Lallaba
3 Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba,
Wanti samii jalatti raawwatamu hundi yeroo qaba:
2 Dhalachuun yeroo qaba, duʼuunis yeroo qaba;
Dhaabuun yeroo qaba, isa dhaabame buqqisuunis yeroo qaba;
3 Ajjeesuun yeroo qaba, fayyisuunis yeroo qaba;
Diiguun yeroo qaba, ijaaruunis yeroo qaba;
4 Booʼuun yeroo qaba, kolfuunis yeroo qaba;
Gadooduun yeroo qaba, shubbisuunis* yeroo qaba;
5 Dhagaa darbachuun yeroo qaba, dhagaa walitti qabuunis yeroo qaba;
Hammachuun yeroo qaba, hammachuu irraa of qusachuunis yeroo qaba;
6 Barbaaduun yeroo qaba, akka badetti yaadanii dhiisuunis yeroo qaba;
Kaaʼuun yeroo qaba, gatuunis yeroo qaba;
7 Tarsaasuun yeroo qaba,+ walitti hodhuunis yeroo qaba;
Calluma jechuun yeroo qaba,+ dubbachuunis yeroo qaba;+
8 Jaallachuun yeroo qaba, jibbuunis yeroo qaba;+
Waraanni yeroo qaba, nagaanis yeroo qaba.
9 Hojjetaan tokko carraaqqii isaa hundumaa irraa maal argata?+ 10 Hojii Waaqayyo ilmaan namootaa akka itti qabamaniif isaaniif kenne nan arge. 11 Inni wanta hundumaa yeroo isaatti bareechee* tolcheera.+ Inni garaa ilmaan namootaa keessa bara baraaf jiraachuu kaaʼeera; taʼus isaan hojii Waaqni dhugaan jalqabaa kaasee hamma xumuraatti hojjete matumaa hubachuu hin dandaʼan.
12 Gammaduu fi bara jireenyaa isaaniitti wanta gaarii gochuu+ caalaa wanti isaaniif gaarii taʼe tokko illee akka hin jirre nan hubadhe; 13 kana malees, namni hundi nyaachuu, dhuguu fi hojii isaa isa jabaatee hojjete hundumaatti gammachuu argachuu caalaa wanti isaaf gaarii taʼe hin jiru. Kun kennaa Waaqayyoo ti.+
14 Wanti Waaqni dhugaan tolchu hundi bara baraaf akka jiraatu hubadheera. Wanti isa irratti dabalamus taʼe wanti isa irraa hirʼifamu tokko illee hin jiru. Namoonni akka isa sodaataniif,+ Waaqni dhugaan akka kanatti isa tolcheera.
15 Wanti taʼaa jiru kam iyyuu, wantuma kanaan dura taʼe dha; wanti gara fuulduraatti dhufus, wantuma kanaan dura ture dha;+ Waaqni dhugaan garuu wanta namoonni hordofaa turan* ni barbaada.
16 Aduu jalatti wantoota kanas nan arge: Bakka haqaa hamminatu ture, bakka qajeelummaas hamminatu ture.+ 17 Kanaafuu garaa kootti, “Hojiin hundii fi gochi hundi yeroo waan qabuuf, Waaqni dhugaan nama qajeelaa irrattis taʼe nama hamaa irratti murtii ni kenna”+ jedheen yaade.
18 Anis Waaqni dhugaan ilmaan namootaa akka qoruu fi akkuma horii taʼuu isaanii akka isaanitti argisiisu garaa kootti nan yaade; 19 sababiin isaas, wanti dhuma irratti namoota irra gaʼuu* fi horii irra gaʼu jira; wanti hunda isaanii irra gaʼu tokkuma.+ Akkuma inni tokko duʼu, inni kan biraanis ni duʼa; hundi isaanii hafuuruma+ tokko qabu. Wanti hundi gatii kan hin qabne waan taʼeef, namni horii irra caalmaa hin qabu. 20 Hundi isaanii gara bakka tokkoo dhaqu.+ Hundi isaanii biyyoo irraa argaman,+ hundi isaaniis gara biyyootti deebiʼu.+ 21 Hafuurri namootaa akka ol baʼu, hafuurri horii immoo gara lafaatti akka gad buʼu dhugumaan kan beeku eenyu?+ 22 Kun badhaasa* isaa waan taʼeef, nama tokkoof wanti hojii isaa irraa gammachuu argachuu+ irra isaaf caalu tokko illee akka hin jirre nan arge; maarree, inni erga duʼee booda wanta raawwatamu akka argu gochuu kan dandaʼu eenyu?+