BOQONNAA 22
Sobuu Kan Hin Qabne Maaliifi?
INTALLI tokko haadhasheetiin, “Eeyyee, akkuma mana barumsaatii gadhiifamnettan manatti deebiʼa” jette haa jennu. Sana booda hiriyootashee wajjin erga taphattee booda garuu haadhasheetiin, “Barsiisaa keenyatu barumsa booda na tursiise” jettiin. Akkas jettee dubbachuunshee sirriidhaa?—
Tariimmoo mucaan tokko abbaasaatiin, “Lakki, ani mana keessatti kubbaa hin taphanne” jedha taʼa. Haataʼu malee taphateera yoo taʼehoo? Ani hin taphanne jechuunsaa sirriidhaa?—
Barsiisaa Guddichi wanta gochuu qabnu nutti himeera. “Dubbii keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa taʼu, waawuun keessanis waawuu haa taʼu! Kana irraa kan hafe kan isa hamaa ti” jedheera. (Maatewos 5:37) Yesus yeroo akkas jedhu maal jechuusaa ture?— Wanta gochuuf waadaa galle raawwachuu qabna jechuusaa ture.
Macaafa Qulqulluu keessatti seenaa dhugaa dubbachuun hangam barbaachisaa akka taʼe ibsu tokko arganna. Seenaan kun waaʼee namoota duuka buutota Yesus ofiin jedhan lamaa kan ibsudha. Mee wanta raawwatame haa ilaallu.
Yesus duʼee utuu jiʼa lama hin guutin, namoonni hedduun ayyaana bakki guddaan kennamuuf, jechuunis ayyaana Phenxeqostee kabajuuf biyyoota fagoo addaddaatii gara Yerusaalem dhufan. Phexros ergamaan, Yihowaan Yesusiin duʼaa kaasuusaa ilaalchisee namoota sanaaf haasaa gaarii dhiheesse. Namoonni hedduun gara Yerusaalem dhufan, yeroo jalqabaatiif waaʼee Yesus kan dhagaʼan yeroo kanatti ture. Kanaaf, waaʼee dhimma kanaa caalaatti beekuu barbaadan. Yeroo kanatti maal godhanree?
Namoonni kun yeroo yaadanirra caalaa Yerusaalem keessa turan. Haataʼu malee, isaan keessaa tokko tokko yeroo muraasa booda qarshiinsaanii waan jalaa dhumeef, gargaarsi warra kaanii isaan barbaachisee ture. Duuka buutonni Yesus warri Yerusaalemitti argamanis namoota kana gargaaruu barbaadan. Kanaaf, baayʼeensaanii wanta qaban gurguranii qarshiisaa gara ergamoota Yesusitti fiduu jalqaban. Ergamoonnimmoo qarshicha namoota rakkatan kanaaf kennu turan.
Anaaniyaasiifi haati manaasaa Safiiraan warri miseensota gumii Yerusaalem turanis kaayyoo kanaaf lafasaanii gurguran. Namoonni kun ofumasaaniitiin kakaʼanii kana godhan malee, namni isaan dirqisiise hin jiru. Kana kan godhan garuu duuka buutota Yesus warra haaraadhaaf jaalala waan qabaniif hin turre. Anaaniyaasiifi Safiiraan namoota gaarii fakkaatanii warra kaanitti mulʼachuuf yaalii gochaa turan. Kanaan kan kaʼes, warra kaan gargaaruuf qarshii qaban hunda akka kennan fakkeessanii dubbachuuf murteessan. Qarshiisaanii keessaa muraasasaa kan kennan yoo taʼeyyuu, hundasaa akka kennan godhanii dubbatan. Gochisaanii kun sirrii sitti fakkaataa?—
Achiis Anaaniyaas gara ergamootaa dhufee qarshicha isaanitti kenne. Waaqayyo garuu Anaaniyaas qarshii hunda akka hin kennine beeka ture. Kanaaf Waaqayyo, Anaaniyaas sobuusaa Phexros akka hubatu godhe.
Phexrosis akkas jedheen: ‘Anaaniyaas, Seexanni gocha akkasii akka raawwattu akka si godhu maaliif heyyamte? Qabeenyi kun kanumakee ture. Akka gurgurtu kan si dirqisiise hin jiru. Qabeenya kana erga gurgurtee boodas, qarshicharratti ajajuuf mirga qabda turte. Qarshicha keessaa gar tokkoosaa qofa kennitee, akka waan guutummaasaa kenniteetti fakkeessuu kan barbaadde maaliifi? Kana yommuu goote Waaqayyoon malee nuun sobuukee hin turre.’
Dhimmi kun wanta akka laayyootti ilaalamu miti. Yeroo kanatti Anaaniyaas sobaa jira ture! Anaaniyaas wanta hin goone akka godhe fakkeessee dubbachaa ture. Macaafni Qulqulluun, “Anaaniyaas dubbii kana yommuu dhagaʼe, lafa dhaʼee duʼe” jechuudhaan wanta sana booda raawwatame nutti hima. Yeroo kanatti Anaaniyaas dhaʼicha Waaqayyootiin duʼe! Sana booda reeffasaa fuudhanii awwaalan.
Gara saʼaatii sadii boodammoo Safiiraan ni dhufte. Yeroo kanatti wanta abbaa manaasheerra gaʼe hin beekne turte. Achiis Phexros, ‘Maasii keessan qarshii nutti kennitan qofatti gurgurtanii?’ jedhee ishee gaafate.
Safiiraanis, ‘Eeyyee maasicha hammanumatti gurgurre’ jettee deebisteef. Kun garuu soba ture. Qarshii maasicha itti gurguran keessaa muraasasaa ofiif hambifataniiru. Kanaaf, Waaqayyo Safiiraanis akka duutu godhe.—Hojii Ergamootaa 5:1-11.
Maarree wanti Anaaniyaasiifi Safiiraarra gaʼe maal nu barsiisa?— Waaqayyo namoota soban akka hin jaallanne nu barsiisa. Inni yeroo hunda dhugaa akka dubbannu barbaada. Namoonni hedduun garuu sobuun rakkina tokkoyyuu hin qabu jedhanii dubbatu. Namoonni kun sirriidha jettee yaaddaa?— Dhukkubni, rakkinniifi duuti kan dhufe sababii sobaatiin akka taʼehoo beektaa?—
Seexanni dubartii ishee jalqabaa jechuunis Hewwaanitti soba akka dubbate yaadadhu. Seexanni, Hewwaan Waaqayyoof abboomamuu diduudhaan ija mukaa akka hin nyaanne Waaqayyo ishee dhowwerraa yoo nyaatte akka hin duune itti hime. Hewwaanis wanta Seexanni jedhe amanuudhaan ija mukaa sanarraa kan nyaatte siʼa taʼu Addaamiifis ni kennite. Kanaan kan kaʼe isaanis taʼan ijoolleensaanii hundi cubbamoota taʼan. Isaan cubbamoota waan taʼaniif ijoolleen Addaam hundi rakkinaafi duʼaaf saaxilaman. Kanaaf rakkinni biyya lafaarratti argamu kan jalqabe akkamitti jechuudha?— Eeyyee, sobarraa jalqabe.
Yesus, Seexanni “sobaa dha, abbaa sobaa tis” jedhee dubbachuunsaa nama hin dinqisiisu! Yeroo jalqabaatiif soba kan dubbate isadha. Kanaaf namni tokko yommuu soba dubbatu, wanta Seexanni yeroo jalqabaatiif godhe gochaa jira jechuudha. Soba akka dubbannu yommuu qoramnu hundatti dhimma kana yaadachuu qabna.—Yohannis 8:44.
Atoo sobuuf kan qoramtu yeroo akkamitti taʼuu dandaʼa?— Wanta sirrii hin taane yommuu raawwattudha mitii?— Tarii akka tasaa qodaa tokko ni cabsita taʼa. Eenyu akka cabse yommuu gaafatamtu garuu, obboleessikee ykn obboleettiinkee akka cabsan dubbachuu qabdaa? Yookiin eenyu akka cabse akka hin beekne fakkeessuuf yaalii gochuu qabdaa?—
Hoji manee hojjechuu qabdu keessaa muraasasaa qofa yoo hojjettehoo? Gar tokkoosaa qofa kan hojjette yoo taʼe, guutummaasaa akka hojjettetti dubbachuu qabdaa?— Yeroo kanatti wanta Anaaniyaasiifi Safiiraarra gaʼe yaadachuu qabna. Isaan guutummaatti dhugaasaa hin dubbanne. Waaqayyo namoonni kun akka duʼan gochuudhaan gochisaanii hammam gadhee akka ture argisiiseera.
Kanaaf waan fedheyyuu yoo goone, sobuun keenya caalaatti rakkina keessa nu galcha; kana malees wanta walakkaansaa qofti dhugaa taʼe dubbachuu hin qabnu. Macaafni Qulqulluun, ‘Dhugaa dubbadhaa!’ jedha. Akkasumas, “Soba walitti hin dubbatinaa!” jedha. Yihowaan yeroo hunda dhugaa kan dubbatu taʼuusaarrayyuu, nuyis dhugaa akka dubbannu barbaada.—Efesoon 4:25; Qolosaayis 3:9.
Yeroo hunda dhugaa dubbachuu qabna. Yaanni Baʼuu 20:16; Fakkeenya 6:16-19; 12:19; 14:5; 16:6 fi Ibroota 4:13rratti ibsame kana kan argisiisudha.