Hisqiʼel
2 Achiis inni, “Yaa ilma namaa,* sii wajjin akkan dubbadhuuf miila keetiin dhaabbadhu”+ naan jedhe. 2 Yommuu inni natti dubbatus, hafuurri na keessa seenee isa natti dubbachaa jiru sana dhagaʼuu akkan dandaʼuuf miila kootiin na dhaabe.+
3 Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ani gara saba Israaʼel, gara saboota finciltoota taʼanii fi na irratti fincilan+ sanaatti sin erga.+ Isaanis taʼan abbootiin isaanii hamma harʼaatti illee cubbuu na irratti raawwachaa jiru.+ 4 Ani gara ilmaan hin ajajamnee* fi mata jabeeyyii taʼanitti sin erga;+ atis, ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha’ isaaniin jedhi. 5 Isaan finciltoota+ waan taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis, raajiin isaan gidduu akka ture dhugumaan ni beeku.+
6 “Ati garuu yaa ilma namaa, sokorruu fi qoreedhaan kan marfamte,+ torbaanqabaa* gidduus kan jiraattu* yoo taʼe illee, isaaniinis taʼe dubbii isaanii hin sodaatin.+ Isaan finciltoota waan taʼaniif, dubbii isaanii hin sodaatin;+ fuulli isaaniis si hin naasisin.+ 7 Isaan finciltoota waan taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda.+
8 “Ati garuu yaa ilma namaa, wantan sitti himu dhagaʼi. Ati akka namoota finciltoota taʼan kanaa finciltuu hin taʼin. Afaan kee baniitii wantan siif kennu nyaadhu.”+
9 Yommuun ilaalus, harka gara kootti diriirfame tokko nan arge;+ harka sana irrattis maraa kitaabaa+ irratti barreeffame tokko nan arge. 10 Yommuu inni na duratti isa diriirsuttis maraan kitaabaa sun fuulduraa fi duubaan irratti barreeffamee ture.+ Faaruun gaddaa, booʼichii fi iyyi irratti barreeffamee ture.+