqaxa isaanii fi midhaan akkamii iyyuu guyyaa Sanbataatti gurguruuf yoo fidan, nuti guyyaa Sanbataatti yookiin guyyaa qulqulluu+ taʼetti homaa isaan irraa hin binnu.+ Oomisha waggaa torbaffaa+ hin sassaabbannu; liqii nama irraa qabnu hundumaas ni dhiisna.+
32 “Kana malees, tajaajila mana* Waaqa keenyaatiif waggaa waggaadhaan tokkoon tokkoon keenya sheeqilii* harka sadii keessaa harka tokko kennuuf dirqama keessa of ni galchina;+ 33 kunis daabboo wal irra tuulamuuf,*+ aarsaa midhaanii isa yeroo hundumaa dhihaatuuf,+ aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa guyyoota Sanbataattii+ fi baatiiwwan haaraatti+ dhihaatuuf, tibba affeerraatiif,+ wantoota qulqulluudhaaf, aarsaawwan cubbuu+ warra Israaʼeliif araara argamsiisuuf dhihaatanii fi hojii mana Waaqa keenyaa hundumaatiif ni taʼa.
34 “Kana malees akka Seericha keessatti barreeffametti qoraan luboonni, Leewwonnii fi sabichi akka manneen abbootii keenyaatti yeroo murteeffametti, jechuunis waggaa waggaatti iddoo aarsaa Waaqa keenya Yihowaa irratti bobeessuuf gara mana Waaqa keenyaatti fiduu qaban ilaalchisee carraa ni buufanna.+ 35 Firii lafa keenyaa isa jalqaba bilchaatee fi firiiwwan mukeetii firii godhatan hundumaa keessaa isa jalqaba bilchaate waggaa waggaadhaan gara mana Yihowaatti ni fidna;+ 36 akkasumas akka Seericha irratti barreeffametti, ilmaan keenya, horii keenya,+ loon keenyaa fi bushaayee* keenya keessaa warra angafaa ni fidna. Nuti gara mana Waaqa keenyaatti, gara luboota warra mana Waaqa keenyaatti tajaajilaniitti isaan ni fidna.+ 37 Kana malees, firii jalqabaa midhaan+ daakamaa keenyaa, buusiiwwan keenya, firii mukaa+ akaakuu hundumaa, daadhii wayinii haaraa fi zayitii+ gara lubootaatti, gara kutaawwan mana kuusaa* mana Waaqa keenyaatti+ ni fidna; akkasumas Leewwonni warra magaalota qonnaa keenya hundumaa irraa kudhan keessaa tokko* fudhatan waan taʼaniif, oomisha lafa keenyaa irraa Leewwotaaf kudhan keessaa tokko ni kennina.+
38 “Yommuu Leewwonni kudhan keessaa tokko fudhatan, lubichi ilmi Aaron Leewwotaa wajjin taʼuu qaba; Leewwonni immoo kudhan keessaa tokko isa argatan keessaa, kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaatti,+ gara kutaawwan mana kuusaatti* geessuu qabu. 39 Israaʼelonnii fi ilmaan Leewwotaa buusiiwwan+ midhaanii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii gara kutaawwan mana kuusaa* kanaatti fiduu qabu;+ miʼawwan iddoo qulqulluu achi ni kaaʼamu; luboonni warri tajaajilan, karra eegdonnii fi faarfattoonnis achitti ni argamu. Nutis mana Waaqa keenyaa hin dagannu.”+