Pheexiros Tokkoffaa
1 Pheexiros isa ergamaa+ Yesuus Kiristoos taʼe irraa, warra filatamoo Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa,+ Eeshiyaa fi Bitiiniyaa keessa tamsaʼanii yeroo gabaabaadhaaf jiraatan, 2 warra Waaqayyo Abbaan dursee beekuudhaan filate,+ akkasumas Yesuus Kiristoosiif akka ajajamanii fi dhiigni isaa akka isinitti facaafamuuf+ hafuuraan qulqulleeffamaniif:+
Gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.
3 Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif galanni haa taʼu; inni gara laafina isaa isa guddaadhaan, karaa duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoos+ abdii jiraataa+ taʼeef akka haaraatti akka dhalannu godheera;+ 4 kana kan godhe dhaala hin badne, hin xuroofnee fi hin mancaane akka argannuufi.+ Kunis samii keessatti isiniif kaaʼameera;+ 5 isin amantii waan qabdaniif, fayyina bara dhumaatti humna Waaqayyootiin mulʼatu sanaaf eegamtaniittu. 6 Qorumsa garaa garaatiin yeroo muraasaaf dhiphachuun yoo isin irra jiraate iyyuu, sababii kanaatiin amma gammachuu guddaa argachaa jirtu;+ 7 qorumsawwan kun kan isin irra gaʼan, amantiin keessan inni qorame,+ inni warqii isa ibiddaan yoo qorame* illee baduu dandaʼu caalaa gatii guddaa qabu sun yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja akka isiniif argamsiisuufi.+ 8 Isin matumaa isa argitanii kan hin beekne taʼus isa ni jaallattu. Amma isa kan hin argine yoo taʼe illee isatti ni amantu; akkasumas gammachuu guddaa jechaan ibsamuu hin dandeenyeen baayʼee gammadaa jirtu; 9 sababiin isaas, amantiin keessan fayyina akka isiniif* argamsiisu beektu.+
10 Raajonni gaarummaa guddaa isiniif kennamu ilaalchisee raajii dubbatan, waaʼee fayyina kanaa cimsanii gaafachaa fi of eeggannoodhaan qorachaa turan.+ 11 Isaan hafuurri isaan keessa jiru dhiphina hedduu Kiristoos irra gaʼuu fi ulfina sana booda dhufu dursee yommuu dhugaa baʼu,+ waaʼee yeroo isa kamii yookiin waaʼee waqtii akkamii akka argisiisu beekuuf qorannaa gochaa turan.+ 12 Isaan ofii isaanii tajaajilaa akka hin turre isaanitti mulʼifamee ture; kanaa mannaa, hafuura qulqulluu samiidhaa ergameen+ karaa namoota misiraachoo isiniif labsan sanaatiin wantoota isinitti himamanii wajjin haala wal qabateen isin tajaajilaa turan. Maleekonni illee wantoota kana ilaaluuf hawwii guddaa qabu.
13 Kanaafuu, sammuu keessan hojiidhaaf qopheessaa;+ dandeettii hubannaa keessanii eeggadhaa;+ abdii keessan gaarummaa guddaa yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatu isiniif kennamu sana irra kaaʼadhaa. 14 Ijoollee ajajamoo waan taataniif, hawwii yeroo wallaalota turtanitti hordofaa turtan sanaan tolfamuu keessan dhiisaa; 15 kanaa mannaa, akkuma Isa Qulqulluu isin waame sanaa, wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa;+ 16 sababiin isaas, “Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa”+ jedhamee barreeffameera.
17 Isin Abbaa isa utuu hin loogin+ tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii isaatti murtii kennu kan waammattan yoo taʼe, yommuu yeroo gabaabaadhaaf jiraattan kanatti sodaadhaan jiraadhaa.+ 18 Isin akkaataa jireenyaa keessan isa gatii hin qabne isa abbootiin keessan isinitti dabarsan* irraa bilisa kan baatan,*+ wantoota badaniin, jechuunis meetii yookiin warqiidhaan akka hin taane beektu. 19 Kanaa mannaa, bilisa kan baatan dhiiga Kiristoos+ isa gatii guddaa qabuun,+ jechuunis dhiiga hoolaa hirʼinaa fi mudaa hin qabneetiini.+ 20 Eeyyee, inni addunyaan hundeeffamuu isaa dura+ kan beekame taʼus, isiniif jecha baroota dhumaatti mulʼifame.+ 21 Isin Waaqayyo irratti amantii fi abdii akka qabaattaniif,+ karaa isaa, Waaqa isa duʼaa isa kaasee+ fi ulfina isaaf kennetti+ amantaniittu.
22 Egaa jaalala obbolummaa fakkeessaa hin qabneen+ dhugaadhaaf ajajamuudhaan waan of* qulqulleessitaniif, cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa.+ 23 Isin karaa dubbii Waaqa isa jiraataa taʼee fi yeroo hundumaa jiraatuun,+ akka haaraatti kan dhalattan,+ sanyii tortoruun utuu hin taʼin sanyii hin tortorreen*+ ture. 24 “Foon* hundi akka margaa ti, ulfinni isaa hundis akka daraaraa dirree ti; margichi ni coolliga, habaaboon isaas ni harcaʼa; 25 dubbiin Yihowaa* garuu bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”+ “Dubbiin” kunis misiraachoo isiniif lallabame sana dha.+