Qorontos Tokkoffaa
6 Isin gidduudhaa namni isa kan biraa wajjin wal dhabiinsa qabu tokko+ dhimma isaa qulqulloota duratti dhiheeffachuu mannaa, akkamitti mana murtii dhaqee jalʼoota duratti dhiheeffachuuf onnata? 2 Yookiin qulqulloonni addunyaatti akka murteessan hin beektanii?+ Maarree, isin addunyaatti kan murteessitan erga taatanii, dhimmoota baayʼee xixinnoo taʼan ilaaluuf gaʼumsa hin qabdanii? 3 Nuti maleekotatti illee akka murteessinu hin beektanii?+ Maarree dhimmoota jireenya ammaa keessatti isin mudatan irratti maaliif hin murteessitan? 4 Kanaafuu, dhimmoota jireenya ammaa keessatti murtii argachuu qaban yoo qabaattan,+ namoota gumii keessatti tuffataman abbootii murtii godhattuu? 5 Ani isin qaanessuufan kana dubbadha. Isin keessaa namni ogeessi obboloota isaa gidduutti murtii kennuu dandaʼu tokko illee hin jiruu? 6 Obboleessi obboleessa isaa mana murtiitti dhiheessa, isa iyyuu namoota hin amanne duratti!
7 Dhugaa dubbachuuf, mana murtiitti wal himachuun keessan iyyuu moʼamuu keessan argisiisa. Isinumti utuu miidhamtanii hin wayyuu?+ Isinumti utuu gowwoomfamtanii hin wayyuu? 8 Isin garuu ni miitu, akkasumas ni gowwoomsitu, isa iyyuu obboloota keessan!
9 Yookiin namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii?+ Hin dogoggorinaa.* Warri halaleen,*+ warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan,+ ejjitoonni,+ warri gadhaaʼan,+ warri nama gadhoomsan,*+ 10 hattoonni, sassattoonni,+ warri machaaʼan,+ warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+ 11 Isin keessaa tokko tokko namoota akkasii turtan. Haa taʼu malee, maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtanii+ qulqullooftaniittu,+ qulqulloota taataniittu, akkasumas qajeelota jedhamtaniittu.+
12 Wanti hundi naaf heyyamameera, taʼus wanti hundi hin fayyadu.+ Wanti hundi naaf heyyamameera, taʼus ani wanti kam iyyuu akka na toʼatu* hin heyyamu. 13 Nyaanni garaadhaafi, garaanis nyaataafi; Waaqayyo garuu lamaan isaanii iyyuu ni balleessa.+ Qaamni halalummaadhaaf* utuu hin taʼin hojii Gooftaatiif tajaajiluu qaba;+ Gooftaanis qaama ni kunuunsa. 14 Haa taʼu malee, Waaqayyo Gooftaa duʼaa kaaseera,+ nuunis humna isaatiin+ duʼaa ni kaasa.+
15 Qaamni keessan kutaa qaama Kiristoos akka taʼe hin beektanii?+ Maarree, kutaa qaama Kiristoos fuudhee kutaa qaama sagaagaltuu akka taʼu gochuun qabaa? Matumaa! 16 Namni sagaagaltuutti maxxanu ishii wajjin qaama tokko akka taʼu hin beektanii? Sababiin isaas, inni, “lamaan isaanii foon tokko taʼu”+ jedheera. 17 Namni Gooftaatti maxxanu kam iyyuu garuu hafuuraan+ isaa wajjin tokko taʼa. 18 Halalummaa* irraa baqadhaa!+ Cubbuu kan biraan namni tokko hojjetu hundi qaama isaatii alatti dha; namni halalummaa raawwachuu amaleeffate garuu qaama ofii isaa irratti cubbuu hojjeta.+ 19 Qaamni keessan hafuura qulqulluu isa isin keessa jiruu fi Waaqayyo biraa argattaniif+ mana qulqullummaa+ akka taʼe hin beektanii? Kana malees, isin kan ofii keessanii miti;+ 20 sababiin isaas, isin gatiidhaan bitamtaniittu.+ Kanaafuu, karaa hundumaatiin qaama keessaniin+ Waaqayyoof ulfina kennaa.+