QOʼANNAA 20
Yaada Xumuraa Buʼa Qabeessa
Lallaba 12:13, 14
YAADA IJOO: Yaada xumuraa kee irratti, dhaggeeffattoonni wanta baratan akka fudhatanii fi akka hojii irra oolchan kakaasi.
KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
Yaada xumuraa kee guutummaa barumsa kee wajjin wal qabsiisi. Qabxiiwwan ijoo taʼanii fi yaada ijoo barumsichaa irra deebiʼi ykn jecha kan biraatiin dubbadhu.
Dhaggeeffattoota kee kakaasi. Dhaggeeffattoonni kee maal gochuu akka qabanii fi sababii quubsaa kana gochuu itti qaban ibsi. Wanta dubbattutti akka amantuu fi barbaachisaa taʼuu isaa haala argisiisuun garaadhaa dubbadhu.
Yaadni xumuraa kee salphaa fi gabaabaa akka taʼu godhi. Qabxiiwwan ijoo haaraa taʼan hin beeksisin. Hamma dandaʼametti jechoota muraasatti fayyadamiitii hojiidhaaf kakaasuudhaan xumuri.