FAARFANNAA 112
Yihowaa, Ati Waaqa Nagaa Ti
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Waaqa jaalalaa ti,
Nagaa nuu fiduuf jetta.
Hafuura kee nuu kenniitii,
Firiisaa ni godhata.
Amantiin Ilma kee
Jaallatturratti qabnu,
Michoota kee nu godheera;
Sittʼ akka araaramnu.
2. Hafuura nuu laattuun
Dubbii kee ni hubanna.
Addunyaa kana keessatti
Eegumsa kee arganna.
Hamma waraannii fi
Sodaan balleeffamutti,
Carraaqqii keenya eebbisi
Haa jiraannu nagaatti.
3. Samiif lafarratti
Michoota kee sassaabde,
Hafuura keen tokko taane
Himuuf Mootummaa dhaabde.
Waraana balleessa
Dhihootti bulchiinsi kun.
Achiis garraamonni nagaan
Jiraatu bara baraan.
(Dabalataan, Far. 4:8; Filp. 4:6, 7; 1 Tas. 5:23 ilaali.)