BOQONNAA 66
Ayyaana Daasii Kabajuuf Gara Yerusaalem Deeme
YESUUS MANA QULQULLUMMAA KEESSATTI BARSIISE
Yesuus waggoota erga cuuphamee booda dabarse keessatti baayʼee beekameera. Yihudoonni hedduun dinqiiwwan inni hojjete arganiiru, oduun waaʼee wanta inni hojjetee dubbatamus biyyattii keessa tamsaʼeera. Amma, yeroo Ayyaanni Daasii ykn Gordommaa Yerusaalemitti kabajamutti, namoonni hedduun isa barbaadaa jiru.
Yaadni Yesuusiin ilaalchisee dubbatamu baayʼee garaa gara dha. Namoonni tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhu. Kaan immoo, “Inni nama gaarii miti. Namoota dogoggorsa” jedhu. (Yohaannis 7:12) Yaadawwan kun kan dubbataman guyyoota jalqabaa ayyaanichi kabajamutti dha. Haa taʼu malee, sodaan ‘Geggeessitoota amantiitti maaltu dhagaʼama laata?’ jedhu waan tureef, namni ija jabaatee fuulleetti Yesuusiif dubbate hin jiru.
Gara walakkaa ayyaanichaatti, Yesuus mana qulqullummaa keessatti barsiisuu jalqabe. Namoonni hedduun dandeettii barsiisuu inni qabu baayʼee dinqisiifatan. Mana barumsaa warra rabbii galee waan hin baranneef Yihudoonni dinqisiifannaadhaan, “Namichi kun mana barumsaa galee utuu hin baratin, beekumsa Kitaabota Qulqulluu akkanaa akkamitti argate?” jedhan.—Yohaannis 7:15.
Yesuus akkana jechuudhaan ibse: “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti. Namni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu kam iyyuu, barumsi kun Waaqayyo biraa akka dhufe yookiin ani ofii kootiin kakaʼee kanan dubbadhe taʼuu fi dhiisuu koo ni beeka.” (Yohaannis 7:16, 17) Wanti Yesuus barsiisu Seera Waaqayyoo wajjin kan wal simu waan taʼeef, ulfina mataa isaa utuu hin taʼin, ulfina Waaqayyoo akka barbaadu hubachuun ni dandaʼama.
Yesuus itti aansuudhaan, “Museen Seera isiniif kennee hin turree? Haa taʼu malee, tokkoon keessan iyyuu Seerichaaf hin ajajamtan. Na ajjeesuu kan barbaaddan maaliifi?” jedhe. Namoonni bakka kaanii gara magaalattii dhufan tokko tokko namoonni isa ajjeesuuf yaalaa akka jiran hin beekan. Namoonni kun, namni barsiisaa akkasii ajjeesuuf yaalu jira jedhanii yaaduun waan isaanitti ulfaate fakkaata. Yesuus yaada kana kan dubbate rakkina tokko waan qabuuf taʼuu qaba jedhanii murteessan. Kanaaf, “Jinniitu si irra jira. Eenyutu si ajjeesuu barbaada?” isaan jedhan.—Yohaannis 7:19, 20.
Waggaa tokkoof walakkaa dura, geggeessitoonni amantii, Yesuus guyyaa Sanbataatti namicha tokko erga fayyisee booda isa ajjeesuu barbaadanii turan. Kanaaf Yesuus amma, dhimma akka isaan irratti yaadan godhu tokko kaasuudhaan sababiin isaan dhiheessan sirrii akka hin taane saaxile. Seericha keessatti, mucaan tokko dhalatee guyyaa saddeettaffaa isaatti guyyichi Sanbata irra yoo oole iyyuu dhaqna qabachuu akka qabu ibsamuu isaa caqase. Achiis akkana isaaniin jedhe: “Seerri Musee akka hin cabneef namni tokko guyyaa sanbataatti dhaqna kan qabatu erga taʼee, ani guyyaa sanbataatti nama tokko guutummaatti fayyisuu kootti maaliif akka malee natti aartu? Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa murtii qajeelaa murteessaa.”—Yohaannis 7:23, 24.
Jiraattonni Yerusaalem warri waaʼee dhimma kanaa beekan akkana jedhan: “Kun, namicha isaan [bulchitoonni] ajjeesuu barbaadan sana mitii? Garuu kunoo, inni ifatti dubbachaa jira, isaanis homaa isatti hin dubbatan. Tarii bulchitoonni inni dhuguma Kiristoos taʼuu isaa hubataniituu laata?” Akkas taanaan, namoonni Yesuus Kiristoos akka taʼe kan hin amanne maaliifi ree? “Namichi kun eessaa akka dhufe beekna; haa taʼu malee, Kiristoos yeroo dhufu eenyu illee eessaa akka inni dhufu hin beeku” jedhan.—Yohaannis 7:25-27.
Yesuus mana qulqullummaa kana keessatti akkana isaaniin jedhe: “Isin ana beektu, eessaa akkan dhufes beektu. Ani ofii kootiin kakaʼee hin dhufne; haa taʼu malee inni ana erge Sun dhuguma jira; isin garuu isa hin beektan. Ani bakka buʼaa isaa taʼee waanan dhufeef isa beeka; kan na erges Isa dha.” (Yohaannis 7:28, 29) Yaada ifaa taʼe kana dubbachuu isaatti, namoonni qabanii isa hidhuu ykn isa ajjeesuuf yaalan. Taʼus yeroon Yesuus itti duʼu waan hin geenyeef yaaliin isaan taasisan jalaa fashalaaʼe.
Taʼus, namoonni hedduun Yesuusitti amananiiru, dhugumas immoo amanuu qabu. Bishaan irra deemeera, qilleensa tasgabbeesseera, daabboo fi qurxummii muraasaan namoota kumaan lakkaaʼaman sooreera, namoota dhukkubsatanii fi namoota naafatan fayyiseera, qaro dhabeeyyiidhaaf qaroo isaanii deebiseera, namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyiseera, namoota duʼan illee duʼaa kaaseera. Dhuguma iyyuu, “Kiristoos yommuu dhufu, dinqiiwwan namichi kun hojjete caalaa hojjetaa laata?” jedhanii gaafachuuf sababii gaʼaa qabu.—Yohaannis 7:31.
Fariisonni waaʼee Yesuus wanta namoonni dubbachaa jiran kana yommuu dhagaʼan, angafoota lubootaa wajjin walii galanii akka isa qabaniif eegdota mana qulqullummaa ergan.