FAARFANNAA 123
Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Waaʼee Mootummichaa sabni Yihowaa
Addunyaa maratti waan lallabaniif,
Seera tiʼookraasiif bitamuu qabu;
Amanamoo taʼuu fi tokkummaadhaaf.
(BUUSAA)
Amanamummaan Waaqaaf bitamuu
Akka qabnu beekna.
Inni nu eega, jaalalas qaba.
Isaaf ni amanamna.
2. Waaqni nuu kenne bulchaaf hafuurasaa.
Kanaan yeroo hundumaa nu geggeessa.
Waaqa gammachiisna, cimnee dhaabbanna.
Amanamummaadhaan labsiisaa himna.
(BUUSAA)
Amanamummaan Waaqaaf bitamuu
Akka qabnu beekna.
Inni nu eega, jaalalas qaba.
Isaaf ni amanamna.
(Dabalataan, Luq. 12:42; Ibr. 13:7, 17 ilaali.)