Faarfannaa 24
Ija Kee Badhaasicharra Kaa’adhu!
1. Iji jaame yommuu arguu
Gurri duudes yoo dhaga’uu,
Lafti onaan yoo lalisuu
Lafti gogaan bishaan baasuu,
Yeroo naafti ulee gatuu
Michoonni waliin jiraatuu,
Ni argita ija keetiin,
Badhaasichatti abdannaan.
2. Yommuu dubbatu didaanii,
Dardara ta’an jaarsonnii,
Yommuu lafti firii laattuu
Wanti gaariin yommuu guutu,
Yommuu faarfatan ijoolleen,
Gammachuuf nagaan baay’atan,
Argita yoo ka’u du’aan,
Badhaasichatti abdannaan.
3. Wajjin dheedu yeeyyiif hoolaan,
Amaakenniifi jabbileen,
Mucaa xinnaan isaan tiksaa,
Ni dhaga’u ajajasaa.
Yommuu hafu imimmaanii
Bade sodaafi dhukkubnii,
Ni jiraatta eebba kanaan,
Badhaasichatti abdannaan.
(Dabalataan Isa. 11:6-9; 35:5-7; Yoh. 11:24 ilaali.)