‘Ana Duukaa Bu’aa’
1 Namoonni baay’een jireenyasaanii keessatti bakka guddaa kan kennan gammachuu argachuu ta’us, gammachuu argachuu hin dandeenye. Yesus garuu, karaa ofittummaarraa walaba ta’een warra kaaniif kennuun gammachuu dhugaa argamsiisa jedheera. (HoE. 20:35) “Namni tokko illee ana duukaa bu’uu yoo barbaade, waa’ee ofii isaa dhiisee . . . ana duukaas haa bu’u!” jedhee dubbateera. (Mar. 8:34) Kunimmoo darbee darbee wantoota nu gammachiisan tokko tokko gochuu dhiisuu qofa utuu hin ta’in, guyyaa hundumaa jireenya Yihowaa gammachiisu jiraachuu kan dabalatudha.—Rom. 14:8; 15:3.
2 Mee fakkeenya Phaawulos ilaalaa. Isaaf, “Kiristos Yesusiin beekuun hundumaa irra waan caaluuf,” fedhasaa hordofuu mannaa sochiiwwan Mootummaa Waaqayyoo babal’isaniif dursa kenneera. (Filp. 3:7, 8) “Ani isiniif jedhee waanan qabu hundumaa, ofii koo illee taanaan isiniif dabarsee kennuudhaaf nan gammada” jedheera. (2 Qor. 12:15) Hundi keenya akkas jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha: ‘Yerookoo, humnakoo, dandeettiikoofi qabeenyakootti hangamin gargaaramaa jira? Caalaatti kan ani xiyyeeffadhu of gammachiisuumoo Yihowaa gammachiisurrattidha?’
3 Carraawwan Itti Wanta Gaarii Gochuu Dandeenyu: Dhugaa Baatonni Yihowaa, waggaa waggaadhaan hojii Mootummaa Waaqayyoo isa lubbu baraarsaa ta’e lallabuurratti sa’aatii biliyoona tokkoo ol ta’u dabarsu. Gumii keessattis dargaggoonnis ta’an maanguddoonni hojiiwwan warra kaan fayyadu adda addaa raawwatu. Warri tokko tokko bakka babal’istoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajilu. Hojiiwwan waaqeffannaa dhugaa babal’isuuf gargaaran kan akka walga’iiwwan aanaafi koonyaa akkasumas hojiiwwan ijaarsaafi suphaa wajjin wal qabatan baay’eenis ni hojjetamu. Mee gargaarsa obboloonni jaalalaan kaka’anii Koree Hospitaalaan Walqunnamsiisuufi Garee Dhukkubsattoota Do’atu keessa jiran kennan yaadaa. Carraaqqii hundisaanii aarsaa godhanii of dhiheessuuf godhan, dhugumaan tokkummaa obbolummaa keenyaaf eebbadha!—Far. 110:3.
4 Yeroo balaan uumamaa ga’u ykn gargaarsi atattamaa barbaachisu carraawwan gargaarsa garagaraa gochuuf nu dandeessisan ni uumamu. Kanaafuu, yeroo baay’ee obboloonni keenya gargaarsaafi jajjabina akka barbaadan hubachuu dandeenya. (Fak. 17:17) Warra kaan tajaajiluuf mataa keenya yommuu dhiheessinuufi fedhii Mootummichaaf yeroo dursa laannu fakkeenya Yesus hordofaa jirra jechuudha. (Filp. 2:5-8) Akkas Gochuuf carraaqii gochuu keenya itti haa fufnu.