FAARFANNAA 49
Yihowaa Gammachiisuu
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Waaqa keenya isa guddaa,
Ogummaadhaan siif hojjenna;
Taanaan gaʼee ni qabaanna,
Si gammachiisuu dandeenya.
2. Garbichi kee kan lafarraa,
Ulfina kee labsaa jira;
Yeroosaatti nyaata kenna,
Kanaan jabina arganna.
3. Amanamoo akka taanu,
Firii hafuuraa ʼkka horru,
Gaaf hunda si gammachiisuuf
Hafuura kee haa argannu.
(Dabalataan, Mat. 24:45-47; Luq. 11:13; 22:42 ilaali.)